Gaaffiin ijaarsa daandii Godina Silxee waggaa 27 booda deebii argate

Waraabee: Misoomni daandii Godinaalee Silxeefi Guraagee walquunnamsiisuufi dheerina kiiloo meeita 40.5 qabu waggoota 27f ummataan gaaffii irratti ka’aa ture.

Amma garuu kutannoo mootummaan haaromsaa misoomaaf agarsiisaa jiruun dhugoomuu eegaluu pirezdaantiin Naannoo Ummatoota Kibbaa, Obbo Ristuu Yirdaawu eeraniiru.

Daandiin ijaarsisaa Kamisa darbe eegalame kun Godina Silxee Magaalaa Waraabeefi Godina Guraagee kan walquunnamsiisu ta’uu Obbo himanii, jalqabamuun ijaarsa daandichaa agarsiistuu badhaadhinaati jedhaniiru.

Misoomni kun harkifachuun du’aatii haadholii hedduuf sababa ta’aa turuus kaasanii kutannoo siyaasa cimaan ijaaramuu daandichaa hawaasaaf gammachuu guddaa ta’uud ibsaniiru.

Misooma daandii Waraabee-Bozhbaar kiiloo meetira 40.5 dheeratu kun waggoota sadii keessatti asfaaltiin uwwifamee tajaajila akka kennuuf hojichi ifatti kan jalqabe yoo ta’u, qarshiin miliyoona 795 ramadameera.

Sirna ijaarsicha eegalsiisuu kanarratti qondaaltotni mootummaa federaalaa argaman yoo ta’u, Ministirri Nageenyaa Itoophiyaa Aadde Mufaariyaat Kaamil haasaa taasisaniin boo’ichi dheebuu misoomaa waggaa 27 lakkoofsise kutannoofi bajata mootummaa federaalaa argamsiiseen hojiitti hiikamuunsaa agarsiistuu badhaadhinaati jedhu.

Misoomichi kanaan dura akka eegalamu taee hanqina bajataa sababa godhachuun komii kaasisuusaa turuus himanii, sosochiin eegalame kun kanaan kan hindaangofnee ummanni mootummaa waliin akka hiriiru gaafataniiru.

Ministirri Geejibaa Aadde Daagmaawwiit Mogas gamasaaniin misoomichi kutaalee hawaasa Silxeefi Guraagee dinagdeef hawaasummaan walitti hidhuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Isa kana dhugoomsuufis dhiyeessilee barbaachisoon dhiyaatanii hojichi ifatti jalqabuunsaa mootummaa hawaasaaf jiraatu dhalachuusaa kan agarsiisudha jedhu.

Misoomni daandii Waraabee-Bozhbaar kun qulqullinaafi yeroo qabameef keessatti akka xumuramuuf hordoffiin walirraa hincinne sadarkaa federaalaatii aanaatti akka taasifamu ministirittiin himaniiru.

 Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

 Waasihun Takileetiin

Recommended For You

One Comment to “Gaaffiin ijaarsa daandii Godina Silxee waggaa 27 booda deebii argate”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *