“Addunyaarraa mindaa gadaanaa kan kanfalu Itoophiyaadha”Hayyuu dinagdee

Finfinnee: Itoophiyaan biyyoota Addunyaa yeroo ammaatti guddina si’ataa galmeessisaa jiran keessaa ishee tokko yemmuu taatu, keessattuu waggoota 19f walitti aansitee guddina abbaa diijitii lamaa galmeessisuunshee dinqisiifannaa uumeera.

Biyyi walitti aansitee guddina ajaa’ibsiisaa biyyoota addunyaa keessaa kanneen qubaan lakkaa’aman qofti galmeessisan kana milkeessite tun mindaa xiqqaa hojjattootaaf kanfalamuun garuu sadarkaa dhumaarratti argamuunshee guddinna galmaa’aa ture sana gaaffii keessa galcheera.

Jalqabumarraa hojjetaaf mindaa xiqqaa kanfalaa guddina fayyaalessa fiduuf yaaluun waan hin yaadamne ta’uu dheengadda addatti Gaazexaa Bariisaatti kan himan Inistitiyuutii Qorannoo Kuweetitti Qorataa Dinagdee Doktar Ayyalaa Galaani, haala kanaanis Addunyaa irratti biyyi guddate tokkollee kan hinjirre ta’uu dubbatu.

Akka ibsa Doktar Ayyalaatti, hojjataan mindaa xiqqaa argatu waan fedhiisaa hunda hinguuttatu, guyyaattis yeroo tokkoofi lama caalaa hin nyaatu. Bakka hojjataan mootummaa waan fedhiisaa hunda bitachuu hindandeenyetti immoo qonnaan bulaan omisha fedhes yoo omishe abbaa itti gurguratu hinargatu waan ta’eef miidhaansaa hunda bira kan qaqqabuudha.

Waggoota kurnan lamaan darbanitti jiruu qonnaan bulaa fooyyeessuuf mootummaan sochii olaanaa taasisaa ture. Deeggarsa kanarraa ka’ee qonnaan bulaan humna omishasaa kan dabalate ta’us, gabaarratti gatii gaariifi baay’inaan gurgurachuu hindandeenya.

Yeroo ammaa biyyi ollaa teenyaa Misir hojjatootaaf mindaan inni kanfalamu doolaara Ameerikaa 120 yemmuu ta’u, Itoophiyaatti garuu doolaara 14 hojjataan argataa kan jiru ta’uun hangam gadaanaa akka ta’e kan agarsiisuudha.

Guddinni biyya tokkoo jalqabaratti kan madaalamuun lammiileen hundi fedhii bu’uraasaanii guuttachuudhaan akka ta’e kan himan immoo hayyuu Imaammataa Piroofeesar Maskaram Taaddasaa, biyya hawaasni baadiyyaa hafee hojjataan mootummaa fedhii bu’uraa guuttachuu hindandeenyetti, guddinni fayyaalessi uumamuu kan hindandeenye ta’uu dubbatu.

Yeroo baay’ee gaaffii mindaatiif deebiin mootummaan “Humni biyyattii hineeyyamu” jechuudhaan kennus humna biyyattiin qabdu sirriitti beekuu dhabuurraa kan maddu ta’uus ni ibsu.

Mindaa hojjataa dabaluun qonnaan bulaan heddu midhaan akka omishu, kun immoo daldalaan baay’inaan akka hirmaatu taasisuudhaan dinagdeen biyyattii akka guddatu taasisuusaa hubatamuu kan qabu akka ta’es ni dhaamu.

 Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

 Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

2 Comments to ““Addunyaarraa mindaa gadaanaa kan kanfalu Itoophiyaadha”Hayyuu dinagdee”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: burn-out

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *