Waa’ee ilaalchaarratti namootni baay’een kitaabileefi barreeffamoota adda addaa barreessaniiru. Dhiibbaa Ilaalchonni gaariifi hamaan namarraan gahan ilaalchisee waan hedduun dubbatameera. Kutaa keenya har’aa keessatti ilaalchi gaariin maal akka ta’eefi attamitti akka gabbifachuu dandeenyu kan ilaallu yoo ta’u, ittifufuun ilaalchi hamaan mallattoo attamii akka qabuufi isa kana attamitti hambisuufi miicanii of keessaa baasuun akka dandaa’amu kutaa keenya isa ittaanutti ilaalla.
Ilaalcha gaarii qabaachuu jechuun waan hunda hamaas ta’e gaarii nu mudatan akka abaaboo birraatti simachuu jechuu miti. Haa ta’u malee rakkoolee adeemsa jireenyaa keessatti nu mudataniif ilaalcha ta’umsa (positive outlook) qabaachuu jechuudha. Ilaalcha gaarii qabaachuu jechuun wantoota hamaa nu mudatan keessaa isa gaarii arguu, ofii keenyaafis ilaalcha ta’umsa ta’e qabaachuu jechuudha.
Sababiinsaas nama kan biraaf ilaalcha gaarii hinqabnu yoo ta’e namni kan biraas ilaalcha gaarii nuuf dhabuu danda’a. Namootni ilaalcha gaarii hinqabne yeroo hedduu hiriyaa gaarii hinqabaatan.
Dhumarratti gara hiriyaa dhabuufi qopha galeessummaatti isaan geessuu danda’a. Ilaalcha gaarii horachuun garuu faallaa isa kanaati. Wantoota namootni dubbataniifi hojjetan gama al-ta’umsa (‘negative side’) isaa irratti namoota hinxiyyeeffanneedha.
Fakkeenyaaf namni tokko buddussee ykn burcuqqoo tokkotti bishaan walakkaa yoo naqe maaltu nutti mul’ata? Bishaan walakkaa moo buddussee hir’uu? Namootni ilaalcha gaarii qaban bishaan buddussee keessaa yeroo argan namootni ilaalchi isaanii rakkoo qabu garuu buddussee hanga walakkaatti duwwaa ta’e argu. Bishaan keessa jiru isaanitti hinmul’atu. Duwwaa qofatu itti argama.
Qorannoon kiliniikii Maayoo jedhamutti taasifame akka mirkaneessutti namootni ilaalcha gaarii qaban dhiphina akka mo’ataniifi fayyaan isaaniis akka fooyya’u qorannoowwan gara garaa ni mirkaneessa.
Inni kun ilaalcha keenya fooyyeffachuu qofaan ta’a. Ilaalchi gommaa konkolaataa wajjin walfakkaata. Gommaan konkolaataa yoo ciise ittiin socho’ee deemuu hindanda’u. Bakka yaades hin ga’u. Furmaatnisaa jijjiiramuu qofa. Ilaalchi namaas akkasi. Ilaalcha hamaan fagoo ga’uun hindanda’amu.
Jijjiiramuutu irra jira. Inni kun ammo dinagdee fooyya’aan, siyaasaan, barnoota qabaachuun kan fooyya’u ta’uu dhiisuu danda’a. Isa kana addumaan bara keessa jirru kana keessatti argaa jirra. Namootni biyya gaarii, dinagdee fooyya’aa, beekumsa fooyya’aa qabaachuun ilaalcha fooyya’aa qabaachuu hindandeenye. Isa kana sirriitti argaa jirra.
Ilaalcha gaarii qabaachuuf mana yaalaa dhaquu nu hinbarbaachisu. Beektota xiinsammuus gaafachuu nu hingaafatu. Furmaatnisaa wal xaxaas miti. Waan hunda gama rakkoosaa qofa ilaaluufi isarratti xiyyeeffachuurraa of qoqqobbachuutu gaafata. Wantoota ta’an irraa firii gaarii eeguu, gaarummaasaarratti xiyyeeffachuu, xiyyeeffannoo gama rakkoo wantootaa xiqqeessuufi kkf gochuun barbaachisaadha.
Namoota ilaalcha hamaa qabaniifi facaasan irraas ofis ta’e maatii ofii eeguun ilaalcha namoota kana irraa gara jireenya keenyaa dhufu irraa nu eeguu danda’a. Yeroo tokko tokko utuu beeknuus ta’e utuu hinbeekin wantoota ta’an hundumaa gaarummaa isaa xiqqeessuun rakkoon isaa akka guddatee mul’atu kan taasisnu yoo ta’e ilaalcha keenyarratti yaaduun barbaachisaadha.
Sababiin isaa ilaalcha hamaa nu keessatti guddina eegale hin geeddarru taanaan akka aramaan biqilee carraa yoo argatee guddate midhaan hudhee balleessu ilaalchi hamaan nu keessatti guddataa deemu inni jalqaba ittiin miidhamu nu ta’a. Isa kanaaf utuu nu hinajjeesin of keessaa ajjeesuun barbaachisaadha.
Ilaalchi sirriin milkaa’inaaf daandii gaariidha. Namootni milkaa’oo ta’an hedduun yeroo qorataman namoota ilaalcha gaariiti. Namootni ilaalchi isaanii gaarii ta’e namoota biraa caalaa yeroo hundumaa milkaa’ina namoota qabaniifi rakkoo jiruuf furmaata malee namoota rakkoo kan biraa uuman miti. Sababiin isaa namootni ilaalcha jallaa qaban furmaata hundaaf rakkoo kan dhiyeessan malee furmaata hinqaban. Namootni ilaalcha jal’aa qaban furmaata dhufu hundaaf rakkoo qopheessan hindhaban.
Namootni ilaalcha gaarii qaban yeroo hundumaa rakkoo namni qabu, haalli qabu irratti utuu hin ta’in furmaata irratti, galma isaanii irratti xiyyeeffatu. Namootni ilaalcha hamaa qaban garuu gaarii jiru hundumaa ija ittiin ilaalan hin qaban.
Wantoota bayeessa utuu hin ta’in tarii wantoota dhibba tokko keessaa rakkoo jirtu tokko irratti xiyyeeffatu. Namootni ilaalcha gaarii qaban yeroo hunda miirrisaanii gammachuu, jaalala, nagaa, abdiifi galatni kan irraa mul’atu yeroo ta’u namootni ilaalcha hamaa qaban garuu jireenya isaanii irraa kan nama biraatti faca’u aarii, hinaaffaa, tuffii, jibbaafi kkf ta’a.
Ilaalcha gaarii horachuuf haalli nuti keessa jirru, haalli bakka hojii keenyaa, haalli maatiifi biyya keessa jirruu yookaan namootni ilaalcha jal’aa qaban yoo nu marsan ilaalcha keenya to’achuu ni dandeenya. Ilaalcha keenya kan nuuf to’atu namoota kan biraa miti. Harka isaanii keessas hinjiru.
Akaataa itti nuti wantoota haalotaafi naannawarraa nutti dhufuuf deebii laannu irratti hundaa’a. Ilaalchi wanta nu irra ga’uu irraa kan ka’u utuu hin ta’in haala nu irra ga’eef akkaataa itti deebii laannuun uumama. Fakkeenyaaf namni tokko nu cina taa’ee yookaan miidiyaa tokko irraa wanti dubbatamu tokko dhaga’uu qofaan ilaalcha hamaa yookaan ilaalcha gaarii horachuu ni danda’a. Har’a namootni hedduun kan faalaman isa kanaan. Namni ilaalcha hamaa yookaan gaarii horachuun waan fayyadamu yookaan miidhamu ni qabaata.
Fakkeenyaaf namootni ilaalcha gaarii qaban yeroo kan isaan fayyadaman keessaa muraasa yoo ilaalle guyyaatii gara guyyaatti dhiphinni akka jireenya isaanii hin mo’anne, fayyaan isaanii akka fooyya’aa deemu, ofitti amanamummaa cimaa akka horatan, bara dheeraa akka jiraatan, jireenya gammachuu akka qabaatan, hiriyoota bay’ee akka horatan, dandeettii dhiphina dandamatu akka cimsatan, dhukkuba onnee namoota hedduu miidhu irra akka walaba ta’an, namoota kan biraa irra xiin-sammuun isaanii akka fayyaa ta’uuiifi kkf akka kennu qoratnoon mul’isu. Qorannoon maanguddoota 1,558 irratti ta’e akka agarsiisutti namootni ilaalcha gaarii qabaachuun umurii dullumaa keessatti illee fayyaan namaa akka eegamu akka taasisu mirkaneessa.
Haa ta’u malee maaliif ilaalchi gaariin dhiibbaa hangas ta’e jireenya namaa irratti fida jennee yaaduu ni dandeenya. Qorannoowwan garaa garaa akka agarsiisanitti namootni ilaalcha gaarii qaban akka namoota hedduu dhiphina danuuf hin saaxilaman.
Namootni ilaalcha gaarii qaban amala hamaarraa walaba, jireenya nagaa namoota shaakalan sababa ta’eef yeroo hundaa akka namoota ilaalcha hamaa qabaniitti hinmiidhaman.
Namootni ilaalcha gaarii qaban yeroo waan gaariin tokko ta’u gatii bayeessa itti kennu, hamaan garuu yeroof malee akka lafa hin qabanne kan hubatan namoota amantiifi abjuu gaarii qabaniidha.
Bariisaa Mudde 18 Bara 2012
Zarihun Gabree
One Comment to “Ilaalchi hamaan aramaa waan ta’eef gaarii hudhee balleessa”