Hanqinni dhiyeessiiwwan qonnaa komii kaasaa turan furamaa jiru

– Kanaafis doolaarri Ameerikaa miliiyoona 22 ol baasii ta’eera

  Finfinnee: Ce’umsa qonnarraa gara indastiriitti taasifamu milkeessuuf qonna ammayyaa teknooloojiin deggarame babal’isuun murteessaa ta’us hanqina mudateen damichi fagoo hindeemne. Kunimmoo sochii imala qonnarraa gara indastiriitti taasifamu waan gufachiiseef damicha ammayyeessuuf dhiyeessiileen guutamaa jiraachuu Inistitiiyutiin Qorannoo Qonnaa Itoophiyaa beeksise.

Inistitiiyuutichatti Qindeessituun Damee Qorannoo Sagantaa Misooma Qonnaa GTP lammaffaa Doktar Soofiyaa Kaasaa ibsa dheengadda miidiyaaleef kennaniin inistitiiyutichi hudhaalee qonna ammayyaa furuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Guddina qonna ammayyaa si’eessuu keessatti ogeeyyiin qorannoo geejiba ga’aa ta’e dhabuun yeroo dheeraaf rakkina keessa turuus himaniiru.

Rakkoo gama kanaan mudachaa tureen damichi hanga deemuu qabu akka hindeemne eeranii, yeroo ammaatti dhiyeessiin konkolaattotaa milkaa’uu himaniiru. Kanamalees tiraaktaroonni qonnaa ga’aa ta’an qonnaan bulaaf dhiyaachaa akka hinturre yeroo ammaa bitamanii dhiyaachuu ibsaniiru.

Fedhii qonnaan bultootaa waliin walbira qabamee yoo ilaalamu ammallee tiraaktaroonni bitamanii jiran ga’aa akka hintaane kan himan Dr. Soofiyaan dhawaata dhawataan furaa deemuuf institiiyutichi hojjetaa jira jedhaniiru. Laabiraatoriiwwan qorannoo sanyiif barbaachisaa ta’anis guutamuu dhabuusaaniin sochiin qorannoo sanyiiwwan midhaaniif loonii hanqina agarsiisaa ture amma furamuu ibsaniiru.

Sanyiiwwan biyya keessatti ogeeyyota biyya keessaan qoratamuu danda’an waliin ga’amaa jiraachuu kaasanii, laabraatooriin qorannoof barbaachisaa ta’an dhiyaachuun isaaniimmoo sochicha saffisiisa jedhaniiru.

Akka ibsa qindeessituu tanaatti, GTP 2ffaa kana keessa bittaa konkolaattotaa, tiraaktaraafi meeshaalee laabraatoriif doolaarri Ameerikaa miliiyoona 22 ol baasii ta’eera. Kana keessaa doolaarri Ameerikaa miliiyoona ja’aa ol bittaa konkolaataa 30fi tiraaktaroota 46f ooluusaa himaniiru. Doolaarri Ameerikaa 16 ol hafemmoo basii meeshaalee laabraatorii qorannoo qonnaaf kan oolanidha jedhaniiru.

Konkolaattota GTP tokkoffaa keessa bitaman 40 waliin konkolaattotni 70 kan dhiyaatan yoo ta’u, wiirtuulee inistitiiyutichaa akka biyyaatti jiran saddeetiif raabsamuu himaniiru.

Dhiyeessiiwwan kanneen akka galteetti qabachuun qonna ammayyaa waliin ga’uuf sochiin jiraachuu kan himan Dr. Soofiyaan, dhiyeessiiwwan sanyii hanqina godhatan dabalataan alarraa galchuuf tattaaffii godhameenis jijjiiramni mul’ataa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo ammaattis komii dhiyeessiin walqabatee naannooleen kaasaa turan kana furuuf raabsaan konkolaattotaa, tiraaktarootaafi meeshaaleen laabiraatorii bakka qondaaltoonni misooma qonnaa biyyattii argamanitti gaggeeffamuu kaasanii, kanneen hafan furuufis sochiin jiraachuu dubbataniiru.

 Bariisaa Mudde 18 Bara 2012

 Wasihun Takileetiin

Recommended For You

3 Comments to “Hanqinni dhiyeessiiwwan qonnaa komii kaasaa turan furamaa jiru”

  1. Pingback: suicide bombing
  2. Pingback: porn sex

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *