Finfinnee: Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad misooma saatalaayitii oggaa ministira Saayinsiifi Teknolojii ta’anii jiran mallattoosaaniitiin eegalame kaleessa haala milkaa’ina qabuun furguggifame sababeeffachuun ergaa ittaanu karaa fuula feesbuukiisaanii ummataaf dabarsaniiru.
Baga gammadne, gammaddan. Itoophiyaan Saataalaayitii ETRSS-1 jedhamu gara hawaatti furguggeessuu dandeesseetti. kun kan dhumaa akka hintaane nan abdadha. Saatalaayitichi qonna keenya ammayyeessuuf, hojii beekumsaan utubame hojjechuuf nu gargaara.
Akkasumas gabaa Afrikaafi Addunyaatti beekumsarratti hundoofnee akka dorgomnuufi bu’aa qabeeyyii akka taanuuf saatalaayitiin kan nu gargaaru yoo ta’u, odeeffannoowwan adda addaa bitaa turre hambisuuf, sochii naannawa daangaatti taasifamu hordofuuf, haala qilleensaa ittiin ilaaluufi ammayyeessuuf, ragaa gahaa funaanuufi hojii odeeffannoorratti hundaa’e raawwachuuf faayidaa guddaa qaba.
Baasiin saatalaayitii kanaa irraa guddaadhaan mootummaa Chaayinaatiin kan aguugame yoo ta’u, gara fuulduraattis qaamolee adda addaa wajjin ta’uun saatalaayitoota biroo ni omishna. Isa kanarrattis ogeessonni Itoophiyaa diizaayiniisaarraa eegalee hanga omishaatti irratti hirmaataniiru. Wiirtuun to’annoosaas guutummaatti asuma Finfinneetti hojjetame.
Sochii Itoophiyaan gara hawaatti taasistuufi jalqabbii barbaacha beekumsaafi odeeffannooshii amma tokko jettee eegaltee kana si’aayinaan ittifufti. Kunis imalli gara badhaadhinaatti taasisnu eegalamuusaafi otoo addaan hincitiin dhalootatti akka darbu kan mirkaneessuudha.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 11/2012
2 Comments to ““Saatalaayitichi imalli badhaadhanaa eegalamu agarsiisa” -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)”