“Abbootii qabeenyaa maxxantummaan jiraatantu dargaggoota biyyaa baasaa jira” -Aadde Zahaaraa Humad

Samaraa: Godaansa seeraan alaa akka biyyaatti hammaachaa jiruuf akka sababa ijootti kan ka’u hojidhabdummaa ta’uu yeroo baay’ee ni ka’a. Dargaggoonni rakkoo kanaaf saaxilaman hedduunsaanii naannoo Affaar riqicha godhachuun biyyaa bahaa kan jiran ta’uu himama. 

Maddi rakkoo hamaan dargaggoonni akka biyyaa bahan  taasisummoo abbootii qabeenyaa maxxantummaan jiraatan ta’uu Hoggantuun Biiroo Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Naannoo Affaar dubbatu.

Hoggantuun biirichaa Aadde Zahaaraa Humad tibbana wayita gaazexeessaan gaazexaa Bariisaa hojiif garas imalee turetti akka ibsanitti, dargaggootni akka godaanan taasisaa kan jiran abbootii qabeenyaa maxxantummaan adeemanidha. Naannoon Affaar hawwata invastimantii hedduu kan qabdu yoo taatu abbootiin qabeenyaa misoomicharratti bobba’anii jiran faayidaa mataasaanii giddu galeeffachuu kan deemanidha jedhu.

Kana jechuunis, misoomni abbootiin qabeenyaa maxxantummaan jiraataniin gaggeeffamaa jiru dargaggoota hojidhabeeyyii kan qollifate ta’uu eeranii, misoomni dargaggoota hinhirmaachisne umrii dheeraa qabaachuu waan hindandeenyeef tarkaanfii sirreessaa fudhachaa jiraachuu dubbatu. Haaromsaan dura abbootiin qabeenyaa maxxantummaan hojjechaa jiran humna dargaggootaa saamaa, miindaa madaalawaa dhorkaa kaazinaa dhuunfaasaanii gabbifachaa turaniiru jedhu.

Haaromsaan booda garuu seermaleessummaan akkanaa akka hafuuf kutannoo siyaasaan socho’aa jiraachuu eeranii, haala dura tureen misoomawwan soogiddaa, Warshaa Sukkaaraa Tandaahoo, lafti qonnaa, misoomni beeladaa abbootii qabeenyaa maxxantoota kanaan liqifamee turuu kaasaniiru.

Akka Aadde Zahaaraan jedhanitti, dargaggoon miindaa madaalawaa maxxantoota kanarraa dhaban miindaa gadaanaa kanfalamuuf akkasumas, saamicha humnaa irra gahu jalaa of baraaruuf godaansa seeraan alaaf garaansaanii ka’aa  tureera.

Abbootiin qabeenyaa maxxantummaan saamicha humnaafi miindaa madaalawaa hintaaneen kanfaluun of ijaaran kunneen har’as akkuma kaleessaa hudhaa guddina dargaggootaa ta’aa jiraachuu ibsanii, maxxantoonni kunneen maqaa abbaa qabeenyaa moggaafachuun kaappitaala gahaa malee pirooppoozaala misoomaa galchuun biyya saamaafi dargaggoo biyyaa baasaa turuu himu.

Dargaggoon Affaar riqicha godhatee biyyaa bahaa jiru kun dhalataa Affaar qofa osoo hintaane ilmaan sabaaf sablammii Itoophiyaa hedduu ta’uullee kaasanii, daataan isaanii gaafa ilaalamu dargaggoon Affaar biyya hambaatti godaanu lakkoofsaan xiqqoo ta’uufi irri jireessi naannoolee ollaarraa kan dhufan ta’uu dubbatu.

Faddaaltooni dargaggoota walharkaa fuudhuun biyyaa baasanis netwoorkii cimaan kan wal utubanii jiran ta’uufi kunis sadarkaa gandaarraa kaasee hanga federaalaatti akkasumas hanga ce’umsa daangaatti hidhata uumuun gaaga’ama ammaan tana qaqqabaa jiruuf sababa dabalataa ta’uu Aadde Zaaraan ni ibsu.

Qaamonni kunneen dargaggoota bilbilaan walharkaa fuudhuun maallaqa barbaachisus karaa hinbeekamneen fudhachuun yakkichi akka walxaxu taasisaaa jiraachuu kan eeran hoggantuun tun, konkolaataa konteenarii guddaa meeshaa garagaraa baatuun ukkaamsanii biyyaa baasuuf yaalii taasifameen dargaggoonni dhumaa jiran kumaatamaan akka lakka’aman addeessu.

Badii gama kanaan mudatuun konkolaachisaan qacaramee hojjetu akka hinjirre kan kaasanii, yakkichi kan dalagamu abbootii qabeenyaa maxxantoota ta’aniin ta’uu himu. Abbootiin qabeenyaa maxxaantuu ta’an kunneen karaa qaxxaamuraan duroomuuf konkolaataa mataasaaniitti fayyadamuun mallaqa hanga kuma 60 fudhatanii dargaggoota biyyaa baasaa akka jiranis ni ibsu.

Akka ibsa Aadde Zaaraatti, yakkamtoota kanneen qabuuf yaalii taasifameen konkolaachistoonni qabaman irri jireessi konkolaataa mataasaaniitti fayyadamuun dargaggootarraa maallaqa guddaa fuudhachuun godaansicha hammeessaa jiru. Hordoffii taasifameen abbootii qabeenyaa hedduurratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuufi kanneen yakka hammaataa kana irra deddeebiin raawwataniis tarkaanfiin hanga  konkolaataansaanii harkaa fudhatamuu fudhatameera. Kana malees kanneen mana sirreessaa galanii hidhamanis ni jiru.  

Konkolaachitoonni tokko tokkos shamarran godaansa seeraan alaa imalan keessaa kanneen gudeeduun rakkinaaf saaxilaa akka jiranis bira ga’aamusaa eeranii, kun ta’us humnoonni kunneen sadarkaa federaalaatti qondaaltoota waliin hariiroo dhokataa qabanitti waan fayyadamaniif guutummaa guutuutti dhabamsiisuun akka hindanda’amne dubbatu.

Gochaan akkasii sochii rakkinicha furuuf taasifamu gufachiisaa jiraachuu kan kaasan Aadde Zahaaraan, hojiin hubannoo uumuu ammallee barbaachisaa ta’uu kaasu. Kun akkuma jiruun ta’ee, dargaggoota hordoffiin qabaman hedduusaanii maatiisaaniitti deebisuurra darbee carraa hojii uumuun akka of ijaaran taasifamuusaa himu.

Dargaggoonni carraa hojii argatan ijoollee Affaariin alatti naannoolee biyyittiirraa kanneen dhufanis akka hammatu kaasanii, hudhaan kun akka furamuuf kutannoon siyaasaa mootummaa federaalaafi hariiroon naannolee gidduu cimuun murteesssaa ta’uu kaasaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  21/2012

Recommended For You

4 Comments to ““Abbootii qabeenyaa maxxantummaan jiraatantu dargaggoota biyyaa baasaa jira” -Aadde Zahaaraa Humad”

  1. Pingback: betflik19

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *