Sulultatti: Saamichi lafaa dhaabsifame

  • Ijaarsi seeraan alaa kuma jahaa diigame

Sulultaa: Alseerummaan magaalota Oromiyaa hedduu keessatti hidda gadifageeffate madda rakkoo nageenyaa ta’aa tureera. Keessumaa gochichi magaalota Godina Addaa Oromiyaa Naannawaa Finfinneetti daran hammaachuun balaa guddaa qaqqabsiisaa tureera.

Erga jijjiiramootni siyaasaa galmaa’uu eegalanii kaasee garuu keessumaa weerarri lafaa karaa qindaa’een raawwatamaa ture hir’achuu bulchiinsi magaalota Sabbataa, Buraayyuufi Hoolataa tibbana Gaazexaa Bariisaatti himaniiru. Sulultattis lafti karaa gurmaa’een halkanii guyyaa saamamaa ture dhaabsifamuu Waajjirri Bulchiinsaafi Nageenyaa magaalattii beeksiseera.

Ittigaafatamaan waajjirichaa, Obbo Taajanii Naasir Roobii darbe akka ibsanitti, alseerummaan Sulultatti hiddasaa gadi fageeffachuun jiraattotaafi bulchiinsa magaalattiirratti dhiibbaa guddaa uumaa tureera. Madda rakkoo nageenyaas ta’aa ture.

Saamicha lafaatiin ala, gochoonni hannaafi ijaarsi manneen seeraan alaa akka babal’ataa ta’uu yaadachiisanii, haala kana bu’uurarraa dhabamsiisuuf caasaan nageenyaa kutaalee hawaasaa wajjin hojjechaa turuus dubbataniiru.

Tarkaanfii cimaa fudhatameen weerarri lafaa dhaabsifamuu eeranii, manneen seeraan alaa waggoota sadan darbanitti ijaaraman kuma jahas dhiifama tokko malee akka diigaman taasifamuu eeraniiru. Kanneen hafan yoo jiraatan qulqulleessaa tarkaanfiin kanirratti fudhatamu ta’uus ibsaniiru.

Qaamoleen gurmaa’anii walitti bu’iinsa amantiifi sabummaa uumuuf wixxirfachaa turan qindoomina caasaalee nageenyaafi jiraattotaatiin milkaa’uu hindandeenye. Keessumaa ammoo manneen barnootaa mootummaa keessatti barattoota Oromoofi Amaaraa walitti buusuuf yaaliin godhamaa ture fashalateera jedhan. Hordoftoota amantii Waaqeffataafi Ortodoksii, akkasumas majilistoota gidduutti qoqqoodinsi akka uumamuuf aggaamames walta’insa ummattootaatiin galma gahuu akka hindandeenyes himaniiru.

Akka ibsasaaniitti, caasaan bulchiinsaafi nageenyaa magaalaa Sulultaa kutaalee hawaasaa mara waliin qindoomina olaanaatiin hojjechaa waan jiruuf, alseerummaan waggoota sadan darban turan dhaabsifameera. Hordoffiifi to’annoon sochii daldala seeraan alaarratti taasifamaa jirus haalaan cimaa waan ta’eef boolli hattootaafi saamtotaa hanga Finfinneettillee duuchamaa akka jirus eeran.

Kanaaf ammoo caasaalee nageenyaa magaalittiif, qeerroofi qarreef, akkasumas jiraattota magaalaa Suluultaatiif  galata qaban dhiyeessaniiru. Mootummaafi hawaasni waltaanaan rakkooleen hinfuramne hinjiran kan jedhan Obbo Taajaniin, jiraattotni Suluultaas bulchiinsa magaalichaa waliin misoomaafi nageenya waaraa mirkaneeffachuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Daddabarsi meeshaalee waraanaas magaalittii keessatti  to’atamaa kan ture yoo ta’u, wayita ammaa kan hinjirre ta’uusaas ibsaniiru. Halkan halkan garuu dhoksaadhaan dhukaasni rasaasaa waan shaakalamuuf xiyyeeffannoon qoratamaa jira jedhan.

Nageenyaafi misooma magaalaa Sulultaa itti fufiinsaan mirkaneessuun gahee mootummaa ta’uyyuu jiraattonnishee caalaatti dhimmamuu akka qabanis hubachiifameera.

Takkaalliny Gabayyootiin

Suurri Gabaaboo Gabreetiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

3 Comments to “Sulultatti: Saamichi lafaa dhaabsifame”

  1. Pingback: Mancave

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *