Kaffaltii sirreessa iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa raawwachuuf qophiin xumuramaa jira

Sirreessi iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa ‘JEJ’n xumuramee hojiitti seenamus kaffaltiin hanga ammaatti waan hinraawwatamneef hojjettoota mootummaa biratti komii guddaa uumeera. Ministeerri Maallaqaas kaffaltii ji’a sadii kaffaluuf qophiirra jiraachuufi kan hafe ammoo bajata bara dhufuu keessatti qabatee kaffaluuf karoorfachuu ibse.

Galaanaa Angaasoo Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Wanciitti qindeessaa mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Caboo Wanciiti. Akka isaan jedhanitti, xalayaan sadarkaa guddinaafi daballi mindaa kan isaan qaqqabe Bitootessa bara 2012 keessa yoo ta’u, kaffaltiin kun Adoolessa bara 2011 irraa eegalee barsiisotaaf akka kaffalamu ibsa. Hanga ammaatti garuu daballii mindaa kana hinarganne jedhu.

Daballii mindaa kana argachuuf yeroowwan gara garaatti waajjira barnoota aanichaa dhaqnee gaafanneera kan jedhan barsiisaan kun, waajjirichis, “Bajatni daballii mindaa nu hingeenye, qajeelfamni daballii mindaa akka kaffalluuf nu gahes hinjiru. Hanga qajeelfamni daballiin mindaa kaffalaaf jedhu olii nuuf barreeffamutti daballii mindaa kaffaluu hindandeenyu” jechuun deebii nuuf kenne jedhu.

Barsiisonni daballiin mindaa kun hanga ammaatti waan isaaniif hinkaffalamneef komii guddaa qabu kan jedhan qindeessichi, utuu sababa weerara vaayirasii koronaatiin manatti hingaliiniyyuu gara hojii dhiisuutti deemaa deemaa turan. Kaffaltiin daballii mindaa kun hanga waggaa sadiitti hiramee nuusnisaa mindaarratti akka dabalamu ta’uunis komii biraa kan uume ta’uu himu.

Xalayichi kaffaltiin daballii mindaa kun hanga waggaa sadiitti harki tokko sadafaan mindaarratti dabalamee akka kennamu kan ibsu ta’uus himanii, barsiisonni garuu daballiin mindaa taasifame guutummaan mindaasaanii ij’aa duraarratti dabalamuufii akka qabu gaafachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Paabilik Siivilsarvisiifi Misooma Humna Namaa Oromiyaa Doktar Biqilaa Hurrisaa akka jedhanitti, hojjettoonni mootummaa naannichaafi naannolee birootiif ‘JEG’ hojjetamee xumuramee gara hojiitti akka galamu ta’eera. Hojjetaan mootummaas ramaddiisaa beekee bakkawwan tokko tokkotti ammoo xalayaa fudhateera.

Sirni kaffaltii hojii ‘JEG’ akka biyyaatti waan murtaa’uuf mootummaan naannichaa kaffaltii kana raawwachuuf tilmaama bajataa baasee  Ministeera Maallaqaaf dhiyeesseera. Kaffaltii sirreessa iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa naannichaatiif bajata dabalataa qarshii biliyoona 10.7 ta’u ministeericha  gaafachuusaanii ibsaniiru.

Kaffaltii sirreeffama iskeelii mindaa kana raawwachuun duubatti harkifateera kan jedhan Doktar Biqilaan, ministeerichi kaffaltii sirreessa mindaa hojjettoota mootummaa kan naannolee hundaa walfaana yeroo gabaabaa keessatti gaddhiisa jedheen abdadha jedhaniiru. Hojjettoota mootummaa naannichaa kuma 600 ta’an keessaa kumni 230 ol barsiisota ta’uus himaniiru.

Ministeera Maallaqaatti Daariktarri Dhimmoota Kominikeeshinii Obbo Hajii Ibsaa  dhimma kanarratti deebii nuu kennaniin, mootummaan haala yeroo ammaa biyyattii mudaterraa ka’uun ammaaf kaffaltii sirreessa mindaa hojjettoota mootummaa kan ji’oota sadii (Ebla, Caamsaafi Waxabajjii) gadhiisuuf qophiirra jiraachuufi kan hafe ammoo bajata bara dhufuu keessatti qabamee kan kaffalamu ta’uu ibsaniiru.

Qarshiin kaffaltii sirreessa mindaa kun naannolee hundaaf  darbaa jiraachuus himanii, hojjettoonni mootummaas rakkoo yeroo ammaa biyyattii  mudatee ilaalcha keessa galchuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Caamsaa 1/2012

Recommended For You

10 Comments to “Kaffaltii sirreessa iskeelii mindaa hojjettoota mootummaa raawwachuuf qophiin xumuramaa jira”

  1. Pingback: タイ不動産
  2. Pingback: Jaxx Liberty
  3. I recently did a system restore on my computer and have yet to reload my antivirus software. Apparently somewhere along the process something called Antivi took over my computer and I can’t do anything, not even get to my task manager to end the program. Any advice?.

  4. Pingback: chat rooms
  5. Pingback: link

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *