“Oromoofi Amaarri yoo tokkoman kan badhaadhan, adda yoo ba’an kan hiyyoomanidha” -Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Konfiransiin nageenyaa abbootii qabeenyaa Oromoofi Amaaraatiin Finfinnee Galma Barkumeetti qophaa’e kaleessa gaggeeffameera.

Waltajjii kanarratti Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad argamuun haasaa taasisaniin akka jedhanitti, qeerroon, qarreeniifi faannoon qilleensi nageenyaa akka bubbisuufi bilisummaan akka dhufuuf qabsa’anii wareegamaniiru.

“Dargaggoonni nageenyaafi bilisummaa barbaachaaf dhiigdaniifi duutan dargaggoonni dabalataan akka du’aniifi barattoonni barumsa deeman achitti akka hafaniif miti. Baratanii akka deebi’aniif bor ofiifi biyyaasaanii akka jijjiraniifi. Kanaaf dargaggoonni Oromoos ta’e Amaaraa waliin ta’uun marii’achuufi abjuu keessani boruu dhugoomsuu qabdu” jedhaniiru.

Dhimmi Oromoofi Amaaraa yeroo hedduu akka dubbatame kaasanii, saboonni lamaan Itoophiyaa keessatti ummata bal’aa, lakkoofsaan heddumina qaban yoo ta’aan, Isaanis yoo waliin ta’an kan badhaadhan, yoo adda bahan garuu kan hiyyooman ta’uusaatiin waliin ta’anii biyya badhaate uumuu akka qaban dubbataniiru.

Akka Doktar Abiyyi jedhanitti, Oromoon Afrikaarratti lakkoofsa ummataatiin tokkoffaafi ummanni Afrikaa keessaa baay’inaan isa gitu hinjiru. Kanaafuu itti gaafatamummaa Afrikaa guutuu fudhachuu qaba. Amaarri gamasaatiin Oromootti aanee baay’ina ummataatiin isa lammaffaadha. Ummattoonni kunneen qofa qofaa lakkoofsa qaban kana hojiifi jijjiiramaaf malee ummata lakkoofsa xiqqaa hacuucuu yookiin miidhuuf fayyadamuu hinqaban.

Kanaaf ummattoonni lamaan kunneen waliin ta’anii obbolootasaanii kallattii arfaniin jiraniif fakkeenya ta’uun, yaadawwan marii haaraa uumuun nageenya biyyaarratti waliin hojjechuu akka qaban dhaamaniiru. Waltajjiin kunis mariiwwan itti aananiif fakkeenya malee isa dhumaa ta’uu akka hinqabne ibsaniiru.

Konfiransichi mata duree “Itoophiyaa hunda keenyaaf mijattu waloon haa ijaarru” jedhuun kan adeemsifame yoo ta’u,  abbootii gadaa, haadha siinqee, jaarsoolii biyyaa, abbootii amantii, bakka bu’oonni, hawaasaa, qondaaltoonni mootummaafi keessummoonni waamicha taasifameef argamaniiru.

Wayinisheet Kaasaatiin

Suurri Tsahaay Nugusee

Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012

Recommended For You

5 Comments to ““Oromoofi Amaarri yoo tokkoman kan badhaadhan, adda yoo ba’an kan hiyyoomanidha” -Doktar Abiyyi Ahmad”

  1. Pingback: พรมรถ
  2. Pingback: Foundation App

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *