Dhaabbileen barnoota olaanaa bakka abdiin eegeree itti qaroomee bahuudha. Dhaloonni bakka kanaa beekumsa waraabbate bahe fooyya’ina, jijjiiramaafi guddina ofii, maatii, hawaasaafi biyyasaatiif gumaacha guddaa qabaata.
Dhaabbileen barnoota olaanaa dhaloota beekumsaan, teknolojiidhaan, saayinsiifi qorannoodhaan bilchaate, hubataafi xiinxalaa gama hundaan badhaadheefi sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’e horachuun ga’ee hojiisaanii isa ijoodha.
Dhaloonni bakka kanaa bahu amala gaarii xuraa’ummaa kamiirraayyuu fagaate qabaniin fakkeenyummaan kan eeraman, iddoo tajaajilaaf hiriiranitti madda furmaataa lammiisaanii ta’uu kan danda’anidha.
Egaa dhaloonni dhaabbilee barnoota olaanaatti argamu haalota irranatti eeramaniin guutamee akka bahuuf waantonni baruufi barsiisuuf bu’uura ta’an guutamuufiin dirqama.
Barsiisonni naamusa dabalatee gama hundaan ga’umsa qaban, kitaabonni, laaboraatooriiwwan, workishoopponni, intarneetiifi kkfn guutamuu qabu. Bishaan, manneen fincaanii sadarkaasaanii eeggatan, doormiin barattootaa haala qilleensa naannawaa tilmaama keessa galche jiraachuu qabu.
Hunda caalaa nagaafi tasgabbii dhaabbilee barnoota olaanaa amansiisaa gochuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu, dallaan jiraachuu qaba. Har’a keessumaa akka magaalota biyya keenyaatti yoo fudhanne dhaabbata barnoota olaanaa barattoota bobaa maatii jalaa imaanaadhaan fuudhee barsiisaa jiru haa hafuutii nageenya mana dhuunfaatiifuu jiraachuun dallaan dirqama.
Yeroo yakkoonni adda addaa yunivarsitoota keenya jiddugaleeffatanii raawwatamaa jiran kanatti mooraan yunivarsitoota biyya keenyaa sirnaan dalleeffamee eegamuu qaba.
Keessumaa gama hanqina bishaaniifi dallaatiin barattoonniifi hawaasni yunivarstitiiwwan Dambi Dolloofi Wallaggaa daran rakkachaa akka jiraniidha dhiyeenya kana qaamaan argamnee kan mirkaneeffanne.
Pirezidaantii Yunvarsiitii Dambidoolloo Doktar Lataa Tasfaayee akka eeranittis hanqinni bishaanii, geejjibaa, ibsaa, networkii, kitaabilee, bu’uuraaleen misoomaa guutamuu dhabuufi bajatni kaappitaalaa yeroodhaan qaqqabuu dhabuun rakkoolee guguddoo hojii baruufi barsiisuu yunivarsitichaa danqaa jira.
Kanaaf rakkoo gama kanaan mudachuu malu furuufi barattootni akka feeteen bahanii akka hingalleef dallaas ta’e ijaarsi pirojektota yunivarsitichaa dafanii xumuramuu qabu.
Hanqinoota eeraman kanneen guutuun hawaasa naannawaa wajjin walduraa duubaan dirqama Ministeera Saayinsiifi
Barnootaa, boordii dhaabbilee barnoota olaanaa, qaamolee hoggansa yunivarsitootaa ta’uun hubatamee keessumaa gama dallaatiin dhaabbileen barnootaa ulaagaa, “Mooraa yunivarsitii” jedhamu akka guutaniifi dhaloota gama hundaan ga’oome of harkaan ga’uuf si’aayinaan irratti hojjetamuu qaba.
Bariisaa Mudde 18 Bara 2012
5 Comments to “Ulaagaan “Mooraa yunivarsitii” jedhamu akka guutamuuf”