“Kan Oromoo ajjeesuufi dhiiga dhangalaasu kamuu keenyaa miti” – Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo

Rippoortara Gaazexichaatiin

Finfinnee: Qaamni maqaa Oromootiin socho’aa Oromoo ajjeesu, dhiiga dhangalaasu keenya miti jechuun gocha ABO Shaneen Godina Gujiitti raawwataa jiru Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo balaaleffatan.

Abbaa Gadaa Gujiifi Walittiqabaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoo Jiloo Maandhoo labsii dhiheenya kana godinichatti labsaniin akka jedhanitti, akka Sirna Gadaatti Oromoon safuufi duudhaa waan qabuuf walhinajjeesu, waan namaa hinsaamu, dhiiga walii hindhangalaasu. Yoo quuqqaa walirraa qabaatellee ni himata malee lubbuu hinbaasu waan ta’eef qaamni gocha akkanaa raawwatu kamuu sirnichaan beekamtii hinqabu.

Kan nama ajjeesu diina malee Oromoon walhinajjeesu kan jedhan abbaan gadaa kun, qaamni kamuu maqaa Oromootiin ummataafi biyyaaf qabsaa’u Oromoo ajjeesuu, hidhuu, itti dhaadachuu hinqabu jedhu.

Oromoof qabsaa’aa Oromoo hiraarsuun aadmalee ta’uusaatiin hanga kaampiisaanii deemuun irra deeddeebiin kadhataafi labsii nageenyaa labsuun waamicha araaraa taasisaa turuu kaasanii, miseensonni muraasni waamichicha fudhachuun ummatatti makamanis ammayyuu rakkinichi ittifufee waan jiruuf gochasaanii dhaabanii nagaan ummatatti akka makaman gaafatu. Kanaan alatti nama seera Abbaa Gadaatiin hinbulleefi ajaja hinfudhanne akka diinaatti ilaaluun kan balaaleffatamu ta’uus hubachiisaniiru.

Qaamni labsii abbootii gadaa kana fudhachuun ammayyuu karaa nagaatiin ummatatti makamuu barbaadu karaan banaa waan ta’eef gammachuudhaan kan simatan ta’uu ibsaniiru

Abbootiin gadaa godinaalee biroofi kallattii Oromiyaa afran irra jiranis qaamolee araaraaf kadhatanii dadhaban hunda gochicha balaaleffachuun qaamni yakka kana raawwatu “keenya miti” jechuun labsuu akka qaban hubachiisu.

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 26/2013

Recommended For You

6 Comments to ““Kan Oromoo ajjeesuufi dhiiga dhangalaasu kamuu keenyaa miti” – Abbaa Gadaa Jiloo Maandhoo”

  1. Pingback: Dan Helmer

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *