Mooyyaleen rakkoo bishaan dhugaatii keessaa bahuufi

Bayyanaa Ibrahimiin

Mooyyalee: Waggoottan hedduuf rakkoo bishaan dhugaatii hamaa keessa kan turte magaalli Mooyyalee, dhiheenyatti rakkoo kana jalaa bahuuf akka jettu Bulchiinsi Aanaa Mooyyalee ibse.

Naannawi magaalattiin irratti argamtu sun gammoojjii ta’uusaatiin madda bishaanii gahaa dhabdee waggoota hedduuf bishaan dhugaatiitiin  rakkachaa turuun magaalattii yeroo hedduu komii ummata bal’aa ta’e ka’aa turuu Bulchaan Aanichaa Obbo Turaa Mallichaa Gaazexaa Bariisaatti himaniiru.

Qaamoleen bulchiinsaa sadarkaa sadarkaan jiran rakkoo guddaa madda komii ummataa ta’e kana furuuf sochii olaanaa gaggeessaa turuu kan himan, dhamaatii hedduun booda qaama rakkoo guddaa hawaasaa kanaaf deebii kennu dhaabbilee tola ooltotaa irraa argachuu ibsaniiru.

Akka ibsa Obbo Turaatti,  Waldaan Baatiifi Qaxxaamura  Diimaa dheebuu baroota hedduu ummata magaalichaa furuudhaaf projektii bishaanii ijaaraa jira. Ijaarsi pirojektichaa yeroo ammaa gara xumuraa irra waan gaheef yeroo gabaabaa keessatti tajaajila hawaasaatiif  banaa ni ta’a.

Kaayyoon dhaabbilee gargaarsa iddoowwan harki mootummaa uwwisuu hin dandeenye duuchuudha kan jedhan Obbo Turaan, waldichis kanuma hubachuudhaan iddoo rakkoon cimaan turteefi harki mootummaa dhaqqabuu dadhabetti hojii dheebuu hawaasaa baasu kana hojjachuunsaa kan itti galateeffamu ta’uu ibsu.

Rakkoon bishaan dhugaatii cimaan magaalattii muudachaa turuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Gaazexaa Bariisaa Mudde 10/2013  

Recommended For You

One Comment to “Mooyyaleen rakkoo bishaan dhugaatii keessaa bahuufi”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *