Duudhaaleen aadaa nageenya waaraaf ooluu qabu

Duudhaaleen araaraafi aadaaleen kenniinsa haqaa nageenya waaraaf akka oolaniif jaarsoliin biyyaafi abbootiin Gadaa qoodasanii akka bahatan gaafatame.

Waltajjii marii kaleessaafi dheengadda mataduree, “Duudhaalee araaraa biyya keessaafi sirna kenniinsa haqaa nageenya waaraa biyya keenyaatiif” jedhuun adeemsifamerratti Ministeera Nageenyaatti daarektarri sirna araara aadaafi haqaa Obbo Tagbaaruu Yaareed akka ibsanitti, duudhaaleen aadaa walitti bu’iinsa hiikuuf oolan bifa gurmaa’een caaseffamanii ijaarsa nageenya waaraatiif ooluu qabu.

Sirni araaraafi aadaan kenniinsa haqaa akka cimuufi bu’aa guddaa buusuuf jaarsoliin biyyaafi abbootiin Gadaa qoodasaani bahachuu qaba.

Biyyi keenya rakkoolee walitti bu’insaa hiikuurratti aadaa cimaa qabaattus hojmaata qindaa’aafi gurma’aa waan hinqabneef hanga ammaatti bu’aa barbaadamu hinbuusne jedhan.

Kanaaf jaarsoliin biyyaafi abbootiin Gadaa sadarkaa sadarkaan jiran sirni araaraafi aadaa kenniinsa haqaa bu’aa qabeessa akka ta’uuf mariileen adda addaa adeemsifamaa jiraachuus eeraniiru.

Barreessaan mana Marii Abbootii Gadaa Oromiyaafi Abbaan Gadaa Tuulamaa, Goobana Hoolaa duudhaaleen araaraafi aadaan kenniinsa haqaa caasaa akka qabaataniif qaamolee dhimmamtootaa wajjin hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru.

Oromiyaatti sirni Gadaa fakkeenya nageenyaa waan ta’eef duudhaa kana gabbisuufi caasaa akka qabaatuuf hojjechaa jirra jedhaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

4 Comments to “Duudhaaleen aadaa nageenya waaraaf ooluu qabu”

  1. Pingback: w69
  2. Pingback: slot gacor
  3. Pingback: ต่อผม

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *