Irra caalaan biyyoota Afrikaa Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota guddinarra jiran keessatti ramadamu. Yeroodhaa yeroottis hongeefi beelaan waan dararamaniif lammiileensaanii gara ardii Ameerikaafi Awurooppaatti godaanuun beekamu. Namootni ardiittii keessatti dhalatanii guddatanis erguma barnootaan jijjiiramanillee biyyasaanii tajaajiluudhaaf fedha hinqaban. Kunimmoo lammiileen Afrikaa bara baraan jireenya gadadoo akka jiraataniif sababa ta’uusaa ogeessotni baay’een qorannoodhaan irra gahaniiru.
Akkuma Itiyoophiyaattuu hayyootni biyya keessaafi alaatti erga baratanii booda ummatasaanii deebi’anii gargaaruudhaaf fedha guutuu hinqabne hedduudha. Muraasni garuu oolmaa maatiifi biyyasaanii deebisuuf murteeffatanis nijiru. Doktar Roobsan Margoo hayyoota akkasii keessaa tokko yoo ta’an, haala waliigala hojiisaaniifi argannoo qorannoosaaniirratti gaaffiifi deebii tibbana isaan waliin adeemsisne akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Seenaa jireenya keessaniirraa haa jalqabnu.
Doktar Roobsan: Tole. Ani maqaankoo Doktar Roobsan Margoo Inyeen jedhama. Kanan dhaladhe Godina Shawaa Lixaa, aanaa Gindabarati ganda Kaloo Badhaasaa jedhamutti bara 1967ttin dhaladhe. Maatiin koo qonnaan bultoota waan ta’aniif, akkuma ijoollee baadiyyaa kamiyyuu horii tiksuufi midhaan eeguutiin isaan gargaaraan guddadhe.
Akkuma umriinkoo barumsaaf gaheen bara 1973-1976tti naannawaa keenyatti kan argamu mana barumsa Leemat sadarkaa 1fa jedhamuttan barnoota kutaa 1fa hanga 6fa baradhe. Barnootatti cichee barachaa waanan tureef, qorumsa kutaa 6fa qabxii 98 galmeessuutiin 1fa bahee darbe. Barnoota kutaa 7fafi 8fa ammoo gara magaalaa Kaachisii deemuun mana barumsaa sadarkaa 2fa Gindabaratittan baradhe.
Caasaan sirna barnootaa yeroosanaa 4-2-2-4 waan tureef kutaa 8fattis qabxii qorumsa biyyaalessaa olaanaa galmeesseen darbe. Kutaa 9fa-12fattis achumatti hordofeen qabxii seensaa yunivarsiitii argachuu danda’eera. Hangan barnoota koo sadarkaa 1fafi 2fa xumurutti gargaarsi maatii keessumaa kan abbaakoo olaanaa ture. Qabxiinkoo waan hedduu isa gammachiisaa tureef, yerookoo hundumaa barnootarratti akkan xiyyeeffadhuuf baay’ee najajjabeessaa ture.
Ergan barnoota kutaa 12fa xumureen booda bara 1985tti gara Kolleejii Barsiisota Bahir Daaritti (Yunivarsiitii Bahir Daar har’aatti) ogummaa barsiisummaa barachuuf seene. Waggoota lamaaf barsiisummaadhaan ergan leenji’ee booda digrii koo jalqabaa argadheen eebbifame.
Qabxii guddaadhaan eebbifamuyyuu carraan wayitasan ture barsiisaa ta’uu qofa waan tureef, bara 1988tti Dhaabbata Barsiisota Roobeettan ramadame. Achittis gara waggoota afuriin barsiise. Osuman barsiisaa jiruu Yunivarsiitii Finfinneetti carraa barnootaa argadhee digriikoo lammaffaa damee sirna barnootaatiin (karkulamiitiin) baradhe. Koorsiiwwan kennamaa turanis sirnaan hordofaa waanan tureef, namoota sagal taanee barachaa turre keessaa qabxii 3.92 galmeessuudhaan eebbifame. Waraqaawwan qorannoo sagal dhiyaatan keessaas kanuma koo qofatu baay’ee gaarii (excellent) jedhame waan tureef, hawaasni yunivarsiiticharraa dinqisifannaa argadheen ture.
Akkuma barnootakoo digrii 2fa eebbifamee baheen booda Ministeerri Barnoota akkan Kolleejii Teknika Barsiisotaa Naazretitti (Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaa har’aa) barsiisuuf ramaddii naaf kenne. Ani garuu mootummaatu nabarsiise waan ta’eef, dhaqeetuman dhoqqee Baalee Roobee dhidhiita ykn dirqamakoo xumura jedheen didee deeme. Yeroosan barsiisotni ana waliin sadarkaa barnootasaanii fooyyeeffatan hedduu waan ta’eef, qabatuma kanaan Biiroon Barnoota Oromiyaa dhaabbaticha gara kolleejiitti guddise. Ergasiis achumatti waggoota lamaaf barsiisuu danda’eera.
Adeemsa keessa garuu haalli siyaasa biyyattii qajeelaa waan hinturreef, mootummaan maqaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)n barsiisota hedduu hojiirraa akka ari’aman godhe. Yeroosan ani tuqamuu baadhuyyuu sababa hiriyyootakoof baay’ee aareen bara 1995tti gara Yunivarsiitii Saayinsiifi Teknolojii Adaamaattin jijjiirradhe. Hanga barkumeettis achumatti abdii guutuudhaan barsiisaan ture.
Osuman barsiisaa jiruu Yunivarsiitii Osloo, Norwayitti carraa barnoota biyya alaa (scholarship) argadhe. Pirojektiin ani qopheessuun dhiyeesses baay’ee waan jaalatameef bara 2002tti deeme. Akkaataan baruu barsiisuu Itoophiyaafi biyyoota Awurooppaas garaagarummaa guddaa waan qabuuf, digriikoo 3fa qabachuuf turtii waggoota jahaa natti fudhateera. Gidduu gidduutti garuu gara biyyaatti deebi’een ragaalee qorannookoo funaannachaan ture.
Bariisaa: Oslootti damee barnootaa kam barattan?
Doktar Roobsan: Dameen barnootaa ani achitti baradhe kanan biyya keessatti hordofaa ture waliin walfakkaataadha. Malli ittiin barnoota koo gabbifadhe garuu garaagarummaa guddaa qabaachuusaa hubadheera. Keessumaa waa’ee barnoota garaagarummaarratti (diversity education) xiyyeeffadhee barachaa waanan tureef, bu’uurri rakkoo biyya kanaa maal akka ta’e akkan hubadhuuf nagargaareera. Biyya garaagarummaan afaanii, aadaa, amantii, ilaalchaa, siyaasaafi qabeenyaa daraare keessatti barnoota garaagarummaa kennuun dirqamadha.
Bariisaa: Kenniisi barnoota biyyattii maal fakkaata?
Doktar Roobsan: Haalli kenniisa barnootaa Norwayi kan keenya waliin walbira qabamee yoo ilaalamu fardaaf lafa walirraa fagaata. Fakkeenyaaf, barnootni digrii 3fa karaa lamaan kennama. Barnoota sadarkaa ‘Monograa’ jedhamuufi artikiliirratti hundaa’e kennamu jechuudha. Kan jalqabaa sadarkaa barnootaa keenya waliin kan walfakkaatu waan ta’eef salphaadha. Sadarkaan barnootaa artikiliirratti hundaa’e garuu tokkoon tokkoon argannoo qorannoorratti artikilii ykn barreeffamoota dhedheeraa maxxansiisuu gaafata. Anillee ergan qorannoo gaggeesseen booda haala gahumsa qabuun artikiloota sadii maxxansiisuu danda’eera jechuudha.
Bariisaa: Qorannoon keessan maalirratti kan xiyyeeffate ture?
Doktar Roobsan: Mata dureen qorannookoo, “Itoophiyaa jijjiirama jala jirtu” kan jedhu ture. As jalatti waa’ee imaammataa, sirna barnootaafi piraktikamii, kenniisa barnoota garaagarummaa haala bal’ina qabuun xiinxalee hojjechuu danda’een ture. Dhuguma dubbachuuf Itoophiyaan wayitasan ce’umsa jijjiiramaa jala hinturre, garuu akka raagaatti waanan hojjedheef, kunoo har’a dhugoomuurratti argama.
Bu’uurumarraa yoo ilaalamu hojiin qorannoo, eessoo raasuu waliin walfakkaata. Kana jechuun eessoon wayita raafamu dhadhaan sirnaan bahuus dhiisuus danda’a. Osoo hinquucarsiin raasanii dhadhaa baasuun murteessaadha jechuudha. Akkuma dhadhaan aannan keessaa bahu yaadni bilchaataan dhalootaafi biyya ijaaru adeemsa hojii qorannoo keessaa bahuu kan danda’u ta’uusaa hubachuun gaariidha.
Argannoon qorannookoos kanuma agarsiiseera. Sirni barnootaa waggoota kurnan sadii dura bocaman haala qabatamaa biyyattiifi karaa dhimmoota eenyummaa kabajuun fooyya’uu akka qaban ibsameera. Rakkooleen wayita har’aa dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti mudachaa jiranillee sabootniifi sablammootni biyyattii garaagarummaarratti hangam hubannoo akka hinqabne kan ibsuudha. Kana furuuf ammoo barnoota garaagarummaa imaammataafi sirna barnootaa keessatti akka hammatamu godhanii barsiisuun dirqama ta’uusaati.
Bariisaa: Argannoo qorannichaa hojiirra oolchuuf hangam deemtan?
Doktar Roobsan: Erguman hojii baruu barsiisuu eegalee kaasee hariiroo ani Ministeera Barnootaa waliin qabu guddaadha ture. Keessumaa leenjii dagaagina ogummaa barsiisotaaf kennaa waanan tureef, itti dhiyeenyaan mana hojichaa waliin hojjechaan ture. Biyya alaatti sadarkaa barnootakoo fooyyaffadhee ergan deebi’ee kaasees qunnamtii uumuu yaaleen ture. Wayitasan argannoo qorannichaa dhiyeessuyyuu fudhatama argachuu hindandeenye. Sababnisaa falaasama anirratti hojjechaa ture, garaagarummaan eenyummaa kabajamee sirni federaalizimii dhugaa akka hojiirra oolu kan godhu waan tureef. Kunoo har’a haalli hundumtuu waggoota muraasa keessatti jijjiiramee bu’aan qorannookoo sirnaan hojiirra akka oolu ta’aa jira. Ogeessotaafi dhaabbilee barnootaa addadddaafis leenjii hubannoo uumuu kennaan jira. Kanaaf ammoo Waaqayyoon nan galateeffadha.
Bariisaa: Yunvarsiitiin Osloo argannoo qorannichaarratti duubdeebii akkamii isiniif kennee ture?
Doktar Roobsan: Biyya keessattis ta’e biyya alaatti adeemsi qorannookoo baay’ee qindaa’aa ture. Yunvarsiitii Osloottis xiyyeeffannaa guddaadhaan hojii qorannichaa hojjechaa waan tureef qabxii olaanaa galmeessuu danda’een ture. Keessumaa ammoo barnootni garaagarummaa mirga namoomaafi dimokiraasii dhala namaa waliin kan walqabatu waan ta’eef, Itoophiyaadhaaf murteessaa akka ta’e irra gahameera. Norwayis biyyoota Iskandiiviyaa mirga dhala namaaf iddoo guddaa kennan keessaa tokko waan taateef gorsitootni koo baay’ee itti gammadaniiru.
Bariisaa: Mirga dhala namaaf biyyootuma Iskandiiviyaa qofatu dhimmama jechuudha?
Doktar Roobsan: Lakki, akkas jechuu miti. Mirga dhala namaa eeguufi eegsisuuf biyyootni addunyaa marti ittigaafatamummaa qabu. Haala walqixa ykn guutuu ta’een eeguufi eegsisuurratti garuu walcaaluun nijira. Biyyootni dhiittaa mirga lammiileen himatamanis hedduudha. Hanguma har’aattuu Itoophiyaan himatamaa akka jirtu beekamaadha.
Biyyootni Iskaandiiviyaa sadeen Awurooppaa kaabaatti argaman (Norwayi, Iswiidiniifi Denmaarki) garuu guutummaatti waa’ee nageenya dhala namaa hundaaf iddoo olaanaa kennu. Wiirtuun badhaasa Nobeelii nageenyaa addunyaa, kan barana Doktar Abiyyi badhaafaman Norwayi, Oslootti wagguma waggaan kennama.
Keessumaa ammoo biyyootni kunneen waa’ee walqixxummaa mirga dhala namaafi ijaarsa sirna dimokiraasiif warreen quuqama addaa qabaniidha. Kanarraa kan ka’e lammiileensaanii marti galii walfakkaataa qabu. Warri dureessotaas hanga qabeenya horachuu danda’aniin olitti bahanii argamnaan mootummaaf galii ta’ee namoota galii gadaanaa qabaniif akka qoqqoodamu taasifama. Kunimmoo lammiilee gidduutti garaagarummaan qabeenyaa daangaarra darbe akka hinuumamneef kan gargaaru waan ta’eef fiixee qaroominaarra akka gahan mul’isa jechuudha.
Bariisaa: Biyya waan hundumaan guutuu taate akkasiirraa deebi’uun isinitti hinulfaannee?
Doktar Roobsan: Maatiidhuma waliin achi waanan tureef bara 2007 wayita biyyatti deebi’e hedduu natti ulfaatee ture. Namootni waliin barachaa turre garuu hundumtuu osoo hindeebi’in achumatti hafan. Ani garuu kaayyoonkoo barumsaan iddoo guddaa gahee ofiif mijeeffachuu qofa osoo hintaane lammiikoo gargaaree hiyyummaa keessaa baasuu ture. Kunimmoo akkuma warra kaanii achitti akka hinhafneef nadirqisiiseera jechuudha.
Bariisaa: Garaagarummaa yoo jedhamu maal jechuudha?
Doktar Roobsan: Hayyootni damee barnootaatti hiika garagaraa kennu. Garaagarummaa jechuun faallaa tokkummaa jechuu yoo ta’u, kunis sababoota dhalli namaa tokko akka hintaane godhan jechuudha. Garaagarummaan kennaa uumamaati malee abaarsa akka hintaane hubatamuu qaba. Fakkeenyaaf, bishaaniifi ibidda, halkaniif guyyaa, dugdaafi garaa, dhiiraafi dubartiin waliif faallaa ta’aniyyuu kanneen walfayyadaniidha.
Sirni mootummoota Itiyoophiyaa duraanii garaagarummaa eenyummaaf iddoo guddaa kennaa waan hinturreef, sabootaafi sablammootni biyyattii hacuucamaa turan. Kanaan booda garuu akkuma duriisan biyya afaan, aadaa, seenaafi duudhaa tokko ijaaruu haa hafuutii yaaduunillee gonkumaa akka hindanda’amne beekuun barbaachisaadha. Rakkooleen garaagarummaa keessa jiran garuu hariiroo sabootaafi sablammootaarratti dhiibbaa akka hinuumneef to’achuun kan danda’amu ta’uunsaa hubatamuu qaba.
Bariisaa: Akkamiin garaagarummaa eenyummaa to’achuun danda’ama?
Doktar Roobsan: Dhuguma dubbachuuf taanaan wayita ammaa rakkoon Itoophiyaa sirna federaalizimii sabummaarratti xiyyeeffate hordofuu osoo hintaane garaagarummaa eenyummaa haala saayinsawaa ta’een to’achuu dadhabuurraa kan maddeedha. Bu’uurri siyaasa biyyattii raasaa jirullee kanuma yoo ta’u, mirga waloofi dhuunfaa eeguu, akkasumas eegsisuu waliin kan walqabatuudha. Qaamoleen tokko tokko mirgi waloo kan dhuunfaa waan caaluuf dursi kennamuufii qaba jechuun wayita falman dhagahamu. Kunimmoo sirrii waan hintaaneef, sirna federaalizimii biyyattiin hordofaa jirtu waliin walitti bu’a.
Saayinsii barnootaa garaagarummaa keessatti garuu mirgi waloofi dhuunfaa haala walqixa ta’een hojiirra oolchuun dirqamadha. Mirga waloofi dhuunfaa walcinaa eeguufi eegsisuudhaan dagaagsaa kan hindeemne taanaan oolee bulee diigumsa fiduunsaa waan hafu miti. Mootummaanis ta’e paartileen morkattootaa kanarratti xiyyeeffatanii hojjechuun isaanirraa eegama.
Bariisaa: Wayita ammaa sabootni gara naannootti guddachuuf gaafachaa jiran hedduudha. Akkamitti ilaaltu?
Doktar Roobsan: Akka heera biyyattiitti gaaffiinsaanii sirriifi fudhatama qaba jedheen amana. Hiikumti dimokiraasiiyyuu bulchiinsa ummataa, ummataan ummataaf waan ta’eef, mirga waloosaanii seeraan gaafachuufis ta’e hojiirra oolfachuuf waan dhorku tokkollee hinjiru. Qixa kanaan sabootniifi sablammootni keessumaa Bulchiinsa Naannoo Ummattoota Kibba jala jiran mirga heeraan isaaniif kenname guutanii argamnaan gara naannootti guddachuu ni danda’u.
Ameerikaan Kaabaa (‘USA’)n bulchiinsa naannolee shantamii lama kan qabdu yoo ta’u, addunyaarraa biyya waan hundumaan beekamtuufi kabajamtuu ta’uushee hubachuun gaariidha. Kunimmoo baay’inni naannolee tokkummaafi waliigaltee biyyaalessaarratti yaaddoo akka hintaane mul’isa jechuudha. Kanaafuu gaaffilee Ummattoota Kibbaa akkaatuma heeraatiin furmaata kennuun murteessaadha.
Bariisaa: Rakkooleen qulqullina barnootaa akkamiin furamuu qaba jettu?
Doktar Roobsan: Sababni rakkoolee qulqullina barnootaa waliigalaan yoo ilaalamu imaammataafi sirna barnootaa biyyattiirraa kan maddeedha. Keessumaa ammoo imaammati hordofamaa ture haala qabatama Itoophiyaarratti kan hundaa’e waan hinturreef dhaloota haaraa qaruun ulfaataa ta’aa ture. Akkuma siyaasni biyyattii jijjiiramaa agarsiisaa deemeen rakkooleen qulqullina barnootaas adeemsa keessa furmaata argachaa kan deeman ta’a jechuudha. Ogeessotniifi hoggantootni barnootaas ummataafi mootummaa waliin qindoominaan hojjechuun isaanirraa eegama.
Bariisaa: Mudannoon Oslootti isin qunname yoo jiraate?
Doktar Roobsan: Biyya ormaatti haa hafuutii biyyuma keessattuu bakkaa bakkatti wayita socho’amu waanti nama mudatu hindhibu. Qorataa tokkoof ammoo yeroodhaa yerootti hundumtuu haaraa waan ta’eef, xiinxaluuf jecha rakkachuun waan hinoolledha. Kanan yaadadhu keessaa Yunvarsiitii Oslootti osuma barachaa jirru gaafa tokko konfiransii barnootaaf gara magaalaa, Turunsootti imalle. Magaalittiinis tulluuwwan lama gidduu waan jirtuuf, konkolaataa shibootiin (cable car) deemuudhaan geenye. Akkuma achi geenyeen laaqanaaf mana nyaataatti seenuudhaan harka dhiqanne.
Anis beela’ee waanan tureef ariitiin nyaata meeshaa guddaadhaan dhiyaate tokko qofuma kootti fudhadheen nyaachuu jalqabe. Namootni nuwaliin turan akkuma kankoo nyaatni biraa isaaniif nidhiyaata jedhanii yoo eegan homtuu hinjiru. Boodarra keessummeessituu hoteelichaa wayita gaafatan isumatti dabalamaa nyaadhaa malee kan biraa hinjiru jetteen. Qindeessaan keenya garuu waan beekuuf calliseedhuma nu hordofaa ture. Dhumarratti ani nan qaana’e, qindeessichi garuu aadaa walii beekuun jiruufi jireenya keessatti hangam murteessaa akka ta’e nuhubachiise. Kanaafuu barnoota garaagarummaa eenyummaa kennuun Itoophiyaadhaaf dhimma murteessaa akka ta’e hubatamuu qaba.
Bariisaa: Haala maatii keessanii osoo himtan?
Doktar Roobsan: Bara 1995rraa kaasee gaa’ela dhaabbachuu danda’eera. Maqaan haadha warraa koo Badhaatuu Abarraa kan jedhamtu yoo ta’u, daa’imman sadii horachuu dandeenyeerra. Dubara lamaafi dhiira tokko jechuudha. Isheen hangafti Meetii yoo jedhamtu Adaamaatti dhalatte. Inni dhiiraa, Hundumaan ammoo Oslootti dhalate. Erga biyyatti deebinee ammoo Kennaa kan jedhamtu arganne. Kana hundumaaf Waaqayyoo nan galateeffadha.
Takkaalliny Gabayyootiin
(Suurri Hadush Abrahaatiin)
4 Comments to ““Biyya garaagarummaan eenyummaa daraaretti barnoota garaagarummaa kennuun dirqamadha” -Doktar Roobsan Margoo”