Finfinnee: Pirojektota bishaan dhugaatii waggoota kudhan dura bocamuun bajata guddaadhaan ijaarsisaanii jalqabame keessaa kan Nageellee tokko yoo ta’u, hanga har’aattuu hinxumuramne.
Jiraattotni magaalittiis pirojektiin baasii qarshii miliiyoona 300n laga Gannaaleerraa harkifamee ijaaramuuf karoorfame dhagahuu bira darbee bishaan dhugaatii qulqulluu ijaan arganii akka hinbeekne tibbana Gaazexaa Bariisaatti himaniiru. Bulchiinsi magaalichaas komiin jiraattotaa sirrii ta’uu amanee rakkoo hoggansa pirojektichaatiin uumameen waggoota kudhaniif duubatti harkifachuu ibseera.
Aadde Maskaram Camadaa jiraattuu magaalaa Nageellee yoo ta’an, jalqabumaa kaasee bishaan dhugaatiin qulqulluu waan hingalleef bishaan boollaatti fayyadamaa akka jiran dubbatu. Haalli qilleensa naannawichaas daran ho’aa waan ta’eef bishaan boollaa ashabaawaa dhuguuf dirqamneerra jedhu. Kunimmoo adeemsa keessa dhibee kaleef nusaaxileera jechuun komatu. Yeroodhaa yerootti bulchiinsa magaalichaatti iyyachaa turuusaaniis himanii, hoggantootnis abdii kennuurraa kan hafe furmaata hinkenniiin waggoota lakkoofsisaniiru jedhu.
Rahiimaa Aliis magaalichatti dhalattee guddatte. Hanga har’aatti garuu bishaan dhugaatii qulqulluu jedhamee dubbatamu dhagahuurraa kan hafe Nageellee keessatti ijaan argitee akka hinbeekne himti.
Pirezidaantotni Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa duraanii, Abbaa Duulaa Gammadaafi isa booda dhufan sadeen waadaa galanis rakkoo bishaaanii magaalittii furuu hindandeenyee jechuun komatti.
Adaanee Shifarraas jiraatuma magaalaa Nageellee yoo ta’u, daldala hoteelaarratti bobba’ee hojjechaa jiraachuusaa dubbata. Magaalittiin bishaan dhugaatii qulqulluu waan hinqabneef tajaajila dhugaatiif guyyaatti qarshii kuma afur baasii kan godhu ta’uu hima. Kunimmoo sadarkaan rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu magaalaa Nageellee hangam ulfaataa ta’uu kan agarsiisu yoo ta’u, mootummaan hatattamaan akka furuuf gaafateera.
Kantiibaan Magaalaa Nageellee Obbo Addunyaa Tasfaayee akka ibsanitti, rakkoo bishaan dhugaatii qulqulluu magaalittii furuuf waggoota kudhan dura pirojektiin bocamee hojiitti akka seenu taasifamee ture. Pirojektiin kun Biiroo Misooma Qabeenya Bishaaniifi Inarjii Oromiyaatiin kan hogganamu waan ta’eef waggoota sadii hanga shanii keessatti xumuramee tajaajila akka kennuuf karoorfame jedhu.
Ta’us sababa hordoffiifi to’annoo dhabuu pirojetichaatiin hanga har’aattuu xumuramee rakkoo bishaan dhugaatii jiraattota Nageellee furuu akka hindandeenye ibsan. Intarpiraayiziin Ijaarsa Bishaan Oromiyaas jalqabumaa kaasee sirnaan qorannoo fizikaalaa waan hinadeemsisneef ujummoowwan laga Gannaaleerraa hanga Nageelleetti diriirfaman bishaan qabachuu hindandeenye jedhan.
Wayita ammaa garuu ijaarsi pirojektichaa xumuramee waan jiruuf bishaan harkifamee magaalittii dhaqqabaa jira. Hojiin kana booda hafus bishaan harkifamee kuufame san jiraattotaaf diddiriirsuu ta’uu himan. Kunis hanga Waxabajjiitti waan xumuramuuf jiraattotni obsaan akka eeggatan yaadachiisaniiru.
Biiroo Misooma Qabeenya Bishaaniifi Inarjii Oromiyaatti Daayiraktarri bulchiinsa kontiraata hojiiwwan bishaan dhugaatiifi dhangala’aa Injinar Gurmeessaa Waltajjii akka jedhanitti, ijaarsi pirojektii bishaan dhugaatii magaalaa Nageellee kallattii hoggansi naannichaa kaa’een waggoota sadii keessatti akka xumuramuuf bara 2001tti jalqabame.
Ta’us bal’inni ijaarsa pirojektichaa yeroo san karoora qabame waliin walsimachuu waan hindandeenyeef duubatti harkifachuu ibsan.
Intarpiraayiziin Ijaarsa Bishaan Oromiyaas sababa hanqina sharafa alaatiin meeshaalee barbaachisan yeroodhaan dhiyeessuu hindandeenye jedhanii, kunis keessumaa qulqullina ijaarsa pirojektichaarratti dhiibbaa uumuu ibsan. Humni raawwachiisummaas gadaanaa waan tureef pirojektichi akka hinxumuramneef sababa ta’uu eeran.
Wayita ammaa garuu ijaarsi pirojektichaa dhibbantaa 95rra waan gaheef jiraattotni magaalaa Nageellee yeroo gabaabaa keessatti bishaan dhugaatii qulqulluu kan argatan ta’uu himaniiru.
Takkaalliny Gabayyootiin
(Suurri Gabaaboo Gabreetiin)
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 7/2012
I was recommended this blog by my cousin. I’mnot sure whether this post is written by him as nobody else know such detailed about my difficulty.You’re incredible! Thanks!