“Dizaayiniin Hospitaala Tarsharii Walloo hanqinoota heddu qabaachuusaatiin jijjiirame” -Pirezdaantii Yunvarsiitii Walloo

Dasee: Dizaayiniin Hospitaala Tarsharii Walloo duraanii hanqinoota heddu qabaachuusaatiin kan jijjirame ta’uu, Pirezdaantiin Yunvarsiitii Walloo beeksisan.

Pirezdaantiin yunvarsiitichaa Doktar Abaata Geetaahuun ibsa tibbana addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, ijaarsi hospitaalichaa bara 1994 eegalus baroota dheeraaf harkifachaa turuu kaasanii, ijaarsasaaf qarshii biliyoona 1.5  hawaasarraa sassaabuun raawwachuuf kan yaadame ta’us, qarshii miliyoona 67 qofti walitti qabamuu dubbatu.

Qarshii kanaan Hospitaala karoorfamee kana ijaaruuf yaaluun mataansaa qormaata ta’uu ibsanii, qarshichi hanga yoonaa koree hojicha raawwachisuuf filtamanii turan harkaa akka hinfuudhamne ibsu. Sababa kanaan yeroo ammaa ijaarsichi maallaqa Yunvarsiitii Walloon akka eegalamu ta’uufi adeemsichi garuu dogoggoora ta’uu ibsaniiru.

Hanqina maallaqaa mudate dabalatee rakkoon dizaayinii cimaa ta’e jiraachuu kan himan pirezdaantichi, deggarsi maallaqaa Sheek Mohammad Alii Alaamuddiin akka taasifamu waadaan seenamus yeroo jedhame keessatti hojiitti galamuun akka hindanda’amne ibsu. Kunis rakkoo dizaayinii wajjin kan walqabatu ta’uu eeranii, diizaayiniin pirojektichaa aadaafi duudhaa naannawichaa Kan giddu galeeffate akka hinturres ni dubbatu.

Akka ibsa pirezdaantichaatti dizaayiniin duraa ijaarsa namoota biroorraa fudhatameefi qorannoon kan hindeggaramne ta’uufi rakkinichi gaaffii ummataa ta’aa turuurraa kan ka’e Yunvarsiitiin Walloo ijaarsasaa abbummaan gaggeessaa jiraachuu dubbatu. Yeroo ammaattis hanqinoota dizaayinii 900 ol mul’atan adda baasuun ijaarsichi bifa haaraan eegalamuu ibsu.

Akka Doktar Abaatan jedhanitti, keessumaa dizaayinii haaraa qorannoo cimaan mirkanaa’een hospitaalichi aadaafi duudhaa naannawichaa akka qabaatu taasifameera. Hospitaalli karoorfamee hojiitti galame kun akka Afrikaa Bahaatti isa jalqabaa ta’uufi hoteela abbaa urjii shanii helikoftarii qubachiisu akka qabaatus ta’eera. Dizaayinii haaraa ammaa kanaan wiirtuun qoricha aadaafi duudhaan sabichaas hammatameera.

Komiin Hospitaala kanarratti ka’aa ture akka haqamuuf yunivarsiitichi humna guutuun hojjetaa jiraachuu ibsanii, sochicha milkeessuuf mootummaan federaalaa qarshii biliyoona lama ramaduu pirezedaantichi ibsanii, ejjennoo mootummaa federaalaa kana wiirtuu godhachuun dizaayiniin haaraa hospitaalichaa yeroo afur madaalamee fudhatama argachuusaas beeksisaniiru.

Kun ta’us hospitaalichi rakkoo maallaqaa isa mudateen dizaayinii jijjiireera ololli jedhu soba ta’uu kaasanii, ijaarsi bifa haaraan hundaa’e kun lafarratti kan mul’atuufi lammiilee Itoophiyaafi Afrikaa Bahaatti abdii kan horudha jedhaniiru. Dizaayiniin ijaarsichaa geddaramuunsaa hudhaalee bor komii kaasuu danda’an kan maqsu lammiis kan boonsu ta’uus ibsaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Dizaayiniin Hospitaala Tarsharii Walloo hanqinoota heddu qabaachuusaatiin jijjiirame” -Pirezdaantii Yunvarsiitii Walloo”

  1. Pingback: blote tieten
  2. Pingback: Guns For Sale
  3. Pingback: visit website

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *