Finfinnee: Biyyoota Afrikaa guddinarra jiran keessatti, wayita filannoon waliigalaa adeemsifamuwalitti bu’iinsi paartiilee siyaasaa gidduutti uumamu kan amaleeffame ture.
Itoophiyaa keessattis filannoo waliigalaa marsaa shaniif adeemsifamaa turerratti paartii biyya bulchaa jiruufi morkattoota gidduutti waliigalteen akka hinturre kan yaadatamuudha. Keessumaa ammoo wayita sirni filannoo gahutti maddi walitti bu’iinsa paartileen siyaasaa adeemsa filannoo akka tarsiimootti fudhachuurra ija diinummaatiin wal ilaaluutu waldhabdee hammeessaa akka ture ogeessotni siyaasaa ni dubbatu. Kun garuu itti fufuu akka hinqabnes ni gorsu.
Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaan federaalizimiifi bulchiinsa ummataa Doktar Tasfaayee Jimaa akka jedhanitti, adeemsi duula filannoo tarsiimoo olaanaatiin yoo kan hogganamu ta’e paartiilee morkattootaas ta’e paartii biyya bulchaa jiru kan fayyaduudha.
Duula filannoo keessatti paartiileen siyaasaa marti kaayyoofi sagantaa imaammata hawaas-dinagdeefi siyaasa, akkasumas imaammata dhimma alaarratti qaban karaa nagaa qabeessaafi fayyaalessa ta’een ummataaf yerootti ifa taasisaniidhas jedhan. Kunimmoo sirna ijaarsa dimokraasii biyyattiin qabattee jirtu kan cimsu waan ta’eef hunduu qajeelfamoota seeraafi naamusaa eeguun itti dhimma bahuu akka qaban yaadachiisu.
Hundarra ammoo hoggantootni paartiilee siyaasaa wayita duula filannoos ta’e marii ummataa adeemsisan filannoo jechootaatti fayyadamuu qabu kan jedhan Doktar Tasfaayeen, qabiyyeen haasaa/dubbiisaanii paartiilee siyaasaa, sabootaafi sablammoota, akkasumas deggartoota biroorratti dhiibbaa kan uumu ta’uu hinqabu. Keessattuu hariiroo sabootaafi sablammoota ykn waliin jireenya ummattootaa kan diigu taanaan gahumsiifi dandeettii hoggansaa paartiilee siyaasaa shakkii keessa akka galu taasisaa jedhu.
Yeroo ammaa ummattootni baadiyyaa keessa jiraataniyyuu siyaasaan gahumsa waan qabaniif, haasaadhaan qofa gowwamsanii darbuun waan danda’amu miti jedhanii, waan dubbatan qindeeffachuun dagatamuu akka hinqabne ibsu. Jechootaan jibbiinsa facaasuu, waldoorsisuufi maqaa walxureessuurraa fagaachuu qabu jechuun gorsu.
Siyaasni Itoophiyaas xaxaa waggoota dheeraa of keessaa waan qabuuf suuta hiikaa deemuutu filatama kan jedhan Doktar Tasfaayeen, keessumaa ammoo dhimmoota eenyummaafi eeggannoo gochuun murteessaadha. Ummatnis karaa tasgabbiitii qabuun siyaasa biyyattii qajeelchuuf gaheesaa bahachuu akka qabu yaadachiisan.
Doktar Jamaal Mohaammad ammoo Yunivarsiitii Bahaar Daaritti gorsaa dhimmoota tarsiimoo komunikeeshinii yoo ta’an, jechootni paartiileen siyaasaa wayita duula filannoo biyyaalessaatti fayyadaman bu’aa filannoo waliigalaa kan murteessu ta’uu dubbatu. Qabiyyeen dubbii ykn haasaa hoggantoota paartiilee siyaasaa waliin jireenyaafi hariiroo sabootaa kan diigu taanaan filannoo nagaa, haqa qabeessaafi dimokiraatawaa adeemsisuun ulfaataadha jedhan.
Sochiin taasifamu marti mirga namoomaafi dimokraasii lammiilee kan dhiibu ta’uu hinqabu kan jedhan Doktar Jamaal, heera biyyattii, duudhaalee hawaasummaafi naamusa ogummaa kabajuun raawwatamuu akka qabus ni gorsu. Kanaafis walmorkiin duula filannoo tarsiimoodhaan masakamee karaa nagaafi fayyaalessa ta’een gaggeeffamuu akka qabu hubachiisan. Paartiin biyya bulchus hundarra eeggannoo gochuu qaba jedhu.
Paartiileen siyaasaa kamuu duula filannoo gaggeessuu kaayyoo, tarsiimoofi sagantaasaanii sodaafi dhowwaa tokko malee ibsachuu kan danda’an ta’uus labsii hundeeffama Boordii Filannoo Biyyaalessaa lakkoofsa 1133/2012 kutaa 6fa jalatti eerameera.
Sochiin dorgommiifi duula filannoos heera biyyattiifi seerota biroorratti hundaa’ee akkaataa mirga filattootaafi kabaja kaadhimamtoota biroo hinmulqineen karaa nagaafi dimokiraatawaan adeemsifamuu akka qabus labsii sirna filannoo, galmeessa paartiilee siyaasaafi naamusa filannoo lakkoofsa 1162/2012 kutaa 3fa jalatti ibsamuunsaa kan beekamuudha.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 23/2012
One Comment to “Adeemsa duula filannoo akka tarsiimootti”