Miidiyaaleen ittigaafatamasaanii sirnaan akka ba’atan gaafatame

Finfinnee: Miidiyaaleen biyyattii egeree Itoophiyaa ijaaruu keessatti ittigaafatamummaa olaanaa waan qabaniif sirnaan ba’achuu akka qaban gareen ‘Destiny Ethiopia Initiative’ gaafate.

Qindeessaan garichaa, Obbo Nigusee Akliiluu marii  dheengadda Finfinneetti gaazexeessitoota Afaan Oromootiin hojjetan waliin taasifamerratti akka jedhanitti, garichi Itoophiyaanota sagaliin rakkoo hawaasummaafi siyaas-dinagdee biyyattiin keessa seenteef furmaata kaa’uuf kaayyeeffatee hundaa’e.

Haala kanaan paartiilee siyaasaa ummata biratti fudhatama olaanaa qaban 14, jaarsoli biyyaafi abbootii Gadaa, hayyoota, rogeeyyii, dargaggoota, miidiyaaleefi bakka buutota kutaalee naannolee biyyattii garagraa keessaa baba’an 50 dabaluun ji’oota ja’an darbaniif egeree Itoophiyaa ijaaruurratti marii bal’aan cufaadhaan adeemsifamaa tureera.

Namoonni kunneenis qorannoo gadi fageenyaa erga taasisanii booda seenaariyoowwan (maal ta’innaa) afur erga adda baasanii booda waggoota 20 booda Itoophiyaan bifa akkamii qabaachuu akka dandeessu xiinsammuun gabaasa dhiheessuusaanii addeessaniiru.

Seenariyoowwan kunneenis barcuma cabaa (‘broken chair’), Abbaa irree (‘hegemony’), mana walmorkii (‘divided house’)fi Barii barraaqaa (‘dawn’) ta’uu kan eeran qindeessichi, kanneen keessaa egeree biyyattiif faayidaa kan qabuufi sirna dimokraasii ijaaruu kan dandeessisu seenaariyoo barii barraqaa waan ta’eef isa hojiitti hiikuuf hunduu tumsuu qaba jedhaniiru.

Akka Obbo Nigusuun ibsanitti, bu’aaleen marii kunneen hawaas bira ga’uu bu’aa barbaadame fiduu kan danda’an deggarsa miidiyaaleetiin waan ta’eef, miidiyaaleen ittigaafatamasaanii kana haalaan ba’aachuun shoorasaanii akka taphatan gaafataniiru.

Gaazexeessitoonni maricharratti hirmaatan tokko tokkos yaada kennaniin, gareen akkanaa hundaa’ee dhimma biyyaarratti hojjechuunsaa kan jajjabeeffamu ta’uu kaasanii, gamasaaniitiin qooda irraa eegamu ba’aachuuf qophii ta’uusaanii ibsaniiru. Waltajjichis ittifufiinsa yoo qabaate hojii hojjetaniif galtee argachuuf waan fayyaduuf ittifufiinsa akka qabaatuuf yaada kennaniiru.

Akka Oromiyaatti hoggantoota paartiilee siyaasaa garicha keessatti hirmaatan keessaa ABO, KFOfi ODPn ni eeramu.

Saamraawiit Girmaatiin

(Suurri Iyyoob Tafariitiin)

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

One Comment to “Miidiyaaleen ittigaafatamasaanii sirnaan akka ba’atan gaafatame”

  1. Pingback: web sunwin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *