“Harkifannaan ijaarsaa waggaa dhufus simannaa barattootaaf gufuu ta’u hinoolu” -Doktar Kallalawu Addisuu

Boongaa: Yunivarsiitiin Boongaa dhaabbilee barnoota olaanaa dhiyoo hundaa’an keessaa isa tokko yoo ta’u, yeroo jalqabaaf bara kana barattoota eebbisiisuuf qophiirra jira.Bu’uuruma kanaan dameewwan qonnaa, qabeenya uumamaa, Biizinasiifi saayinsii bu’uuraan barattoota simatee barsiisaa tureera.

Yunivarsiitichi dameewwansaa babal’isuun simannaa barattootaa guddisuuf karoorsee hojjetaa turuu Pirezdaantii Ittaanaan yunivarsiitichaa Doktar Kallalawu Addisuu ibsaniiru.

Ittaanichi ibsa dhiheenya kana addatti gaazexaa Bariisaaf kennaniin akkaataa karooraan simannaa barattootaa gaggeessaa akka hinjirre eeranii, bara baajataa 2012tti simannaa barattootaa gara kuma torbaatti guddisuuf karoorfatee  ka’uus harkifannaa ijaarsaarraa kan ka’e barattoota kuma shan qofa simachuu beeksiseera.

Hudhaan kun baruu barsiisuu yunivarsiiticha keessatti gaggeeffamaa jirurratti dhiibbaa geessisaa turuufi  fuulduraafis yaaddoo ta’uu illee beeksisaniiru.

Harkifannaan ijaarsaa kun simannaa waggaa dhufuufis yaaddoo akka ta’e kan kaasan pirezdaantii ittaanaan kun, xiyyeeffannoo akka argatuuf sochii taasisaa jiraachuu himaniiru.

Ijaarsawwan karoorfamanii jiran kunneen yeroo qabameef keessatti dhumachuu  baannaan rakkoo qulqullina barnootaa qaqqabsiisuu akka danda’u kaasaniiru.

keessumattuu, daree barnootaa, daree ciisicha, galmawwan, manneen kitaabaa, kutaalee laabraatoorii akkasumas, dallaan hanga hinguutamnetti lammii barate hedduu horachuu karoora jechu qabachuu qofti gati dhabeessa akka ta’e ibsaniiru.

Dhiheessiiwwan laabraatoorii akkasumas, baruu barsiisuuf ijoo ta’anis yeroon guutamuu akka qaban Dr. Kallalawu kaasanii, Ministeerri Saayinsiifi Dhaabbilee Barnoota Olaanaa irratti hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

Ijaarsaawwan yeroo ammaa gaggeeffamaa jiranis si’aayinaan akka xumuramaniif yunvarsiitichi hordoffiifi to’annoo gaggeessaa jiraaachuus kaasaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

4 Comments to ““Harkifannaan ijaarsaa waggaa dhufus simannaa barattootaaf gufuu ta’u hinoolu” -Doktar Kallalawu Addisuu”

  1. Pingback: ufazeed

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *