“Gaaffiin caasaa Baale Bahaa gara gaaffii misoomaatti ce’eera” – Obbo Abdulhakim Aliyyii

Gindhiir: Godina tokko garuu haala qilleensaafi teessuma lafaa gara garaa, ummata tokko haala jiruufi jireenya adda addaa keessa.

Inni tokko lafa qabbannisaa halkan dhiisii guyyaan nama hollachiisutti ho’aafi aduu abjoota. Inni kuun immoo gammoojjii ho’a malee rooba argatee waan hinbeekne fakkaatu keessatti ho’aan waadamaa  “Yaarabbi qabbana buusi ! ” jedhee harkasaa Waaqa jala qabata.

Osoo inni baddaa qamadiifi garbuu ofiisaa irra darbee gabaa guddugaleessaatiif erguu, horsiisee bulaan gammoojjii  aannan looniittin bulu Baale.

Godinoota lafa bal’aa osoo qabanuu bu’uuraalee misoomaa gahaa hinqabne keessaa tokko kan ta’e godinni kun, dhiheenyatti immoo rakkoon guddichi isa hafu ni furama jedhamee yaadamu tokko furmaata argateera.  Godinni baalees guddatee baalee haaraa dhalchee kallattii bahaatiinis moggaaseera.

Hawaasni naannawa sanaa osoo hin nuffine rakkoon bulchiinsa gaarii keessattuu gurmaa’ina caasaatiin wal qabatee kaasaa ture furamuunsaa kutannoo bulchiinsa jijjiiramaa kan agarsiisu ta’uu tibbana Gaazexichaaf kan himan Bulchaan Godina Baale Bahaa Obbo Abdulhakim Aliyyii, kanaafis gaaffiin hawaasichaa yeroo ammaa gara gaaffii misoomaatti ce’uu dubbatu.

Rakkoon gurmaa’inaa furamnaan kanneen hafan furuuf wanti ulfaatu kan hinjirre ta’uufi kutannoon dhimma caasaa irratti mul’ate kanneen hafan hiikuufis abdiin jiraachuu kan agarsiisu ta’uu ibsu.

Bu’uraalee misoomaatiin walqabatee ammas komiin ummataa guddaan jiraachuu kan himan Obbo Abdulakim, rakkoon daandiifi bishaan dhugaatii immoo dhimmoota guguddoo deebii hatattamaa mootummaa fedhan ta’uu himu.

Naannichi gammoojjii ta’uusaatiinis hawaasni hedduu horsiisee bulaa ta’us bu’aan inni achirraa argachaa jiru xiqqaa waan ta’eef  rakkoon walitti hidhamiinsa gabaa akka furamuufis hawaasichi gaaffachaa jiraachuu ibsu.

Hirkattummaa roobaa jalaa ba’uufis pirojektotni jallisii naannawaa sanatti jalqabamuun abdii haaraa ta’uu dubbatu.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

One Comment to ““Gaaffiin caasaa Baale Bahaa gara gaaffii misoomaatti ce’eera” – Obbo Abdulhakim Aliyyii”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *