Saamraawiit Girmaatiin
Finfinnee: Dhiheenya kana Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Giddugala Gabaa Jamoo waggoota sadii dura hojjetamee tajaajila malee ta’aa ture hojii eegalsiiseera. Giddugalicha keessa yoo seenamu barjaaleen hedduun kan barreeffaman jalqabarratti Afaan Oromootiini. Kunimmoo kan agarsiisuu Oromoon Finfinneetti hojii daldalaatti seenaa jiraachuu kan agarsiisuudha.
Nutis daldaltoota achitti hojiisaanii eegalan keessaa muraasa kan dubbisne yoo ta’u, rakkoon ijoo isaan kaasan giddugalichi waan hinbeeksifamneef gabaan hanga yaadame akka hintaane ibsu.
Dargaggoo Awwal Sayid hojjetaa Gabaa Yuuniyeenii Raayyaa Waaqkennaati. Innis Giddugala Gabaa Jamoo keessatti daakuu Waaqkennaa gurgura. Akka inni jedhutti, giddugala akkanaa argachuun kan daran nama gammachiisuufi qonnaan bulaarraa karaa yuuniyeenii omisha fidanii Finfinneetti gurguruun carraa guddaadha. Qonnaan bulaan omishasaa gatii madaalawaan akka gurguratu taasisuurra darbee, jiraattonni magaalattii osoo faddaalaan gidduu hinseenin omisha qulqulluufi gatii gaarii dhiheenyasaaniitti akka argatan gargaara.
Omishoota garagaraa alarraa gaafa bitan gatiinsaa ol ka’uu caalaa waan addaddaatiin waliin makamee qulqullinnisaa gadi bu’uu akka danda’u kaasee, kanneen giddugalichatti daldalan garuu seera qabeessaafi omisha kallattiidhaan qonnaan bultootaafi warshaaleerraa fidanii kan raabsan waan ta’eef omisha qulqulluutu dhihaata jedha.
Sababa hojiin beeksisuun hinhojjetamneef namoonni naannawichaa bakkichallee sirriitti akka hinbeekne eeree, bulchiinsi magaalattii agarsiiftuuwwan garagaraa dhaabuun, miidiyaaleenis akka beeksisaniif gaafateera.
“Oromoon Finfinnee hinnyaatu yoo irratti hojjetee nyaate malee, Finfinneeitti kophee haxaa’uurraa eegalee hanga sadarkaa guddaatti hojjechuu qaba. Saboonni biroo hojii hintuffatan. Nutis isaanirraa barachuu qabna. Qabsoon Oromoo amma dinagdee ta’uutu irra jiraata” jedha.
Shamarree Eebbisee Tasfaas giddugalichuma keessatti hojjettuu gurgurtaa Federeshinii Waldaa Gamtaa Qonnaan Bultoota Oromiyaati. Giddugalonni akkannaa babal’achuun qonnana bultoonni kanaan dura sababa faddaalaatiin bittaafi gurgurtaa keessa seenuuf fayyadamaa hinturre akka fayyadaman akka isaan taasisu dubbatti.
Akka isheen ibsitutti, federeshinicha jala yuniyeenonni 65 kan jiran yoo ta’u, qonnaan bultootni isaan jala jiranis omishasaanii isaanitti kan kennatan ta’ullee, omishni kallattiidhaan ummata bira ga’aa waan hinturreef isaanis, ummannis faayidaa argachaa hinturre.
Gaafa giddugaloonni gabaa babal’atanii bakki gurgurtaa argamu garuu qonnaan bulaanis gatii argachuu qabu ni argata; bitataanis gataa madaalawaadhaan omisha naannawasaatti ni argata. Gatii qofa osoo hintaane omishni dhihaatu qulqullinasaa kan eeggate waan ta’ef faayidaansaa hundumaafi jetti.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee magaalattiitti giddugala gabaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuun carraa guddaa ta’uus kaastee, carraa kanatti immoo Oromoonis fayyadamuu akka qabu dhaamti.
Hojjetaa Yuniyeenii Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Amboo Obbo Asaffaa Fufaas gamasaaniitiin, giddugalli akkanaa qophaa’uun faayidaa guddaa qabaachuu eeranii, kanaan dura qonnaan bulaan yeroo midhaan sassaabu faddaalootumatu qe’eesaa dhaqee gatii gadi bu’aadhaan bitee faayidaa dhabsiisaa turuu kaasu. Amma garuu yuniyeenoonni gatii madaalawaadhaan omisha qonnaan bulaa bitanii Finfinneetti fiduun waan gurguraniif fayyadamaa ta’aa jiraachuufi gabaan magaalattiis akka tasgabbaa’uuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsu.
“Carraa kanatti immoo Oromoon daldalarratti bobba’e kamuu fayyadamuu qaba, duraan karaan itti Finfinnee seenanii omisha gurgurachuun qonnaan bulaa fayyadaa gabaa tasgabbeessuu cufaa ture. Amma garuu karaan babbanamaa waan jiruuf Oromoon daldala Finfinneetti daldalatti seenee hojjechuu qaba” jedhu.
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013
5 Comments to “Oromoon Finfinneetti daldala kamuurratti bobba’ee hojjechuu qaba”