Aviyeeshiiniin Itoophiyaa akka Afrikaatti raawwii olaanaa galmeessise

Finfinnee: Seenaasaa keessattis ta’ee akka Afrikaatti raawwii olaanaa ta’e galmeessisuu Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshiinii Itoophiyaa beeksise.

Torbaan tokkoof gareen odiitaroota Siviil Aviyeeshiinii Addunyaatiin abbaa taayitichaarratti taasifamaa ture xumuramuu sababeeffachuun qabxii olaanaan kun galmaa’uu  ibsa miidiyaaf kaleessa kennerratti ibseera.

Haaluma kanaanis raawwii kanaan dura ture 73.2 irraa gara qabxii 91.78ttii ol guddachuusaafi kunis seenaa aviyeeshiinii Afrikaatti qabxii olaanaa isa jalqabaa kan taasisu ta’uu kan himan abbaa taayitichaatti daariktarri seeftiifi istaandaardii Aadde Hanna Taklaworqi, hanga ammaatti qabxii olaanaan biyyootni Afrikaa galmeessan 89 ta’uu dubbataniiru.

Sababni guddaan qabxiin argame kun olaanaa isa jechisiisu keessaa inni guddaan Itoophiyaan biyyoota guddatan kanneen akka Ingilaand, Ameerikaa, Faransaayiifi kanneen biroo waliin ulaagaa tokkoon dorgomtee qabxii kana galmeessisuu danda’uushee akka ta’es ibsaniiru.

Qabxiin olaanaan akka addunyaatti argame 98 ta’uufI biyyootni qabxii kana galmeessisan immoo Singaaporiifi Kooriyaa Kibbaa ta’uus himaniiru.

Seektarri aviyeeshiinii dorgommiin cimaafi yeroo yerootti geeddaramaa deemu keessatti qabxii olaanaa kana galmeessuun hiikaa olaanaa kan qabu ta’uu kan himan Aadde Haannaan, kun immoo qulqullinaafi nageenya aviyeeshiinii biyyattii kan mirkaneessu waan ta’eef biyyaaf maqaa guddaa kan kennu ta’uu ibsu.

Qabxiin galmaa’e kun Daandiin Qilleensa Itoophiyaatiif biyyoota barbaade hundatti akka balali’uufis beekamtii kan kennu ta’uufi  kunis daandichi daandiiwwan xiyyaara Afrikaa keessaa isa biyya fedhe balali’uu danda’u ta’uun adda isa taasisa jedhan.

Qabxiin 60 istaandardii Aviyeeshiinii Addunyaati.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

6 Comments to “Aviyeeshiiniin Itoophiyaa akka Afrikaatti raawwii olaanaa galmeessise”

  1. Pingback: burn-out
  2. Pingback: kurvana

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *