“Qalbeeffatan malee fiiganiif iddoo yaadan hinqaqqaban” -Konkolaachistoota qaxalee

Adaamaa: Obbo Jiyaad Abbaa Maccaa Godina Jimmaatti Jiraataa Aanaa Qarsaa yoo ta’an, hojii konkolaachisummaarratti bobba’anii argamu. Erga hojii kana eegalanii waggoota 30 ol ta’us hanga yoonaa takkaa balaa hinqaqqabsiifne, rakkoofis hinsaaxilamne.

Waggoota kanneen keessatti si’a torba kan adabaman ta’ullee, innis balleessaasaaniitiin akka hintaaneefi walhubannaa dhabuurraa kan madde ta’uudha waltajjii sosochii Nageenya Tiraafikii dhiyeenya kana Adaamaatti adeemsifamerratti kan ibsan.

Akka isaan jedhanitti, waggoota dheeraaf  Magaalaa Jimmaafi Finfinnee gidduu konkolaataa deddeebisa ummataa kan konkolaachisan yoo ta’u, bara isaan hojii eegalan daandiifi konkolaataanillee mijataa ta’uu dhabus guyyaa tokkollee namarrattis ta’u qabeenyarratti balaa qaqqabsiisanii hinbeekan.

Erga konkolaattoonni ammayyaa dhufaniis kanneen ‘5Lfi doolfinii jedhaman akka oofan eeranii, yoomiyyuu saffiisa 60 oliin oofanii akka hinbeekne dubbatu. Yommuu bakkee diriiraafi saffisaan oofuuf mijataa fakkaatu arganillee sammuusaanii keessa du’a namaa ykn balaan waan itti mul’atuuf suutuma akka oofan himu.

Sababa ofeeggannoon oofaniif namoonni isaan beekan taa’anii konkolaataasaanii eeggatu malee kan biraa akka hinkorre kan himan Obbo Jiyaad, isaanis mijannaa imaltootasaaniif dursa kennuun yeroo mara miira tasgabbiin kan konkolaachisan ta’uu ibsu. Turtii konkolaachisummaasaanii kana keessattis si’a torba adabamuusaanii yaadatanii, innuu balleessaasaaniin osoo hintaane poolisii tiraafikii wajjin walhubachuu dhabuun akka ture ibsu.

Suuta konkolaachisuu qofa osoo hintaane guyyaa tokkollee darbaa fe’anii akka hinbeekne kan dubbatan konkolaachisaan kun, yoo namni ‘nan ariifadha’ jedhee darbaa fe’amuuf gaafatellee akka tole hinjenne himu. Akka muudannoottis bardheengaddaa buufata Konkolaataa Jimmaa keessaa namoota 12 fe’anii waraqaa ba’umsaa kutuuf wayita deeman namni tokko dhufee seenuu kaasanii, isaanis deebi’anii “sin fe’u, bu’ii” ittiin jennaan namichi “rakkoo hinqabu tiraafikiitti nan hima” isaaniin jedhullee didanii buusuusaanii kaasu.

Namichis konkolaataa biraatiin deemee darbee keellaarratti tiraafikiitti “darbaa fe’eera” jedhee isaan himus, tiraafikoonni amalasaanii waan beekaniif callisanii isaan dabarsuu yaadachiisu.

Konkolaachistoonni biroos darbaa fe’uufi saffiisaan ofuurraa yoo of qusatan balaan qaqqabuu maluu akka hir’atus kaasanii, kana cinaatti konkolaataa oofan yeroo yerootti sakattaasisuu akka qaban gosu.

Qarshii isaan darbaa fe’uurraa argatan bu’aa itti fakkaata malee meeshaa konkolaataa miidhuun waan hinoolleef isumaaf akka ba’uus ni kaasu. Imaltoonnis konkolaataa guutetti darbaa  fe’amuu hinqaban jedhu.

Ijoollee dubaraa torbaafi dhiira saddeet akka qaban kan dubbatan Obbo Jiyaad, dhiironni shan hojiidhuma konkolaachisummaarratti bobba’uufi isaanis akkuma isaanii of eggannoon akka konkolaachisan akka hordofaniifi yeroo yerootti konkolaataa harkaa fuudhanii akka ilaalanillee ni dubbatu.

Obbo Shifarraa Hayiluus waggoota 22f hojii konkolaachisummaarratti kan bobba’an yoo ta’u, konkolaataa doolfiinii jedhamu Baalee Roobee-Shaashamannee-Asallaa gidduu oofu.  Isaanis balaafi miidhaa tokkollee hinqaqqabsiifne.

Kunis kan ta’eef hojiisaanii yeroo mara ofeeggannoodhaan waan hojjetaniif ta’uu kaasanii, keessumaa ittigaafatamummaan maatii isaanirra  jiru sammuusaanii keessa waan jiruuf seeraan ala hojjechuu akka hinbarbaanne ibsu.

“Waan fiiganiif lafa yaadan qaqqabu osoo hintaane waan qalbeeffataniifi” kan jedhan konkolaachisaan kun, konkolaachistoonni kaanis kana qalbiitti qabachuun tasgabbiidhaan hojjechuu akka qaban dhaamu.

Konkolaachistoonni kunneeniifi kanneen biroo muuxannoo walfakkaataa qaban guyyaa sosochii nageenya tiraafikii Adaamaatti geggeeffamerratti  beekamtiifi badhaasa argataniiru. Sagantaan konkolaachistoota qaxalee akkanaa jajjabeessuu iddoowwan hundatti kan itti ufu ta’uufi kunis konkolaachistoota naamusa qaban baay’inaan horachuuf kan onnachiisu ta’uu qondaaltonni Ministeera Geejibaa saganticharratti argaman dubbataniiru.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Amajji 16/2012

Recommended For You

7 Comments to ““Qalbeeffatan malee fiiganiif iddoo yaadan hinqaqqaban” -Konkolaachistoota qaxalee”

  1. Pingback: Apartheid

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *