Finfinnee: Duulli misooma sululaa marsaa saglaffaa ji’a tokkoof turu akka Oromiyaatti kaleessa Godina Harargee Lixaa Aanaa Gubbaa Qorichaatti kan jalqabame ta’uu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa naannichaa beeksise.
Hogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Indaalkaachoo Tafarii ibsa kaleessa Gaazexaa bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, barana duula misoomaa kanaan sulula xixiqqaa kuma ja’aafi 448 lafa heektaara miliyoona 2.1 irratti ummata miliyoona 6.8 hirmaachisuun kan hojjetamu ta’a. Duulli misooma sululaa kaleessa eegalame kunis godinaalee Oromiyaa hunda keessatti hojiirra kan oolu ta’a.
Hojiin misooma sulula baranaa “Qabeenya uumamaa keenya badhaadhina keenyaaf” mata duree jedhuun kan adeemsifamu ta’uu eeranii, hojiin biqiltuu qopheessuus bal’inaan kan itti adeemamu ta’uu himaniiru.
Hojiin misooma sululaa kun waggaa waggaan Amajjii tokko irraa eegalee bifa idilaa’eeen hojjetamaa jiraachuu kan himan Obbo Indaalkaachoon, hojiin eegumsa biyyeefi bishaanii, biqiltuu dhaabanii misoomsuufi irraa fayyadamuu kan itti fufu ta’uus dubbataniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Amajji 02/2012
2 Comments to “Duulli misooma sululaa ji’a tokkoof turu kaleessa eegale”