“Itoophiyaan giddugala falaasama kaayizanii Afrikaa bahaa taatee jirti” Obbo Mokonnin Yaa’ii

Bishooftuu: Omishaafi omishtummaa dabaluuf akkasumas qisaasama hir’isuuf hayyoota Jaappaniitiin kan kalaqame falaasamni Kaayizanii, faayidaa falaasamichaa hubachuudhaanis biyyootni hedduu gara biyyasaaniitti fiduudhaan hojirra oolchaa turaniiru.

Biyyoota Afrikaa keessaa falaasama kana waraabbachuudhaan Tuniiziyaafi Misir biyyoota jalqabaa yemmuu ta’an, Itoophiyaanis faalasamicha waraabdee hojirra oolchuudhaan sadarkaa 3ffaa qabateetti.

Hojirra ooluu erga jalqabee waggaa kudhan kan lakkofsiise falaasamichi, turtii hanga ammaatiinis ofii hojirra oolchurraa gara sadarkaa biyyoota birootiif muuxannoo qooduu irra gahamuu Daariktera olaanoo Inistitiyuutii Kaayizanii Itoophiyaa Obbo Mokonnin Yaa’ii ibsu.

Guddina biyya tokkoo itti fufiinsaan milkeessuudhaaf dandeettii raawwachiistummaa hojjattootaa yeroo yerootti ijaaruun murteessaa ta’uu kan himan daarektarichi, ogeeyyootni Inistitiiyuutichaa yeroo ammaatti beekumsa biyyarra darbee biyyoota ollaatiif ta’u horachuusaanii

 ibsu. Sochii waliigalaa hanga ammaatti falaasamicha dhaabbilee hunda keessatti hojirra oolchuuf taasifameenis yeroo ammaa biyyattiin giddugala falaasama kaayizanii Afrikaa bahaa ta’uusheefi kunis milkaa’ina olaanaa ta’uu dubbataniiru.

“Imala gara badhaadhinaatti taasifamuuf daandiin gara badhaadhinaatti nama geessu qalbiidhaan adda baasuun barbaachisaadha” kan jedhan Obbo Mokonnin, qabeenya biyyattii qisaasamarraa baraaruudhaan omishaafi omishtummaa dabaluuf ammas faayidaan falaasamichaa olaanaa akka ta’e ibsu.

Akka ibsasaaniitti, Dhaabbileen falaasamicha sirnaan hojirra oolchan bu’aasaa haammachaa jiraachuusaaniifi warren sababa garaagaraatiin hanga ammaatti hojirra hinoolchin immoo of komachaa dogongora darberraa baratanii muuxannoo dhaabbilee biroo fudhachuun kan isaanirraa eeggamuudha.

Jijjiiramni yeroo ammaa akka biyyaatti jiru hojirra oolmaa falaasamichaatiif haala mijataa qabatee dhufee jira. Kanaan dura murtee ogummaa falaasamichaatiin osoo hin taane, murtee siyaasaatiin hoogganamaa turreerra jedhu.

Amma garuu erga jijjiiramichi dhufeen booda kan hogganamu ogummaafi ogeessa falaasamichaati malee murtee siyaasaa gogaatiin hojiin hojjatamu dhaabbachuus eeraniiru.

Bariisaa Guraandhala 14 / 2012

Byyanaa Ibraahimiitiin

Recommended For You

2 Comments to ““Itoophiyaan giddugala falaasama kaayizanii Afrikaa bahaa taatee jirti” Obbo Mokonnin Yaa’ii”

  1. Pingback: link

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *