Hojiilee omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf raawwatamaa jiran

Natsaannat Taaddasaatiin

Finfinnee: Omishaafi omishtummaa bunaa guddisuu, ammayyeessuufi qulqullinasaa mirkaneessuurratti xiyyeeffatanii hojjechuun guddina biyyattii si’eessuu keessatti gumaacha olaanaa qaba.

Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Misooma Damee Bunaafi Muduraa  Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Mahaamad Saanii  ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, mootummaan naannichaa invastimantii bunaafi gabaasaa jajjabeessuuf sagantaa bal’aa qopheeffatee hojjechaa jira.

Omishaafi omishtummaa bunaafi galii omisha bunarraa argamu guddisuufis abootii qabeenyaa invastimantiisaarratti bobba’an akkasumas dhiyeessitootaafi daldaltoota alergii bunaarratti bobba’an jajjabeessaa akka jirus himaniiru.

Qonnaan bultoonni omisha bunaarraa galii fooyya’aa akka argataniif xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu kan eeran Obbo Mahaammad, hojichi galii sharafa alaarraa argamu guddisuuf akka gargaaruudha kan himan.  

Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf qonnaan bultootaaf teknolojii barbaachisu dhiyeessaafi tajaajila qarshii liqii akka mijatuuf taasifneerras jedhan.

Omisha bunaa Itoophiyaan waggaatti  argattu keessaa %70 kan gumaachu Oromiyaa ta’uu himanii, Godinaalee Oromiyaa buna biqilchan 18 keessaa bunni Godina Gujii Lixaa sadarkaa tokkoffaa hanga afuraffaatti akka argamu himan.

Bunni godinichaa dhandhama addaa waan qabuuf gabaa addunyaarratti jaallatamaafi filatamaadha. Omisha bunaa toonii kuma 40 barana godinichatti walitti qabama jedhamee eegamu keessaa %80 qulqullinaan walitti qabamee gabaa addunyaatiif dhiyaata jedhan.

Omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannaa addaatiin hojjechaa jiraachuu kan jedhan Obbo Mahaammad,  barana qarshii miliyoona 137 ramaduudhaan omishni bunaa teknolojiidhaan akka deggeramu taasifameera.

Yeroo ammaa bal’inni lafa Oromiyaa misooma bunaatiin uwwifame heektaara miliyoona lama ga’uu himanii, kana keessaa %35 buna dulloomaa omishaan ala ta’eedha jedhan. Hundee bunaa dulloome gamashuudhaan deebi’ee margee ija gaarii akka kennu taasisuufi kaan  ammoo buqqisnee haaraadhaan bakka buusuudhaan omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf hojiilee guguddoon raawwatamaa jiraachuu himaniiru.  

Daarektarri Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii Federaalaa Doktar Addunyaa Dabalaa akka jedhanitti, abbaan taayitichaa hojiilee buna biqilchuurraa hanga alatti erguutti raawwataman hunda to’achuu, hordofuufi deggeruudhaan akkasumas warra buna alatti erganiifi bitan walquunnamsiisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Gabaa addunyaarratti dorgomaa ta’uufis qulqullina bunaa sadarkaasaa eeggate dhiyeessuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira.

Fooyyessa waggaa lamaa as hojimaataafi imaammatarratti taasifameen qonnaan bulaan yeroo ammaa omisha bunasaa kallattiidhaan gabaa addunyaatiif akka dhiyeessuuf haalli mijataan uumameeraaf kan jedhan Doktar Addunyaan, haaluma kannaan qonnaan bultoonni bunaa 500 ta’an eeyyama omisha bunasaanii kallattiidhaan gabaa addunyaatiif dhiyeessuu argataniiru. Hojiilee fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf raawwatamaa turaniin qonnaan bulaan yeroo ammaa omisha bunaarraa bu’aa fooyya’aa argachaa jiraachuu himaniiru.

Ministir De’eetaan Ministeera Qonnaa Aadde Ayinaalam Nigusee akka jedhanitti, akka waliigalaatti omishaafi omishtummaan buna biyyattii bara 2012/13 fooyya’iinsa olaanaa agarsiiseera. Qonnaan bultoonni adda dureen galteewwan qonnaa kanneen akka pootaashii fayyadamuun akkasumas omisha bunaa mala aadaarraa gara ammayyaatti ceesisuuf hojjechaa jiraachuufi hojiilee hundee bunaa dulloome gamashuudhaan ykn muranii haaraan akka margu taasisuuf raawwataman omishaafi omishtummaa bunaa guddisuurratti gumaacha olaanaa taasiseera.

Abbootiin qabeenyaa omisha bunaarratti bobba’anis qonnaan bultoota naannawasaanii ofitti hammachuun deggeraafi muxannoo teknolojiisaanii qoodaafiin fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu himanii, ministeerichis Abbaa Taayitaa Bunaafi Shaayii waliin ta’uun omishaafi omishtummaa bunaa guddisuu, qonnaan bultoonni omisha bunaarraa bu’aa gaarii akka argataniif walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf hojjechaa jira jedhan. Omishtummaa bunaa guddisuun guddina dinagdee biyyattii utubuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus eeraniiru.

Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013

Recommended For You

One Comment to “Hojiilee omishaafi omishtummaa bunaa guddisuuf raawwatamaa jiran”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *