“Ammayyuu mirgi sirreeffamtootaa manneen sirreessaa dukkana keessatti dhiitamaa jira” -Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa

 “Mirgi sirreeffamtootaa manneen sirreessaa keessatti gonkumaa dhiitamaa hinjiru”

                -Obbo Birhaanuu Tsaggaayee

Finfinnee: Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Kibxata darbe raawwii karoora hojii baatii jahan darbanii Abbaa Alangaa Waliigalaa Federaalaa kan gamaggame yoo ta’u, naannolee hunda keessatti qaamolee eenyummaarratti xiyyeeffatanii  yakkoota guguddaa dhaqqabsiisaa turan haala barbaadamuun to’atamuu dhabuu isaanii qeeqeera.

Miseensotni mana marichaa irra caalaatti olaantummaa seeraa kabachiisuuf qaawwa mul’atanirratti gaaffilee hedduu kan kaasan yoo ta’u, tarkaanfii mootummaan federaalaa fudhachaa jirurrattis hawaasni marti itti quufiinsa akka hinqabne dubbataniiru. Tarkaanfiin keessumaa qaamolee yakka guguddoo raawwatanirratti fudhatamaa tureefi jirus naannoleedhaa naannoleetti walfakkaataa waan hintaaneef, ija shakkiitiin akka ilaalamus taasiseera jedhan.

Shakkamtootniifi sirreeffamtootnis manneen sirreessaa dukkanaa keessatti akkuma asiin duraa mirgi namoomaafi dimokraasii isaaniis dhiitamaa waan jiruuf, jijjiiramni siyaasaa abdatamee ture kallattiisaarraa maqeeraa jechuun qeeqaniiru. Galmeewwaan qorannoo yakkaa hedduunis sababa quubsaa tokko malee yeroo gabaabaa keessatti cufamaa turuunsaaniis qulqullinaafi gahumsa mana hojichaa gaaffii keessa akka galchu taasisuusaas kaasaniiru.

Hundarra ammoo hojiin qorannoo yakkaa saffisaafi qulqullina barbaadamuun hojjetamaa waan hinjirreef, gochootni yakkaa eenyummaarratti xiyyeeffachuun badii guddaa geessisaa jiran daran akka hammaatan taasiseera.  Daa’imman saddeet naannoo Amaaraatti shiftootaan ajjeeffaman, barattootni yunivarsiitiiwwan addaddaa keessatti miidhamaniifi hidhamanis akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Abbaan Alangaa Waliigalaa Federaalaa Obbo Birhaanuu Tsaggaayees gaaffilee ka’aniif deebii kennaniiru. Kanaanis jijjiiramoota waliigalaa galmaa’aa jiran dhugoomsuuf manni hojichaa olaantummaa seeraafi haqa ummataa mirkaneessuuf tattaaffii olaanaa taasisaa tureera.

Haa ta’u malee haalli siyaasa biyyattii ammaayyuu kallattii sirrii qabachaa waan hinjirreef, qaamolee iddoowwan addaddaatti lubbuu lammiilee dabarsaniifi qabeenya ummataa barbadeessan hunda seeraatti dhiyeessuun hindanda’amne jedhan. Caasaan bulchiinsa mootummoota naannolees naannummaafi sabummaan walqoqqoodee waan jiruuf namoota yeroodhaa yerootti gochoota badii raawwatan yerosuma seeratti dhiyeessuun akka hindanda’amnes ibsaniiru.

Hoggantootni mootummaa hanga sadarkaa olaanaatti jiraniifi kutaaleen hawaasaa gariinis yakka raawwatame balaaleffachuufi to’achuurra shakkamtootni dabarfamanii seeraan akka hinqoratamneef gufuu ta’aa jiraachuusaaniis dubbataniiru. Akka fakkeenyaattis, namootni gochoota yakkaa addaddaatiin himatamanii hanga har’aatti seeratti hindhiyaanne  waliigalaan kuma tokkoofi 596 ta’uusaaniis eeraniiru.

Kunis Beenishaangul Gumuzitti namoota 827, Ummattoota Kibbaatti 655, Oromiyaatti 50, Amaaraatti 18, Sumaaleetti 33fi Tigiraayitti 4 ta’uusaati. Kunimmoo olaantummaan seeraa naannolee mara keessatti haala walqixa ta’een akka hinmirkanoofneef danqaa guddaa ta’eeras jedhan. Kanaaf ammoo tumsa mana marichaa gaafataniiru.

Erga hoggansi jijjiiramaa aangoo qabatee as manneen sirreessaa keessatti shakkamtootnis ta’e sirreeffamtootni mirgi namoomaa isaanii gonkumaa dhiitamaa akka hinjirres ibsaniiru. Qeeqaafi komii, “Sirreeffamtootni mana dukkanaa keessatti akkuma kaleessaa dararfamaa jiru” jedhus fudhatama dhabsiisaniiru. Qaamoleen akka waan manneen sirreessaa keessatti sirreeffamtootni dararfamaa jiranitti oduuwwan sobaa hafarsanis karaa qaxxaamuraan faayidaa siyaasaa argachuuf warreen socho’anidhas jedhan. Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataas jettee jetteerra qabatamaan mirkaneessuuf daawwii gochuu akka qabus gorsaniiru.

Hojiin qorannoowwan yakkaas saffisa barbaadameen raawwatamuu dhabuunsaa garuu gaaffii sirrii waan ta’eef, kallattiin mootummaa, “Shakkamtootni ragaaleetiin erga qulqullaa’ee booda to’atamuu qabu” jedhutu yeroo akka fudhatu taasisuusaa dubbataniiru. Kunimmoo qulqullina hojii qorannoo kan eege ta’uyyuu saffisaan raawwachuurratti garuu gufuu ta’eera jedhan. Ogeessotni seeraa sadarkaa addaddaarra jiranis sababoota garagaraatiin hojiisaanii gadi lakkisuunis hojii qorannoo yakkaarratti dhiibbaa geessisuusaas eeraniiru.

Kanas ta’e san hojiin qorannoo yakkaa of eeggannoo guddaadhaan hojjetamuu waan qabuuf saffisa yeroorra qulqullinarratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabus ibsaniiru.

Manni marichaas ji’oota jahan ittaanan keessatti hundarra olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii bu’aaqabeessa ta’e raawwachuun barbaachisaa ta’uu hubachiiseera. Filannoo biyyaalessaa marsaa 6faf adeemsifamuufis gamanumaan manni hojichaa of qopheessuu qabas jedhameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji  23/2012

Recommended For You

2 Comments to ““Ammayyuu mirgi sirreeffamtootaa manneen sirreessaa dukkana keessatti dhiitamaa jira” -Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *