Guraagiffa afaan barnootaa gochuuf murtii siyaasaatu eegama

Walqixxee: Akkaataa heera RFDItti sabaafi sablammiileen mirga afaan ofiitiin barachuu, aadaafi duudhaasaanii guddisuu kan qaban ta’us ummanni Guraagee isa kana dhabuun afaan saba biraa akka baratu taasifamaa tureera.

Sabichi hayyoota barataniifi gahumsa qaban osoo qabuu xiyyeeffannoo mootummaa dhabuun eenyummaasaa dagachaa jiraachuu Daarektarri Misooma Afaanota Biyya keessaa Yunivarsiitii Walqixxee Doktar Kaasahun Xuruhaa ibsan.

Daarektarichi ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, sabni Guraagee mirga afaansaatiin barachuu dhabuun miidhamaa jira. Gochi akkanaa eenyummaafi duudhaa sabichaa ajjeesuu waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu qaba.

Dhimmichi gaaffii uummata Guraagee ta’ee baroota lakkoofsiseera jedhanii, ijoolleen Guraagiffaan afaansaanii hiikkatan afaan biraa akka baratan taasifamuun sirrii akka hintaane kaasaniiru.

Rakkoo kana furuuf Yunivarsiitiin Walqixxee qorannaa gaggeessaa turuu kan ibsan daarektarichi, afaanichi afaan barnootaa akka hintaane wanni taasisu hinjiru jedhaniiru. Kun ta’us ilmaan Guraagee oolmaa daa’immaniirraa kaasanii Amaariffaan barachuun aadaafi duudhaan sabichaa akka quucaru taasisuu eeraniiru.

Biyya heerri sabni kamuu mirga afaansaatiin barachuu argachuu mirkaneessu jirutti kan saba Guraagee dagatamuun dhaloota ajjeesuudha jechuun ibsan daarektarichi, kana boodas ta’u afaanichi afaan barnoota akka ta’uuf sochii hayyoonni eegalan mootummaan utubuu qaba jedhaniiru.

Kanumarraa ka’uun bara ittaanutti Guraagiffi oolmaa daa’immaniitii eegalee afaan barnootaa akka ta’uuf haaldureen xumuramuu Doktar Kaasaahun himaniiru.

Aanga’oonni naannichaas ejjennoo kutannoo qabuun sochicha si’eessuu qabu jedhanii, ijoolleen guddachaa jiran danuun afaansaaniin barachuu dhabuusaaniin jechootni hedduu dagatamaa Amaariffaan liqimfamaa jiraachuu eeraniiru.  

Jechoota liqimfaman kanneen baraaruufis abbootiirraa funaanaa turuullee kaasanii, isa kana boodaatiif kutannoon siyaasaa mootummaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Pirezdaantii ittaanaan yunvarsitichaa Doktar Sisaay Shawaamaaree gamasaaniin, dhimmichi yaaddessaa ta’uu kaasanii, furmaata barbaachaaf qorannoo gadi fagoo gaggeessaa turuu dubbatu.

Yunvarsiitichi hanga deemuu qabu deemeera jedhanii, inni kana boodaa mootummaa kan ilaallatu ta’uu eeraniiru. Dhaloota eenyummaasaa dagate guddisuun seenaa ajjeesuu waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu mala jedhaniiru. Mirgi afaan ofiitiin barachuu ilmaan Guraagee akka dhugoomu yunvarsitichi qophii xumuruullee ibsaniiru.

Keessumaa kitaabilee barnootaa qopheessuu, jechoota dagataman waaltessuu, hayyoota sabichaatiin dhumachuu ibsanii, aanga’oonni naannawichaa siyaasa kutannoo qabu haala kanaan agarsiisnaan waggaa haaraatti jalqabuuf qophiin jiraachuu dubbataniiru.

Waasihun Takleetiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

4 Comments to “Guraagiffa afaan barnootaa gochuuf murtii siyaasaatu eegama”

  1. Pingback: browse this site
  2. Pingback: pg333

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *