Warraaqsa dinagdee Oromiyaa si’eessuuf gootota misoomaa horachuu

Bayyanaa Ibraahimiin

Adaamaa: Aadde Fiqaadee Jootee Godina Arsiitti jiraattuu Aanaa Zuwaay Dugdaa yemmuu ta’an, mukkeen naannawasaanii yeroorraa yerootti ciramaa dhufuusaaniitiin bona bubbee hamaaf, ganna immoo lolaa cimaaf saaxilamaa dhufuusaatiin jireenyisaanii rakkoo keessa galuu dubbatu.

Rakkkoo gama kanaan isaan mudate jalaa bahuuf misooma magariisaarratti xiyyeeffachuusaanii kan himan Aadde Fiqaadeen gootota misoomaa mootummaan naannoo Oromiyaa badhaase keessaa tokko ta’uu danda’aniiru.

 Sirna badhaasaafi beekamtii gootota misoomaa Oromiyaaf tibbana Adaamaatti laatamerratti qonnaan bultoonni,horsiisee bultoonniifi namoonni misooma magariisaarratti bobbaan hedduun kan badhaafaman yoo ta’u sochichi jajjabeessaa ta’ee argameera.

Akka ibsa Aadde Fiqaadeetti; bara darbe rraa eegalee dubartoota 60 ta’anii gurmaa’anii hojii kunuunsa naannoofi qabeenya uumamaa irratti hirmaachaa jiraachuu dubbatu.

Kanaanis bara darbe tattaaffii dhuunfaasaaniin taasisaniin sanyiiwwan biqiltuu gosa garaa garaa danfisuudhaan biqiltuu kuma 600 ta’u ummata naannawa sanaaf raabsuun sochii ashaaraa magariisaa babal’isuu keessatti qooda bahachaa turaniiru.

Biqiltuun bara darbe isaan irraa fudhatamee dhaabbame yeroo ammaa haala gaariirra jiraachuusaafi bara dhufummoo sanyiiwwan biqiltuu gosa garaa garaa miliyoona tokko ta’u danfisanii ummataaf hiruudhaaf karoorfachuus ni ibsu.

Sanyii biqiltuu bara darbe danfisanii ummataaf hiranis ta’ee isa bara dhufu danfisaniif kanfaltiin isaniif kennamu tokkos kan hin jirre ta’uu kan himan Aadde Fiqaadeen, kanfaltiifi bu’aansaanii kunuunsa naannoo milkeessuu qofa akka ta’e dubbatu.

Dubartoota kanfaltii malee kunuunsa naannoosaaniif  dhimmaman  kana hundaaf sagantaan beekkamtiifi badhaasa kennuu qonnaan bultootaafi horsiisee bultoota tibbana Adaamaatti adeemsifamerratti gaggeeffameera. Beekamtiin kennameef kunimmoo kana caalaa akka hojjetaniif kan isaan onnachiise ta’uu kaasaniiru.

Sagantaa kanarratti Aadde Fiqaadee dabalatee namoonni hedduun beekamtii kan argatan yoo ta’u  sochichi kan jajjabeeffamuu qabuufi dhaalamuu qabu ta’uus ibsameera. Kanamalees qonnaan bulaafi horsiisee bultoonni gara garaa hojiisaaniin moodela ta’anis badaasicha dhuunfataniiru.

Sirni beekamtii kun qonnaan bulaarraa hanga horsiisee bulaatti, hayyuu damee kanaaf gumaacha guddaa kennee hanga miidiyaalee tiraanisformeeshinii qonnaa naannichaa ummata biraan gahaa turaniif badhaasa kennuutti kan ga’u ture.

Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa immoo miidiyaalee sochii qonna naannichaa faana dhahuudhaan ummataan gahuusaaniitti badhaafaman keessaa isa tokko.

Makaanaayizeeshinii qonnaa babal’isuun, kilaastaraan facaasuun, misooma jallisii caalatti fayyadamuufi qamadii biyya  alaatii galu biyya keessatti  omishuun kallattii hojii bara ittaanuu ta’uu Pirezadaantiin Naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa yaadachiisaniiru.

“Sirnootni darban hundi ummanni keenya hiyyummaa jalaa akka hinbaane hojjetaa turaniiru kan jedhan Obbo Shimallis, kana booda garuu humni jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruu irraa isaan dhaabu kan hinjirre ta’uu mirkaneessaniiru.

Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013

Recommended For You

3 Comments to “Warraaqsa dinagdee Oromiyaa si’eessuuf gootota misoomaa horachuu”

  1. Pingback: grote blote tieten
  2. Pingback: Racial segregation

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *