“Tiraaktaroota ‘METEC’ rakkoo qulqullinaa osoo qabanii raabseef gatiin hinkaffalamu” -Obbo Dhaabaa Dabalee

Finfinnee: Qonna ammayyaa babal’isuuf jecha bu’aaleen teknooloojii gara garaa qonnaan bultootaafi dargaggootaaf raabsamaa kan turan yoo ta’u, isaan keessaa tiraaktaroota ‘METEC’ liqaan  raabsamaa ture isa tokko.

Tiraaktaroonni liqaan qonnaan bultootaafi dargaggoota gurmaa’anii hojii misooma qonnaarratti bobba’aniif haaromsaan dura raabsamaa kan ture ta’uu Biiroo Qonna Oromiyaa beeksisee.

Hoogganaan biirochaa Obbo Dhaabaa Dabalee ibsa Kibxata darbe addatti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, Tiraaktaronni ‘METEC’ haaromsaan dura hanga aanaaleetti raabsaman hedduunsaanii rakkoo qulqullinaa waan qabaniif tajaajila barbaachisu utuu hinkennin hafaniiru. Tiraaktaroota sababa hanqina qulqullinaatiin hojii malee dhaabbataniif gatiin kaffalamuuf kan hinjirre ta’uu himaniiru.

Kun kan ta’u tiraaktaroota sababa hanqina qulqullinaatiin hojiirra hinjirreefi kan tajaajila kennaa jiran qorannoon erga mirkanaa’ee booda ta’uus  ibsaniiru.

Rakkoo gama kanaan mul’ate furuuf  tiraaktarootaafi omishaalee ‘METEC’ qonnaan bulaaf liqaan kennu akka dhaabatan taasisuun barbaachisaa ta’uu kan himan Obbo Dhaabaan,  rakkoo qulqullinaan walqabatee komiin bal’aa irratti ka’aa turuusaatiin uggurri irra taa’ee turuus ibsaniiru.

Tiraaktaroonni ‘METEC’ omishaa ture hedduun meeshaalee suphinsaas waan hinqabneef tajaajila tajaajila kennuu qaban hinkennine ta’ee eeranii, liqiin tiraaktaraa qonnaan bulaafi dargaggoota gurmaa’an irra jiru  qulqullinni tiraaktarootaa ogeessaan erga qoratamee booda kan murtaa’u ta’uu himaniiru.

Tiraaktaroota  tajaajila kennaa turaniif gatiin kan kaffalamu yoo ta’u, kanneen tajaajila malee dhaabbataa turaniif gatiin kan hinkaffalamneef ta’uu addeessaniiru.

Qonna ammayyaa qonnaan bulaafi mootummaa fayyadu babal’isuufi qonnaan bulaa rakkoo qulquliina maashinarii jalaa baraaruuf warshaan “Keenyaa” tiraaktara warshaalu Shaashamanneetti ijaaramuu ibsaniiru.

Warshichi meeshaalee qonna ammayyaaf barbaachisan kanneen akka tiraaktaraa qulqullinaan oomishaa jiraachuufi komii kanaan dura ture hambisaa jiraachuu himaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala  7/2012

Recommended For You

7 Comments to ““Tiraaktaroota ‘METEC’ rakkoo qulqullinaa osoo qabanii raabseef gatiin hinkaffalamu” -Obbo Dhaabaa Dabalee”

  1. Pingback: https://vhnbio.com
  2. Pingback: Phim Hai Huoc

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *