Natsaannat Taaddasaatiin
Yeroo ammaa barnooti sababa weerara vaayirasichaatiin addaan cite ture of eeggannoo barbaachisu taasisuudhaan barnootni sadarkaa gadiirraa hanga oliitti jalqabameera. Yunivarsitiiwwanis barattootasaanii bara darbe eebbisiisaniiyyu barumsasaanii xumursiisanii eebbisiisaa jiru. Barattoota waggaa 2fafi 3fas waamuurratti argamu.
Haaluma kanaan Yunivarsitiin Finfinnee torban har’aa marsaa 70faf barattoota 4,087 kan eebbisiise yoo ta’u, isaan keessaa 48 digrii sadaffaan, 804 digrii lammaffaadhaan, 3,235 ammoo digrii jalqabaatiin eebbifamaniiru. Yunivarsitichi bara 2012/13 waliigalatti barattoota kuma 10fi 561 eebbisiiseera.
Tashoomaa Zawudee damee barnoota ogbarruu afaanota Itoophiyaatiin eebbifame. Yeroo barumsi sababa koronaatiin addaan citetti telegraamiifi imeeliidhaan barsiisotaafi gorsitoota wajjin walargaa barumsasaa hordofaa ture. Kunis vaayirasicha ittisuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera jedha.
Neetwoorkiin addaan ciccituufi harkifachuun garuu adeemsa barumsichaarratti dhiibbaa qaba jedhee, barsiisotaafi gorsitootasaa isa deggeraa turan galateeffachuun garuu barumsi haala kanaan kennamu dhiibbaa mataasaa kan qabu ta’uu dubbata.
Daree keessatti barsiisaa waliin walarganii barachuun faayidaa olaanaa qaba kan jedhu Tashoomaan, barattoonni gara mana barnootaatti deebi’aniifi deebi’aa jiran of eeggannoo cimaadhaan vaayirasicharraa of eeguu akka qaban gorsa.
Akaakuu barnootaa, “Public Administration and Development Management” jedhamuun kan eebbifame Wandiwasan Birhaanuus haqina qabaatus barumsasaa karaa ‘Online’ (telegiraamii, imeeliifi marsariitii) barumsa hordofaa turuu eeree, barattoonni waggaa 2fafi 3fa gara barumsaatti deebi’aa jiranis vaayirasicha ofirraa ittisaa barumsasaanii sirnaan hordofuu akka qaban yaadachiiseera.
Kanas waan “Of eeggadhu” jedhamneef utuu hintaane of eeggachuu waan qabnuuf ta’uu qaba jedhee, maloota vaayirasichi ittiin daddarbu keessaa tokko tuttuqqaa waan ta’eef barnootni barattoonni daree barnootaa, manna kitaabaa, mana nyaataafi doormii keessatti akkasumas yeroo waliin qayyabatan daran of eeguu akka qaban hubachiiseera.
Vaayirasichi ammayyuu rakkoo fayyaa yaaddessaa ta’ee waan ittifufeef of eeggannoon taasifamu cimee ittifufuu akka qabuufi. maloota ittisasaatiif nugargaaran hunda dagannaa tokko malee ittifayyadamuun murteessaadha.
Bariisaa Mudde 24 Bara 2013
7 Comments to “Barattoonni vaayirasicharraa of eegaa barnootasaanii akka hordofan eebbifamtoonni gorsan”