Duula lubbuu moo duula filannoo?

Sadaasa gaafa guyyaa 2, bara 1918 vaayirasiin infuluweenzaa Ameerikaa dabalatee biyyoota wayita namoota danuu ajjeesaa turetti dhukkuba ummata miidhaa jiruufi filannoo akkaataa itti geggeessanirratti rakkootu ture.

Ta’us Ameerikaan filannoo sana geggeessuuf murteessite. Ogeessotni fayyaafi aanga’ootni mootummaa “Aguuggii fuulaa keewwatanii yoo filannoo dhaqxan homaa tokko hintaatan” kan jedhu sabatti himan. Ummatni akka yeroo kaanii baay’ee ta’uu batus filannoof qophaa’e.

Namoota filannoof dhaqan keessaa baay’eensaanii dhukkuba hamaa kana  fudhatanii galan. Baay’eenis ni du’an.  Filannoo bara 1918 keessa xalayaan hojjettoota filannoof barreeffamaa ture baay’een “du’eera” kan jedhurratti barreeffamee deebi’aa ture.

Kan nama ajaa’ibsiisu yoo jiraate namootni bar asana siyaasa geggeessaa turan lubbuu ummata geggeessaniif dantaa kan hinqabne fakkaatu; xiyyeeffannoonsaanii filannoo qofa waan tureef.

Torbanoota muraasaa asitti wantootni nuti dhageenyuufi agarru isa ganna dhibba tokko duraa wajjin wantoota walfakkaatan hedduutu jiru. Isaan keessaa muraasa maqaa dhahuun yoo barbaachise baroonni lamaanuu bara itti vaayirasiin qufaa namoota hedduu duguugeefi bara filannoon biyyootaa qormaata cimaa keessa seene.

Filannoon haa ta’uufi haadarbuu; attamitti ta’aafi attamitti darbaa kan jedhan namoota hedduu walfalmisiisuu hinoolle. Biyyootni adda addaa duula filannoofi duulli koronaa ergan takkaa itti dhufuun lamaanuu walfaana geggeessuuf, walfaana injifachuuf yaaliin taasisan kaleessa balaa hamaaf ummata saaxilee namoota siyaasaa bara sana turanis “Namoota lubbuu namaatiif kabaja hinqabne” ykn “Siyaasa lubbuu namaaf kabaja hinqabne” jedhamanii barreessitoota hedduun akka ceepha’aman taasiseera.

Barri 1918 pirezidentii Ameerikaa yerosii kan turan Woodrowu Wilsoniifis yeroo qormaata cimaa ture jechuun ni danda’ama. Haalota duula cimaa barbaadan lamatu isaan mudate. Inni tokko duula siyaasaa yoo ta’u kan biraan ammoo duula lubbuu oolchuu ture.

Dhaabbilee siyaasaa lamaan (Dimokraatotaafi Reppablikaanota) guyyaa shan qofaaf duula na filadhaa geggeeffachuu akka danda’aniif heeyyamamee geggeeffataniiru. Vaayirasii qufaa yeros ture jalaa akka miliqaniif sochii ummataa ugguramee tures guyyoota kanneeniif akka gadi dhiifamu, dhaabbileen siyaasaas guyyoota kanneen keessatti sagantaasaanii akka ummataaf dhiyeessan, walga’iiwwan guguddaanis ni eeyyamaman.

Filannoon geggeeffamus vaayirasiin infuluweenzaa guyyoota muraasa keessatti yeroo kam caalaa tatamsa’uun fiixeerra ga’ee du’a namoota hedduutiif sababa guddaa ta’e. Warri filachiisanis ta’e filatan yoo miidhamanis dhaabbileen siyaasaa lubbuu ummatasaaniif kabaja hinqabne darbanii jiraatan.

Filannoon lubbuu ummatasaanii caaleef. Ummata isaan dhaga’anii ba’an danuus dhabaniiru. Lubbuu ummatasaaniitti ilaalcha hinlaanne. Inni kun yoomiyyuu itti yaadamuu qaba. Namni qabeenya kamuuti oli. Namni siyaasa gararreedha.

Namni taayitaarra ni caala. Namni beekamummaadhaa oli.  Siyaasni lubbuu nama hinkabajne ittiyaadamuu qaba. Amantiin, siyaasniifi duudhaaleen lubbuu ilmaan namaatiif kabaja qabaachuu mqabu.

Saayinsiifi barsiisni; seerriifi heerri lubbuu namaatiif kabaja kan kennu ta’uu qaba. Isa kanatu kabaja dhabe. Xiyyeeffannoon bakka qabachuu qofa ta’e. Isa garasitti qaarisiisanii ilaaluun ni dadhabame. Kanaaf filannoon yoo geggeeffame dhumiisa namoota hedduuf sababa ta’ee darbe. Balaa hamaafis saaxile.

Karaa biraas yoo ilaallu bara itti namni manaa ba’uu dadhabe sanatti duula lama walfaana geggeessuun cimaa ture. Tokkoonsaayyuu qophaatti cimaadha. Ta’us duula filannoofi duula dhukkuba nama duguugaa ture walfaana geggeessuuf yaaluunsaanii yaadni namaa bakkawwan lamatti akka hiramu, dursa argachuu kan qabu akka hindursamne taasiseera.

Biyya keenyattis taanaan dursuu kan qabu siyaasa utuu hinta’in lubbuu namaati. Egaa bara 1918 bara har’a keessa jirru kana wajjin wantootni walfakkeessan danuutu jiru. Lamaanuu dhukkubni vaayirasii bara itti namoota hedduu miidheedha.  

Bara biyyootni hedduun filannoo biyyoolessaafi naannoleef karoorfataniidha. Filannoo geggeessuufi dhiisuu gidduutti beekaafi wallaalaan bara itti yaada itti fakkaate kennaniidha.

Ta’us nama hubatuuf taateen dheengaddaa har’aaf barumsa guddaadha. Hundumaarra wanti yaraan kan darberraa barachuu dadhabuudha. Bakka dheengaddaafi kaleessaatti deebi’uutu balaadha malee irraa barachuun ogummaadha. Madaa darbe dagachuun barbaachisaa ta’ullee irraa barachuun haxxummaadha, ga’umsasi.

Wayita vaayirasiin infiluweenzaafi filannoon walfaana dhufan sanatti waan miila lama qabaniif muka lama koruu yaalan. Dhaabbileen siyaasaa of qopheessan. Ummatni guyyoota shaniif carraa argate. Filachuuf akka ba’uufis itti himame.

Hawaasni fageenya qaamaa eeggataa ture nidhiise; vaayirasiin infiluweenzaanis waan bade ittifakkaatee aguuggii fuula irraa nifuudhan;  walga’iiwwan hedduus safeeffachuu didan. Kanaanis umrii ji’a lamaa qofa keessatti namootni danuun ni duguugaman. Dagattummaansaanii dhumiisa itti ta’e.

Fakkeenyaaf dhukkubni infiluweenzaa sadarkaa ummata keessaa baduurra yoo ga’ellee hiriira guddaa magaalaa akka Filaadelfiyaafa’itti deebi’ee ka’uun namootni 633 guyyoota sadii keessatti niqabamaniiru. Magaalota biyyattii biroottis bnamoonni danuun dhumaniiru.

Magaalotni hiriira karoorfatan hambisan ‘St. Louis’ jedhamanfaan dhumaatii qaqqabuuf ture jalaa baraaramaniiru. Ittaansuun magaalaa Filaadelfiyaatti akka wiirtuun to’annoo dhukkubaa Ameerikaa ibseetti ji’a tokko keessatti namootni kuma 10ol dhukkuba kanaan du’aniiru.

Kanarraa kan hubatamu dhabiinsi hubannaa akka gatii cimaa nama baasisuudha. Namni haala jiru gadi fageenyaan ilaalu  nama barumsa qabu qofa utuu hinta’in nama hubataafi ogeessa qofa.

Ogeessi mudannoofi muuxannoorraa barata. Kanaaf dhimmi cimaan akkanaa seenaa ta’ee darbuu qofa utuu hinta’in waan irraa barannu danuu qabna jechuudha.

Akkasumas waggaa dhibba tokko dura rakkoo kaafne kanarraa waanti biraan irraa baratamu dhukkubni baras ture nama hunda hinbaraarre. Umurii mara yoo miidhellee namootni baay’inaan dhuman namoota umurii dargaggummaa keessa argaman turan.

Namoota ittisni qaamaasaanii jabaafi vaayirasii sana of irraa ittisuu danda’u dargaggoota turan. Namni maqaansaa Joon M. Beriiy jedhamu pirofeesariin Yunivarsiitii Tulaanee akka ibsutti namootni dhuman dhibbantaan 66 umurii 18-50 gidduutti argamu yoo ta’u namootni baay’inaan miidhaman giddugaleessaan dargaggoota ganna 28 ta’uu eereera.

Akkuma kana umurii dargaggummaa keessa kan jiran eenyuun iyyuu dhukkukbni bara keenya keessa namoota hedduu miidhaa jiru koviid-19 jedhamu kun hinbaraaru. Tarii namoota dhukkuba adda addaa kan qabanitti yoo hammaatellee har’as taanaan namni kamuu dhukkuba kana jalaa ba’uu hindandaa’u.

Bara darberraa waan barannu yoo jiraate egaa umurii kamiiniyyuu dhukkubni hinbaraaru. Dhukkubni qufaa bara 1918 loltoota Ameerikaa hedduu fixeera. Sochii qaamaan ykn ispoortiifi jabinaan utuu hinta’in gorsa ogeessa fayyaarraa argamu qofatu furmaata ta’a. Kanaaf umriin, jabinniifi kkf nama hinoolchu. Saayinsiin hangamillee yoo fagaatee deeme akkuma waggaa dhibba tokkoo duraa har’as vaayirasichi daawaa hinqabu. Talaalliinsaas hinargamne.

Inni kan biraa nuti agarru yoo jiraate dhukkubni infiluweenzaa koviid-19 wajjin kan walfakkeessu lamaan gufuu filannooti. Fakkeenyaaf bara 1918 Ameerikaan filannoo dabarsuu diduun namootni hedduun balaaf saaxilamaniiru.

Bara kana keessas filannoon haa darbuu moo itti haa fufu yaada jedhurratti falmii cimaatu jira. Biyyootni hedduun filannoo bara kanatti karoorfatan kan dabarsan ykn yeroosaa kan dheeressan danuudha. Kunis siyaasni lubbuu namaa hinkabajne dhalootaaf akka hintaane huabachuusaanii kan agarsiisu waan ta’eef tarkaanfii fakkeenyummaan eeramuudha. Xiyyeeffannaa fayyaa hawaasaatti siyaasni hinlaanne egereensaa badaa miti. Kana seenaawwan darbanirraa ni agarra.

Egaa Guraandhala 21/2020 hanga Caamsaa 2020tti biyyoonni 53 ta’an filannoo biyyaalessaa karoorfatan dabarsaniiru. Afrikaa keessaa kanneen akka Afrikaa Kibbaa (Bitootessa-Caamsaa 2020, Tuniziyaa (Bitootessa 28-29), Naayijeeriyaa (Bitootessa 2020), Zimbaabuwee (Ebla 4,2020), Gaambiyaa (Ebla 16,2020), Keeniyaa (Ebla, Waxabajjii-Adooless, 2020) dabarsaniiru,

Akkasumas biyyootni akka Seerbiyaa, Siwiizarlaandi, Poolaandi, Kolombiyaa, Peeruu, Arjentiinaa, Chiilii, Meksikoo, Paaraaguwaay, Siiriyaa, Siriilaankaa, Indooneezyiyaa, Kosoovoo, Ostiriyaafaanis filannicha dabarsaniiru.

Sababiinsaas adeemsi filannoo waliigalatti adeemsa leexaa otoo hintaane sochii walooti. Filachuuf toora galuu qaba. Bakkiwwan filannoo marti namoota filatan, namoota taajjaban, bakka bu’oota dhaabbilee siyaasaafi hammata.

Duulli nafiladhaa namoota kumaatamaan lakkaa’aman kan walitti qabuudha. Yeroo dhukkubni daddarbaan akka bara keenya kun jiru namni akka gadi hinbane; namni akka walga’ii hingodhanne; akka barumsa hindhaqne; hojiin manatti akka ta’u yeroo ogeessotni fayyaa nama gorsanitti haala filannoo kana harka keessa qabachuun ba’eessa.

Bulan galu malee du’anii hingalan jedhu mitiiree? Ijoon filannoo nageenya ummataa eeguu waan ta’eef dhaabni siyaasaa fayyaa ummataa hineegne ilaalchasaa irra deebi’ee qorachuu qaba.

Keessumaa bara keessa jirru kanatti biyyootni Afrikaa Saahaaraa gadi 16 ta’an filannoo ni qabaatu. Biyyootni Afrikaa yeroo hedduu duula nafiladhaa keessatti walga’iiwwan guguddoo danuu, sochii magaalaa tokko gara biraafi kkf waan jiraatuuf babal’ina dhukkuba kanaatiif daran mijataadha.

Isa kanaaf hanga dhukkubni daddarbaan akkasii tasgabbaa’utti filannoowwan biyya Afrikaas ta’e akka addunyaatti karoorfaman dabarsuun murteessaadha. Hunda dura jiraachuun filataas ta’e filamaa xiyyeeffannaa argachuu qaba. Filannoos ta’e siyaasni kamuu nageenyaafi fayyaa hawaasaarratti kan xiyyeeffate ta’uu qaba.

  Zarihun Gabreetiin

Recommended For You

3 Comments to “Duula lubbuu moo duula filannoo?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *