Rakkoo odeessuun otoo hinta’in qaawwa jiru cufuun jijjiiramni ni dhufa!

Maxxansa torbee darbee irratti jijjiirama fiduun aarsa akka gaafatuufi isa kana ilaalchisee rakkoolee yerootii gara yerootti mul’atan injifachuun hir’uu jiru guutuun gara fuula duraatti arreeduuf ga’een geggeessitootaa cimaa akka ta’e eegallee turre. Haa ta’u malee rakkoolee jiran hunda geggeessitootni qofti guutummaatti nigeeddaru jedhanii yaaduun hindanda’amu.

Geggeessitootni ga’ee guddaa yoo qabaatanillee hawaasni waliigalatti waan gochuu qabu danuutu jiru. Diyaaspooraan kallattii hedduun waan hojjetan qabu. Morkattootni paartiilee siyaasaa aarsaa kanfalanii dhaloota oolchan danuu qabu. Dhalootni keenya kallattii garaa garaatiin daandii aka gadi dhiisan kan fakkeessan mallattooleen garaa garaa ni mul’atu. Isaan kana maxxansa gara fuula duraatti ilaalla. Yeroof garuu hanqina mul’atan attamitti akka dhiphisuun gara fuula duraatti deemuun dandaa’amu ilaalla.

Namni rakkoo dubbachuun ykn tuffachuun hininjifatu. Geggeessitootni bara keenya jiranis ta’e dhalootni kun rakkoo jiru qofa haasa’uun jijjiirama fiduun hindandaa’amu. Yeroo hedduu miidiyaalee addaa addaa irraa wantootni dhageenyu tarii waan humna nama buusu fakkaachuu dandaa’a.

Haa ta’u malee namni jijjiirama fiduuf tattaafatu tokko haasaa nama kufee dhaggeeffatee gaara koraa jiru yoo dhaabe isa kufe sana wajjin carraa walqixa qabaata. Dubbiin namoota kufanii namni humna bu’ee gaara koruu dhaabu bareedina fiixee gaara irra jiru hinargin hafa. Haa ta’u malee dubbii hamaa dandamatee rakkoo gaara ba’uu injifatee namni deemsa ittifufuu danda’u yoomiyyuu injifataadha.

Yeroo hunda geggeessitootni jijjiirama fiduuf hojjetan fageessanii kan yaadan, ilaalcha madaalamaa kan qaban, obsaafi jabinaan kan guutaman, kufaatiin yoo jirate illee xumura adeemsa isaanii akka hin taane cimsanii kan beekan namoota kaayyoo qaban malee waliin dhooftuu miti.

Geggeessaan tokko kufaatii isa mudatu irraa waa hedduu baratee adeemsa fuula isaa dura jiruuf of qopheessee socho’a. Namoonni bara kana keessatti jijjiirama gurguddaa fiduu dandaa’an maqaan isaanii bebbeekamoo ta’an hundi daandii kana irra darban.

Fakkeenyaaf Biil Geet nama jedhamu gama teknolojiitiin jijjiirama guddaa nama fide qofa utuu hinta’in guutummaa biyya lafaa kanarratti namni qabeenyaan beekamaa ta’e jalqabasaa yoo ilaalle kufaatii guddaa keessa nama darbeedha. Omisha Traf-O-data kan jedhamu daataa teeppii tiraafikii kan xiinxaluu danda’u yoo hojjetellee sirriitti waan hojjechuu dideef ni kufe.

Hojii irra hinoolle. Isaan booda kan biraa hojjechuun daandii sadarkaa har’aan isa ga’u irra bu’e. Kufaatiin jalqabaa dandeettiisaa hinmurteessine. Abdii kutachiisee harka marachiisee hinteechisne. Dimimmisa isa marse akka injifatu kan taasisu mul’ata qaba ture; mul’ata gara fuula duraatti isa deemsisu.

Mul’ata hanga dhumaatti wal’aansoo qabsiisuufi injifachiisu qaba ture. Dhuma irratti ni injifate; haalli isaas ni geeddarame. Akkasumas Steefen Kiingi, namni bara kana keessatti nama guddaa asoosamaan beekamaa ta’e jalqabasaa yoo illaalle kufaa ture.

Barreeffamnisaa inni jalqabaa si’a 30 ol ilaalamee akka hinmaxxanfamneefi akka barbaachisaa hintaane itti himameera. Garuu obsaan ittifufee hojjechuun sadarkaa har’aa kana sadarkaa beekamtii gita addunyaa irra ga’eera. Yaada isaa jalqabaa xiqqoo fooyyessuutiin kufaatii isaa jijjiiramatti geeddareera. 

Obsi bu’uura waan hundaati. Of kennanii waan cimaa hojjechuuf yoo ka’an kufaatii kam keessaa ba’uun yaadannoo hambisanii darbuun ni danda’ama. Jabinni yaada namaa kufaatii ykn milkaa’ina yeroon hinlakkaa’amu.

Jijjiirama fiduuf utuu hojjettuu kufaatiin kamillee yoo si mudate akka ati caalaatti hojjettuuf carraa siif bana waan ta’eef akka dhuma tattaaffii keetti hinfudhatin. Kufaatiin si qunname dhuma karaa keetii akka hin taane hubadhu. Inni guddaan beekuu qabdu akka nama jijjiirama fiduuf hojjetuutti yookaan karoorsuutti jalqaba irratti gufuun hamaan yoo si dhahellee namoota si teellaa jiran akka hindhoofne gochuu akkasumas barumsa akka sii ta’uufi xumurri deemsa keetii mo’ichaafi jijjiirama akka ta’u gochuu ni dandeessa.

Geggeessaan tokko warra waliin hojjetu yeroo hundumaa waan gaarii isaan keessa jiru dinqifachuu qaba. Akkasitti ilaalcha hamaa hojjettoota keessa jirullee geeddaruu ni danda’a. Sababiinsaa wanta gaarii namoota keessa jiru ija argu qabaachuu qaba. Si’a tokko waa’ee nama qabeenya guddaa argate tokkoo dubbiseen ture.

Namni qarqara galaanaa bashannanaaf dhaqee akka tasaa boolla tokko keessaa korojoo guddaa argee fuudhe. Yeroo banee ilaalus suphee xixiqqoo bifa kubbaan jirtu hedduu arge. Namichi kunis suphee xixiqqoo kubbaa fakkaattu kana yeroo argetti tarii namatu kanaan dura suphee hojjetee, aduu keessa kaa’ee hirraanfate jedhee yaade.

Wantoonni kunniin bakkee isaanii yeroo ilaalan baay’ee kan bareedan miti. Hunduma isaa erga fuudhee booda gara galaana qarqaraatti geessuun hangam akka darbachuu danda’u tokko tokkoon fuudhee ittiin yaale; gara galaanaattis darbate. Erga baay’eesaanii darbatee booda gara dhumaatti tokko dhagaatti rukutamee cabe.

Keessasaatii meetii gatii guddaa baasutu ba’e. Warra hafan keessas caccabsee yeroo ilaalu hundasaanii keessa meetii gati jabeessatu keessa ture. Qarshii miliyoona hedduutti lakkaa’amu kan of-keessaa qaban garuu badaniiru. Lammatas deebi’ee hinargatu. Wanta gati jabeessa keessa jiruu wajjin gate.

Akka geggeessaatti wanta gati jabeessa namoota keessa jiru utuu hinhubatin gatuu nidandeenya. Namoota bakkeesaanii olitti ilaaluun barbaachisaadha. Nama hunda keessa qabeenya guddaatu jiraachuu danda’a. Atis taanan qabeenya dhokataa guddaatu sikeessa jira.

Namni gatii hinqabne tokkollee hinjiru. Isa kana namoota geggeessan keessatti arguuf warra geggeessanitti xiyyeeffannaa kennuun, dandeettii namoota kana keessa jiru ifatti akka ba’uuf gargaaruufi kkf baay’ee barbaachisaadha. Namootni nuti geggeessinus akka isaan danddeettii isaanii soda malee ittifayyadaman, akka bilchaatanis gochuun daran barbaachisaadha.

Yeroo tokko tokko barumsa keenyas ta’e haala keessa jirru ilaaluun namoota kan biraa wajjin of madaaluun akka namaa gadiitti namoonni of ilaallu yoo jiraanne addunya kana irratti namoonni jijjiirama gurguddaa fidan kan akka Abrahaam Linkoliin fi geggeessitootni isa fakkaatan seenaan kan isaan hin dagatne barumsaan fagoo kan ga’an hin turre.

Garuu namoota dura bu’uun geggeessuu kan dandaa’an; of kennoo; dandeettii geggeessummaa cimaa keessa isaanii jiru namoota baasanii itti fayyadamuu dandaa’aniidha. Namoota jijjiirama fiduuf ciniinnatanii ka’an; namootaa wajjin harka walqabatanii hojjechuun jijjiirama nifida jedhanii yaadaniidha.

Kanaaf geggeessaan tokko ilaalcha ani hindanda’uufi gadi aantummaa ofkeessaa baasee calaasuun keessasaatiis ta’e naannoo isaatii kan itti hasaasan sagalee lafa isa ilaalchisu irraa adda ba’ee jijjiiramaaf hojjechuu mala.

Namoonni hedduun keenya tarii waa’ee fatteewwan bosona keessa gartuun utuu deemanii lama keessaa bolla seenanii dhageenyeera ta’a. Fatteewwan boolla seenan lamaan kun boolla gadi fagaatu sababa ta’eef keessaa ba’uuf jedhanii yaalanii keessatti kufan.

Sanaan booda yeroo warri boolla keessaa irra deddeebi’anii ba’uuf carraaqan fatteewwan ala jiran itti qoosu. Ofumaa hin joorinaa jedhanii itti ga’isu turan. Fatteewwan yaalii godhan kana keessa tokko isa warri kaan haasa’an dhageessee boolla keessaa ba’uuf yaalii gootu mara ni dhiifte. Isheen tokko garuu irra deeddeebitee yaalaa; kufaa ka’a isa dhumaa humna cimaan yeroo utaaltu keesaa baate.

Isheen keessatti hafte garuu ni duute. Fattee baate kanas warri alaa gaaffii akkas jedhu gaafatan. “Yeroo nu’i hin dandeessu jennee humna si buusaa turre maaltu sitti dhagaa’amee? jedhanii gaafatan. Isheen boolla keessaa baate sun garuu anoo waca keessan qofan dhaga’e malee maal akka isin jechaa turtan hin dhageenye.

Garuu waan na jajjaabeessaa turtan, jabaadhu amma ni baataa waan naan jechaa turtan natti fakkaate malee waan isin humna na buusaa turtan natti hinfakkaanne” jetteen. Geggeessaan tokko sagalee humna isa buusu dhaga’uun gara boodaatti deebi’ee hamileen isaa cabuu hinqabu. Fatteen kun isa warri kaan ittiin jedhaniin utuu humna buute keessaa hin baatu.

Dandeettii utaalanii ba’uu; hamilee yaalanii milkaa’uu; ilaalcha kufaatii milkaa’inatti jijjiiruufi kkf hundumaa keessatti ni ajjeesa ture. Wantoota namoonni siin jedhan tarii yoo gadi fageenyaan itti yaadde sii wajjin walitti dhufeenya kamiyyuu kan hinqabne ta’uu danda’a.

Kanaaf akka geggeessaatti jechoonniifi dubbiin namaa adeemsa kee hin daangessin. Humna si hinbuusin. Ilaalcha ofiif qabdus gadi hin buusin!

Inni kun geggeessitoota qofaaf utuu hinta’in hunduma keenyaaf nibarbaachisa. Kufaatii irraa barachaa deemuu, yoo kan nu tursu ta’ellee akka nu hininjifanne hubachuun haalota walxaxaa ta’an mo’achuun gara fuula duraatti deemuun ogummaadha.

“KUFAATII CIMAAN KUFUU UTUU HIN TA’IN KUFAATII KEESSAA BA’UUF FEDHA DHABUUDHA!”

Zarihun Gabreetiin

Recommended For You

332 Comments to “Rakkoo odeessuun otoo hinta’in qaawwa jiru cufuun jijjiiramni ni dhufa!”

  1. semaglutide tablets [url=https://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] semaglutide online

  2. ozempic coupon [url=https://ozempic.art/#]Ozempic without insurance[/url] buy ozempic pills online

  3. buy ozempic pills online [url=http://ozempic.art/#]ozempic online[/url] Ozempic without insurance

  4. rybelsus coupon [url=http://rybelsus.shop/#]buy semaglutide online[/url] buy semaglutide online

  5. rybelsus coupon [url=https://rybelsus.shop/#]buy semaglutide pills[/url] cheapest rybelsus pills

  6. buy cheap ozempic [url=https://ozempic.art/#]ozempic generic[/url] Ozempic without insurance

  7. semaglutide tablets [url=https://rybelsus.shop/#]buy rybelsus online[/url] buy semaglutide pills

  8. rybelsus price [url=https://rybelsus.shop/#]semaglutide tablets[/url] semaglutide cost

  9. rybelsus cost [url=https://rybelsus.shop/#]cheapest rybelsus pills[/url] buy semaglutide online

  10. rybelsus coupon [url=https://rybelsus.shop/#]semaglutide online[/url] rybelsus coupon

  11. cheapest rybelsus pills [url=https://rybelsus.shop/#]rybelsus cost[/url] buy semaglutide pills

  12. пин ап казино вход [url=http://pinupru.site/#]pin up[/url] пин ап казино вход

  13. pin up giris [url=https://pinupturkey.pro/#]pin up casino giris[/url] pin up casino guncel giris

  14. пин ап вход [url=http://pinupru.site/#]пин ап вход[/url] пин ап зеркало

  15. pin up guncel giris [url=http://pinupturkey.pro/#]pin up casino[/url] pin up casino giris

  16. пин ап казино [url=https://pinupkz.tech/#]пин ап 634[/url] pin up казино

  17. Rybelsus 14 mg [url=http://semaglutide.win/#]Rybelsus 14 mg price[/url] Rybelsus 14 mg price

  18. Buy Online Ivermectin/Stromectol Now [url=http://stromectol1st.shop/#]stromectol 1st[/url] ivermectin eye drops

  19. п»їwhere to buy stromectol online [url=http://stromectol1st.shop/#]best price shop[/url] oral ivermectin cost

  20. paxlovid covid [url=https://paxlovid1st.shop/#]best price on pills[/url] Paxlovid over the counter

  21. Clopidogrel 75 MG price [url=https://clopidogrel.pro/#]generic pills[/url] clopidogrel bisulfate 75 mg

  22. buy paxlovid online [url=http://paxlovid1st.shop/#]best price on pills[/url] paxlovid buy

  23. ivermectin coronavirus [url=https://stromectol1st.shop/#]stromectol fast delivery[/url] ivermectin 8 mg

  24. 1хбет [url=http://1winrussia.online/#]1xbet официальный сайт[/url] 1хставка

  25. 1xbet официальный сайт [url=https://1winrussia.online/#]1xbet скачать[/url] 1хставка

  26. drugs prices [url=https://drugs1st.store/#]what are ed drugs[/url] discount prescription drugs

  27. online shopping pharmacy india [url=https://indianpharm1st.com/#]india pharmacy mail order[/url] Online medicine home delivery

  28. mexico pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharm1st.com/#]mexican online pharmacies prescription drugs[/url] medication from mexico pharmacy

  29. Пин Ап Казино Официальный Сайт [url=http://biznes-fabrika.kz/#]пин ап казино[/url] пин ап казино

  30. пин ап зеркало [url=https://pinupzerkalo.fun/#]Пин Ап Казино Официальный Сайт в России[/url] бонусы пин ап

  31. пин ап казино [url=https://pinupzerkalo.fun/#]Пин Ап Казино Официальный Сайт в России[/url] pinco

  32. online shopping pharmacy india [url=https://indianpharm24.pro/#]indian pharm 24[/url] online pharmacy india

  33. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] medicine in mexico pharmacies

  34. indian pharmacy paypal [url=https://indianpharm24.pro/#]Best Indian pharmacy[/url] india online pharmacy

  35. best online pharmacies in mexico [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharmacy[/url] reputable mexican pharmacies online

  36. indianpharmacy com [url=https://indianpharm24.pro/#]Best online Indian pharmacy[/url] online pharmacy india

  37. indian pharmacy online [url=https://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy to USA[/url] reputable indian pharmacies

  38. Casino Siteleri [url=http://casinositeleri.win/#]Casino Siteleri[/url] guvenilir casino siteleri

  39. Canl? Casino Siteleri [url=https://casinositeleri.win/#]guvenilir casino siteleri[/url] casino siteleri win

  40. Buy gabapentin for humans [url=https://gabapharm.com/#]gabapentin GabaPharm[/url] buy gabapentin

  41. Buy gabapentin for humans [url=http://gabapharm.com/#]gabapentin[/url] buy gabapentin online

  42. GabaPharm [url=https://gabapharm.com/#]cheapest Gabapentin GabaPharm[/url] buy Gabapentin GabaPharm

  43. best india pharmacy [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]indian pharmacy[/url] indian pharmacy online

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *