Finfinnee: Seekkuturee Geetaachoofi Zar’aay Asgadoom dabalatee hoggantoota olaanaa juuntichaarratti tarkaanfiin yoo fudhatamu, sagal ammoo to’annoo jala oolan
Ittigaafatamaan qajeelcha humna bobbii raayyaa ittisaa Birgaadeer Jeneraal Tasfaayee Ayyalaa TOItti akka himanitti, kanneen maqaansaanii irranatti eerametti dabalee danuusaaniirratti tarkaanfiin kan fudhatame yoo ta’u, Aadde Qiddusaan Naggaafi Doktar Solomoon Kidaanee to’annoo jala oolaniiru.
Haaluma kanaan:
1. Seekkuturee Geetaachoo, dubbii himaa juuntichaa
2. Zar’aay Asgadoom, daarektara ETvfi Abbaa Taayitaa Birodikaastii Itoophiyaa kan ture
3. Abbabaa Asgadoom ittigaafatamaa Dimtsa Wayyaanee kan ture
4. Daani’eel Asaffaa ittigaagatamaa biiroo faayinaansii naannichaa kan ture konkolaachistootaafi eegdotasaanii wajjin raayyaa ittisa biyyaa, dhaabbilee nageenyaa federaalaa, ummata Tigraayiifi duula qindaa’aa bulchiinsa yeroo wajjin taasifameen barbadaa’uusaanii ittigaafatamtichi ibsaniiru.
Miseensota olaanaa juuntichaa to’annoo jala oolan sagal keessaa ammoo:
1. Aadde Qiddusaan Naggaa afyaa’ii naannichaa kan turte
2. Doktar Solomoon Kidaanee ittigaafatamaa biiroo misooma magaalaa Tigraayiifi hogganaa biiroo Geejibaa Finfinnee kan ture
3. Abaaddii Zammuu Sudaanitti ambaasaaddara Itoophiyaa kan turefaan ni eeramu.
Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013
2 Comments to “Hoggantoota juuntichaarratti tarkaanfiin fudhatame”