Adaamaa: Manneen barnootaa biyyattii keessaa keessumaa sadarkaa tokkoffaan harki caalu (%60) sadarkaa qulqullinaa barbaadamu kan hinguunne ta’uu Ministeerri Barnootaa ni ibsa. Rakkoo kana hiikuufis bara 1998 irraa eegalee paakeejiin qophaa’ee hojiitti seenamus ammayyuu bu’aan barbaadamu hindhufne.
Bara kanas manneen barnootaa kuma 20 ta’an sadarkaasaanii fooyyessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kanaafis daarektaroonni manneen barnootaafi hoggantoonni damichaa dheengadda Adaamaatti mari’ataniiru.
Obbo Shamsaddiin Ibraahim Biiroo Barnoota Oromiyaatti, Daarektara Fooyya’iinsa Manneen Barnootaati yoo ta’an, yaada Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, bara 2009 manneen barnootaa Oromiyaa keessa jiranitti madaalliin taasifamuu kaasanii, kanneen keessaa %91 sadarkaa barbaadamu hinguunne jedhu.
Bu’uura madaallii taa’een manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaafi lammaffaarra jiran ulaagaa mana barnootaa kan hinguune ta’uu eeranii, kanarraa ka’uun qorannoon bal’aa gaggeeffamuusaafi hoggansa manneen barnootaa sadarkaa hundarra jiraniif leenjiin kennamuu akkasumas, qarshii miliyoona 15 Ministeera Barnootaarraa argameen manneen barnootaa 327 keessatti jalqabbiif hojiin fooyya’iinsaa hojjetamaa jiraachuu addeessu. Kanneen keessaa manneen barnootaa 168 sadarkaasaanii fooyyeffachuu kan danda’an yoo ta’u, ammas hojiin hafu jiraachuu himu.
Obbo Abduraakiim Mohaammad Alii, Biiroo Barnootaa Naannoo Somaaleetti Abbaa Adeemsa Hojii Misooma Barsiisootaati. Isaanis ibsa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, manneen barnootaa naannichatti argaman hedduunsaanii sadarkaa barbaadamu kan hinguunne waan ta’aanif qulqullinni barnootaa hudhaa keessa jiraachuu dubbatu.
Kanarraa ka’uun hojii bardheengaddaa eegaleen barsiisoonni, barattoonni, hoggantoonniifi maatiin waan isaan irraa eegamu adda baafamee hubannoon uumamuu kaasanii, keessumaa qabxiin barattootaa akka fooyya’uuf hojiin qindoominaa hojjetamaa jiraachuufi bara kana bu’aan fooyya’aa ni dhufa jedhamee akka eegamu ibsu.
Ministeera Barnootaatti, Daarektarri Sagantaa Fooyya’iinsa Manneen Barnootaa Obbo Yohaannis Waggaasoo gamasaaniin, qulqullina barnootaa fooyyessuuf akka biyyaatti bara 1998 paakejiin qophaa’uu eeranii, kanneen keessaa manneen barnootaa fooyyessuun tokko akka ta’e ibsu.
Akkasaan jedhanitti, kanarraa ka’uun cheekliistii to’annoo (inspection checklist) qopheessuun bara 2006 irraa eegalee manneen barnootaa sakatta’amaa dhufaniiru. Bu’aan sakatta’iinsaa inni jalqabaa bara 2008 irra ga’ame akka agarsiisuuttis manneen barnootaa %80 ni sadarkaa qulqullinaa barbaadameerra hinqaqqabne. Si’a lammaffaafis bara darbe kan sakatta’aman yoo ta’u, kanaanis % 60 sadarkaa quufsaarra akka hinqaqqabne bira ga’ameera. Keessumaa gama qabxii barattootaa fooyyessuutiin bu’aan barbaadamu hindhufne.
Sababoonni kanaas hedduu ta’uufi inni ijoon caasaa barnootaa haalaan hubatanii hojiirra oolchuurratti qaawwi jiraachuu ta’uu kan himan daarektarichi, kanarraa ka’uun hoggantoonni manneen barnoota dhimmoota qabxii barattootaa fooyyessuurratti xiyyeeffatanii akka hojjetaniif tarsiimoon qophaa’ee beeksifamuu kaasu.
Manneen barnootaa kuma tokkoofi 406 sadarkaa yaaliitti qabachuun leenjiin barbaachisu hoggantootaaf kennamuu eeranii, kana malees yoo rakkoo bu’uuraalee misoomaa qabaatanillee hanga tokko akka furamaniif bajanni kennamuufi bu’aansaa dhuma bara kanaarratti kan beekamu ta’uu abdachiisaa ta’uu addeessu. Gama kanaan naannoleen akka Hararii fooyya’iinsa gaarii argamsiisuus ni ibsu.
Manneen barnootaa kanneen keessaas barana manneen barnootaa %70 sadarkaa tokkoffaarratti gara sadaffaatti ni dhufu jedhamee karoorfamus hamma yaadame akka hinmilkoofne kan kaasan Obbo Yohaannis, tarsiimoon qophaa’e qaamolee hunda hammachuu dhabuun, leenjiin kenname harca’iinsa qabaachuun, sirni to’annoofi hordoffii laafaa ta’uun, haala biyyattii keessa tureen hoggantoonni hojii sanatti qabamuufi bajata xiqqoo ramadameef hojii suphiinsaafi ijaarsaa baasii olaanaa gaafataniif oolchuun sababoota karoorichi milkaa’uu dhabuu ta’uu addeessu.
Hanqinoota kanneen irraa barachuun, barakanas manneen barnootaa kuma 20 ta’an sadarkaasaanii fooyyessuuf karoorfamuufi naannolee waliin hojjetamaa jiraachuu ibsu.
Saamraawiit Girmaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 9/2012
One Comment to “Manneen barnootaa biyyattii harki 65 sadarkaasaanii kan eeggatan miti”