“Bajanni kanfaltii kuufama mindaa ji’a sadii ‘JEG’ barsiisotaa naannoleef ergameera”

  • Tigraayitti barnoota eegaluun qo’annoo adeemsifamaa jirurratti hundaa’a
  • Ministeera Barnootaa

Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: Bara 2012 ji’a Bitootessaa keessa hojii sirreessuuf jecha qorannoo addatti barsiisotaaf taasifameen sirreeffamni mindaa taasifamuun ni yaadatama. Kunis Adoolessa bara 2011 irraa kaasee hojiirra kan oolu ture.

Ta’us kanfaltiinsaa kan eegalame ji’a Bitootessaa yoo ta’u, kuufama ji’oota sagalii hafanii immoo ji’oota sadii sadiin qoodamee kanfaluuf waadaa seename. Haaluma kanaan kuufamni ji’oota sadii kan marsaa duraa kanfalamus kan ji’oota ja’aa hanga yoonaa hinkanfalamne. Kunis barsiisota hedduu biratti komii kaaseera. Nutis komii barsiisotaa kana qabachuun Ministeera Barnootaa dubbisneerra.

Ministir De’eetaan ministeerichaa, Doktar Garramawu Hulluqaa gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, sirreeffamni hojii ‘JEG’ (Job Evaluation and Grading) bara 2012 hojiirra oole kaayyoon hojiifi hojjetaa walmadaalchisuuf yoo ta’u, kunis dabalata qarshii fidee dhufe. Hojii ‘JEG’ akka biyyaatti hojjetameenis kan barsiisotaa addatti ilaalameera.

Ministirri Barnootaas ittigaafatamaasaa fudhatee ofeeggannoo guddaadhaan hojjechuu kaasanii, dhimma kana miidiyaarratti dhaadhessuu kan hinbarbaachiifneef barsiisonni akka fayyadamaniif qofa yaadamee ta’uu ibsu.

Yaadichi sababa kanaan ugguramee ture malee sirreeffama kanaan hanga %93tti mindaan barsiisotaa fooyya’uu ministir de’eetichi himanii, kunis ji’a Bitootessaa bara 2012 keessa xumuramuufi  Adoolessa bara 2011 irraa eegalee kanfalamuuf murtaa’uu addeessu.

Miniseerri Maallaqaas Bitooteessarraa kaasee sirreessee kanfaluu yaadachiisanii, haaluma kanaan ja’an ji’oota hafanii keessaa kan sadii kanfalee, kan sadii hafee kanfaluuf osoo qophaa’aa jiruu weerarri koviid-19 waan dhufeef murtoo mootummaatiin bajata of harka tursiseera jedhu.

Akka Doktar Garramawu jedhanitti, gaafa taateen akkanaa uumamu weerarichi maal fidee akka dhufuufi biyyattiin maal akka taatu waan hinbeekamneef mootummaan maallaqa qabu harkatti qabata. Kanfaltiiwwan kuufamaniifi bajata pirojektiiwwan garagaraayyuu mootummaan ofeeggannoof ni qabata; kun adeemsa sirrii ta’uu barsiisonnis ni beeku.

Gaafa koviid-19 itti baramaa deemu Ministeerri Barnootaa dhimma kana Adoolessa darberraa kaasee ajandaa godhatee hojjetaa turuus eeranii,  Ministeerri Maallaqaas kuufama mindaa ji’oota sadii kan kurmaana lammaffaa ji’a Onkoloolessaarraa kaasee jiru naannoleef erguu ibsu.

Ta’us odeeffannoo ministeericha qaqqabeen naannoleen tokko tokko bajata kuufama mindaa barsiisotaa kana hojii biraatiif qabachuu himanii, hojiin dhimma kanarratti ministeerichi hojjetu akkuma jirutti ta’ee, naannoleen bajata Ministeerri maallaqaa ergeef dhimma kaaniif dogoggora waan ta’eef barsiisotaaf kanfaluu akka qaban hubachiisaniiru.

Gama biraatiin haala kenniinsa qormaata kutaa 12fafi barnoota eegaluu murteessuuf haala qabatamaa jiru qorachuuf gareen tokko garasitti imaluu Doktar Garramawu ibsanii, qo’annoo adeemsifamaa jirurratti hundaa’amee murtoon akka kennamu eeru.

Odeeffannoo jiruun humni juuntaa manneen barnootaa hedduurratti miidhaa kan qaqqabsiise waan ta’eef suphiinsisaa yeroo kan fudhatu yoo ta’e haala addaatiin akka ilaalamuu danda’uus  ibsu.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 17/2013

Recommended For You

4 Comments to ““Bajanni kanfaltii kuufama mindaa ji’a sadii ‘JEG’ barsiisotaa naannoleef ergameera””

  1. Pingback: hokijp168
  2. Pingback: chat rooms
  3. Pingback: Sevink Molen

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *