“Qilleensa nagaa kan baafanne erga fuula raayyaa ittisa biyyaa argineeti” – Abbootii amantii magaalaa Shiree

Takkaalliny Gabayyootiin

Finfinnee: Erga raayyaan ittisa biyyaa magaalota Tigraayi mara to’annoosaa jala oolchee kaasee ummatni naannichaa qilleensa nagaa argachaa akka jiru abbootiin amantii magaalaa Shiree ibsan.

Haaji Muhaammad Murhaan jiraataa magaalattii yoo ta’an, gareen juuntaa qabeenya ummataa saamaa ture raayyaa ittisa biyyaa daangaafi walabummaa biyyattii eegaa turerratti haleellaa raawwachuunsaa daran kan isaan gaddisiiseefi boochise ta’uu dubbatan.

Akka seera Qur’aanaattis taanaan nama rafeefi balleessaa hinqabne tokkorratti badii raawwachuun, akkasumas lubbuusaa baasuun cubbuu waan ta’eef badii miseensota garichaa ta’uu ummatni Tigiraayi shakkii hinqabu. Haleellaan raawwatames hawaasa musliimaas ta’e kiristaanaa maraa kan gaddisiise ta’uus himaniiru.

“Wayita haleellaan garee juuntichaatiin raayyaa ittisaarratti raawwatame gurra keenyaan dhageenyee ijaan arginutti ammoo amanuu dhadhabnee turre” kan jedhan Haaji Muhaammad, eegumsaafi kunuunsi kan taasifamuuf qabu ture gantummaan isaanirratti raawwatamuunsaa qaanii guddaadha. Kunimmoo jiraattota magaalaa Shireerratti miirri gaabbiifi xiiqii akka uumamu taasiseera jedhan.

Haa ta’u malee jiraattotni magaalattii miidhaa murni badii kun geessisaa ture dhaabsisuuf humna waan hinqabneef osuma beekuu callisee ilaalaa akka ture himaniiru. Ummatni Tigraayis hanga garichi buqqa’utti eegaa ture malee isaan jaalatee akka hinturres dubbataniiru.

Miseensotni garee juuntichaa hacuuccaafi gocha badii ummata naannichaarratti dhaqqabsiisaa turan ulfaataa ture jedhanii, wayita ammaa garuu qaamoleen kunneen tarkaanfii raayyaan ittisaa fudhachaa jiruun gargar manca’uun dhokatanii jiru. Kanarraa kan ka’es magaalattiin qilleensa nagaa baafachuu jalqabuushee ibsaniiru.

Abbaan amantii Malaa’ak Sibi’aat Gabrawaahid Gabramaariyaam gamasaaniin akka jedhanitti, gochoota cigaasisaa asiin dura garee juuntichaatiin raawwatamaa tureen magaalli Shiree raafamaa turteerti. Kanaanis hojiileen misoomaa magaalittii daran duubatti harkifachaa akka ture yaadataniiru. Haleellaan raayyaa ittisa biyyaarratti raawwatame seera amantiitiinis ta’e duudhaalee waliin jireenya hawaasaatiin fudhatama hinqabus jedhan.

Misoomas ta’e nageenyi hawaasaa kan eegamu karaa nagaatiin malee waraanaatiin miti jedhanii, badii juuntichi qaqqabsiisaa tureen ummatni Tigraayiifi jiraattotni magaalaa Shiree dararfamaa turan.

Isa dura garuu murni badii sun mootummaa federaalaa waliin waliiglatee uumuu akka qabu abbootii amantiitiin gorfamuyyuu gurra kennuu hinfeene jedhan. Wayita ammaa garuu tarkaanfii seeraa fudhatamaa jiruun garichi walharcaasaa kan jiru waan ta’eef, jiraattotni Magaalaa Shiree qilleensa nagaa argachaa akka jiran dubbataniiru.

Kanaan boodas humni badii raayyaa ittisa biyyaa qoccoluuf dhufu yoo jiraate dhaabsisuuf hawaasni bal’aan ofqopheessuu akka qabus dhaamaniiru. Ummatni Tigraayis nageenyasaaf ofumaan waardiyyaa dhaabbachuu qaba jechuunis gorsaniiru.

(Suurri Gabaaboo Gabreetiin)

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 26/2013

Recommended For You

One Comment to ““Qilleensa nagaa kan baafanne erga fuula raayyaa ittisa biyyaa argineeti” – Abbootii amantii magaalaa Shiree”

  1. Pingback: helpful resources

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *