Yunivarsitiiwwan Dambi Dolloofi Wallaggaa barattootasaaniif waamicha taasisaa jiru

Dambi Dolloo: Walitti bu’iinsi dhiyeenya kana Yunivarsitii Waldiyaatti mudatee ture gara yunivarsitiiwwan gara garaatti babal’achuun lubbuun barattootaa akka darbu, miidhaa qaamaatiif akka saaxilaman, mooraa yunivarsitii gad lakkisanii akka ba’aniifi hojiin baruu barsiisuu akka addaan cituuf sababa ta’eera. Yunivarsitiiwwan adda addaa yeroo ammaa barattoota mooraa gad lakkisanii ba’aniif waamicha gochuun hojii baruu barsiisuu itti fufsiisaa  jiru.

Pirezidaantii Yunivarsitii Dambi Dolloo Doktar Lataa Tasfaayee garee gazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Wiixata darbe mooraa yunivarstichaatti  argameef ibsa kennaniin akka jedhanitti, walitti bu’iinsa yeroo darbe qaama hinbeekamneen uumamee tureen lubbuun barataa tokkoo darbeera.

Sababuma kanaan hojiin baruu barsiisuu yunivarsitichaa torban lamaaf addaa citee akka tureefi barattoonni hedduun mooraa gad lakkisanii bahuu eeran. Yunivarsitichi rakkoo nageenyaa mudate furuuf barattoota wajjin mari’atee araara buusuun hojiin baruu barsiisuu ammaan tana ittifufuus ibsaniiru.

Barattoonni Oromoo yunivarsitiiwwan naannoo Amaaraa keessa jiran irraa dhufan Yunivarsitii Dambi Dollootti barumsasaanii ittifufuuf gaaffii dhiyeessaa turuus pirezidaantichi eeranii, barattoonni yunivarsitichaa gaaffiinsaanii gaaffii keenya jechuun torban tokkoof barumsa dhaabanii akka turan ibsaniiru. Yuunivarsitichi barattoota ramadameefiin ala fudhachuu kan hindandeenye ta’uu marii taasifameen barattootati himamuus addeessaniiru.

Wixata darbe barattoota galmeessuun barumsi Kibxata jalqamuus eeranii, barattoota muraasa mooraa gad lakkisanii ba’aniifis waamichi taasifamuu ibsaniiru.

Nageenya barattoota yunivarsitichaa eeguufi mirkaneessuun dirqamaafi imaanaa nutti kennameedha kan jedhan Doktar Lataan, kanaan dura poolisootni federaalaa 17 humna eegumsaa yuunivarsitichaa wajjin  hojjechaa turuu eeraniiru.

Nageenya yunivarsitichaa amansiisaa gochuuf poolisoonni federaalaa 63 kan dabalamaniif ta’uus himanii, ergasii as gama sakatta’iinsaafi ageenyaatiin jijjiiramni gaariin mul’achuu dubbataniiru.

Barattoonni meeshaalee miidhaa qaqqabsiisan qabatanii doormiitti akka hinargamneef sakatta’iinsi taasifamuu kan himan pirezdaantichi, kunis sodaafi shakkii barattootaa hir’isuudhaan walamantaan akka uumamu gochaa jiraachuu beeksisaniiru.

Yunivarsitichi dallaa waan hinqabneen rakkooleen gara garaa mudachaa jiraa. Barattoonnis kallattiilee gara garaatiin dhokatanii yunivarsiticha keessaa ba’aa waan jiraniif mootummaan dhimma dallaa kanaaf xiyyeeffannaa akka kennu gaafataniiru.

Pirezidaantiin Yunivarsitii Wallaggaa Doktar Hasan Yusuuf akka jedhanitti, waggoota lamaan darbanii as rakkoon nageenyaafi tasgabii yunivarsitichatti  mul’achaa jira. Barana rakkinichi hammaachuu akka danda’u tilmaamee turre.

Keessumaa erga yunivarsitii Waldiyaatti uumamee rakkoo booda haalli nageenya yunivarsitiisaanii gaarii hinturres himanii, rakkoo uumamee tureenis barattoonni  lubbuunsaanii darbeefi miidhaa qaamaatiif saaxilaman jiraachuusaaniifi sababuma kanaan waan barattoonni hedduun mooraadhaa bahaniif  gad barumsi torban sadiif addaan citee turuu ibsaniiru.

Wiixata darbe irraa eegalee hojiin baruu barsiisuu itti fufuusaa kan himan Doktar Hasan, barattootni mooraa gad lakkisanii ba’anis akka deebi’aniif waamichi taasifameera jedhan. Mootummaan naannoo Oromiyaafi Amaaraas barattoota deebisuurratti gaheesaanii akka bahatan gaafataniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

6 Comments to “Yunivarsitiiwwan Dambi Dolloofi Wallaggaa barattootasaaniif waamicha taasisaa jiru”

  1. Pingback: ai ดูดวง
  2. Pingback: https://noonoo.org
  3. Pingback: sell weapons
  4. Pingback: 1+1 사이트

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *