Pirojektota Oromiyatti eegalaman keessaa 84 kan dhaabbatan ta’uu ibsame

Finfinnee: Hawaasa naannichaa akka tajaajilaniif pirojeektotni naannicha keessatti eegalamanii turan yeroo ammaa sadarkaa garagaraa irratti kan argaman ta’uufi isaan keessaa pirojeektootni 84 ta’an hojii dhaabuusaanii Biiroon Maallaqaafi Walta’iinsa Diinagdee Oromiyaa gamaagama raawwii kurmaana 2fa seektaroota naannichaa Roobii darbe adeemsifamerratti ibseera.

Biirichatti Qindeessaan Garee To’annoofi Hordoffii Obbo Mokonnin To’umaa akka jedhanitti, ijaarsa daandii akka naannootti adeemsifamaa jiran 40 keessaa sadi kan dhaabbate yoo ta’u, pirojeektootni afur immoo sadarkaa ijaarsaa fooyya’aa irratti argamu. Pirojeektota riqichaa  yeroo ammaa naannichatti ijaaramaa jiran 226 keessaa immoo 13 dhaabbachuusaaniifi pirojeektootni 20 ammoo sadarkaa fooyya’aarratti kan argaman ta’uu dubbataniiru.

Haaluma wal fakkaatuun hojiin ijaarsa pirojektoota fayyaaa 10fi kan  barnootaa torba sababoota garagaraan dhaabbachuusaanii himanii, kontiraaktarootni fedhii fudhachuu malee humna raawwachuu dhabuun, qindoominni seektaroota gidduu jiru laafuun, gorsaan yeroo heddu bakka ijaarsa pirojektootaatii dhabamuu, dhimmi beenyaan wal qabatee jiru sirnaan xumuramuu dhabuufi kutannoon gaggeessitootaa laafaa ta’uun harkifachuufi dhaabbachuu pirojeektotaatiif akka sababaatti dhihaateera.

Pirojektootni barana xumuramuudhaaf qabaman hundi hanga Ebla 30tti xumuramuu akka qaban kan himan Ittaanaan Pirezidaantii naannichaa Obbo Shimallis Abdiisaa, hooggansi kana hingoone immoo itti gaafatamummaa jalaa kan hinbaane ta’uu ibsaniiru.

Harkifachuun pirojektotaa sababoota garagaraa qabaachuunsaa ifa ta’us, kutannoon hooggansaafi sirni hordoffiifi deeggarsaa jiraannaan ijaarsi pirojektootaa yeroo jedhame keessatti wanti hinxumuramneef kan hinjirre ta’uus dubbataniiru.

Hojii dhiisanii baduun kontiraaktarootaa, hanqinni dhiheessii, rakkoon diizaayiniifi hanqinni hordoffii rakkoolee yeroo gabaabaa keessatti furamuu qaban ta’uus akeekaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

One Comment to “Pirojektota Oromiyatti eegalaman keessaa 84 kan dhaabbatan ta’uu ibsame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *