Dubbistootaa, maxxansa keenya torbee darbeetiin gaafdeebii bal’aa Ambaasaaddar Daggifee Bulaa wajjin taasisne fuula Keessummaa Bariisaarratti isin dubbisiisuu eegallee irraa bulfachuun keenya ni yaadatama. Kutaan bule, kutaa 2fafi xumurrisaas kunootii dubbisa gaarii.
Bariisaa: Paartii Badhaadhinaa eenyummaa sabummaa ni balleessa kanneen jedhan jiruutii isin maal jettu?
Amb. Daggifee: Yoo walitti makamuu baattes waa’een maalummaa keetii keessa keeti malee dhaabbata dhaabde keessa miti kan jiru. Fakkeenyaaf Oromoon waggoota dheeraaf jiraataa kan ture dhaaba siyaasaa dhaabee miti. Ummatichi Oromummaasaa eeggatee kan as ga’uu danda’eef waan dhaabni siyaasaa jiruuf miti. Har’as dhaaba siyaasaa dhaabanii boru diiguun ni danda’ama.
Garuu Oromummaafi maalummaa kee namni sirraa fudhatu hinjiru. Aadaa, afaan, eenyummaa kee guddifachuurraa waanti si dhorku hinjiru. Kan ijaaramtu yoo qaama biraarraa waa barbaaddeedha. Amma wanta harka kee keessa jiru maal shakkiteefi rakkatteeti kun na jalaa laafuu danda’a kan jettuuf. Inni guddaan tokko tokkummaa keessoo keetii cimsuudha. Tokkummaa Oromummaa ofii cimsuudha. Oromoon tokko ta’ee cimnaan waanti inni sodaatu hinjiru. Kanaan dura dhaabni siyaasaa kan hundaa’ee ture yoo mirgi kee kan dhiibamu ta’e, maalummaan kee kan hinmikanoofne yoo ta’e dhaaba siyaasaa dhaabdee fincilta.
Amma kun sana miti. Akkatti nageenya, misoomarratti rakkoo hawaasummaa akkatti hiikkattuurratti ijaaramuudha malee waan biraa hinqabu. Kanaaf Oromoon akka Oromootti tokko ta’uun sodaa uuma yoo ta’e waanti godhamu hinjiru. Qabsoon Oromoon waggoota dheeraaf taasisaa ture darbaa dabarsaa as ga’e jechuudha. Kanaaf walitti makamichi waan shakkii uumu natti hinfakkaatu.
Bariisaa: Namoonni walitti makama kana morman filmaata biraa qabatanii dhiyaachuu hindanda’anii?
Amb. Daggifee: Akka natti fakkaatutti biyya kana keessatti ammaan tana dirreen dimokraasii bal’aadha. Eenyuyyuu taanaan ummata Oromootiif ykn biyyattii kanaaf waan bu’aa buusa jedhee itti amane kaayyoo haa ta’uu ayidiyoolojiiwwan adda addaa haa ta’uu qabatee dhiyaachuurraa waan isa dhorku hinjiru. Kanaaf amma sana qeequun waan tokko ta’ee yoo sun sii ta’u baate ammoo kan biraa ijaartee ummatatti dhiyaachuudha.
Kun gaaffii hinqabu. Kanarratti kan murtii dhumaa kennu ummata. Akkaataan itti deemamaa jiru kun maalummaa Oromomummaa keenya waan balleessuuf karaa kanaan yoo deemne gaariidha jettee qophooftee deemuu qofa. Maaliif qeeqe jedhanii kaasuunis sirrii miti; namni yaada dhiyeessuun waan irra jiraatuuf. Deggaruus mormuus ni danda’a. Lamaanuu mirgasaati. Ummanni keenya waggoota dheeraaf miidhaa jala waan tureef akkasumas ummatichumti akka hintaanetti of ilaalaa waan tureef kanarraa ka’amee shakkamuun waanuma jiruudha. Shakkii kana hanbisuun kan danda’amu yoo walamantaan jiraate qofa.
Bariisaa: Walitti makamuu dhiisuu ABUT akkamitti ilaaltu?
Amb. Daggifee: Hamma danda’ametti waan biyya kanaaf ta’urratti wajjummaan dhaabachuun gaariidha jedheen yaada. Garuu kana keessatti hundumtu yaadaafi qalbii tokkoon hubannoo tokkoon deema jechuun nama rakkisa. Fakkeenyaaf nama amantii Musliimaa hordofu Kiristaanatti, kan Kiristaana ture Musliimatti jijjiirradhu yoo jette dafee liqimfamuufii dhiisuu danda’a.
Waan hunda dura mariin jiraachuu qaba. Walhubachuun, walhubachiisuun barbaachisaadha. Yoo kun ta’e bu’aa gaarii fida jedheen yaada. Yoo kun ta’uu baate ammoo qaamni sun filannoo biraa hordofa jechuudha. Kanaan ala waanti godhamu hinjiru. Biyyattiin otoo paartiin kun hinjiraatiin ummanni kun tureera.
Ta’us sadarkaa amma irra geenyetti ummanni waan gaarii hawwa. Ummanni biyyattii waraana keessa waan tureef, walitti bu’iinsonnis waan mumul’ataniif shakkii qaba. Otoo wajjummaan deemuun danda’amee gaariidha. Hamma dhumaatti ijibbachuunis barbaachisaadha. Kanaan ala tokko olaanaa ta’ee tokko ammoo gadaanaa ta’ee deemuun tasumaa hindanda’amu.
Kun yeroonsaa itti darbeera. ABUTs of ilaaluu qaba. Waanti garaa isaan hanqate yoo jiraatellee gara dirree mariitti fiduu qabu. Miseensotaan mari’atanii murtii tokkorra ni ga’u jedheen yaada. Dhaabbileen walitti makamanis isa ofirraa fageessuu otoo hintaane ofitti fiduuf hojjechuu qabu.
Bariisaa: ABUT walitti makamichaa itti amanee yaadicha geggeessaa otoo jiruu duubatti deebi’uunsaa maalirraa madde jettu?
Amb. Daggifee: Kan dura bu’ee geggeessaa ture isuma, geggeeffamuummoo hinbarbaadu. Rakkoon jiru isa natti fakkaata. Kanin itti amanetu sirriidha jettee isuma qofarratti gogda yoo ta’e bu’aa buusuun hindanda’amu.
Waanti hawaasni bal’aan hinfudhanne qabatamaan jira. Sababiinsaas olaantummaa ABUTtu turekaa. Kanaaf olaantummaan sun ittifufuu hindanda’u. Isaanis kana hubachuu qabu. Yoo akkasitti waliigalameedha malee amma akkaatuma durii sanaan deemna jechuun har’a tasumaa hinhojjetu. Kana haallis hineeyyamu, ummannis hinfudhatu. Rakkoo guddaa biyya kanatti uumamaa tureef isaan sababa ta’uus hubachuu qabu. Of sirreessanii garana dhufuu qofa kan isaan baasu. Ummanni Tigraayis kana hubachuu qaba. Kan maqaasaatiin daldalaa ture namoota muraasa ta’uu beekuu qaba. Dhimma kana hubatee dhaabicharrratti dhiibbaa godhanii ummata kaan wajjin dhaabachuu qaba.
Bariisaa: Walitti makama kana keessa carraa akkamiitu jira?
Amb. Daggifee: Akkuma beekamu ADWUIn paartiilee biyyaalessaa afuriin kan hundaa’e ta’us ittiwaamamnisaa saboota hundaaf otoo hintaane saba bakka bu’eefi. Kanarraa ka’uun walitti makamni akka uumamuuf mariileen taasifamaa turaniiru. Paartiileen deggartootaa addichatti dabalamanii paartii tokko uumuuf sochii cimaa taasisaa turan. Murtii yaa’ii Hawaasaarratti hundaa’uunis walitti makamichi ifa ta’eera.
Dhugaa dubbachuuf biyyakanatti wajjummaan jiraachuuf kan barbaachisu paartii walitti makameedha. Addadda faffaca’uudhaan bu’aa argachuun hindanda’amu. Guddinas ta’e badhaadhina argamsiisuun kan danda’amu wajjummaan jiraachuun yoo danda’ameedha. Waltumsaafi wajjummaan jiraachuun yoo danda’ame nagaan ni bu’a.
Addadda bahuun farra nageenyaafi waliin jireenyaati. Kanaaf tokko ta’anii paartii walitti makame uumuu danda’uun waan gaariifi deggaramuudha. Oggaa kun jedhamu waantonni xiyyeeffannaa argachuu qaban akka jiran dagatamuu hinqabu. Fakkeenyaaf eddii walitti makamanii maal gochuu akka qaban, akka biyyaattis ta’e sabaatti faayidaansaa maal akka ta’e qoratamuu qaba.
Bariisaa: Namoonni tokko tokko walitti makamuun kun mirga sabootaa ni ukkaamsa, sirna tokkummaawaa durii fida jedhuutii dhuguma dhimmoota kanneen ni hordofsiisaa?
Amb. Daggifee: Walitti makamuus ta’e makamuu dhiisuun eenyummaa saba tokkoo hinsarbu. Fakkeenyaaf Oromiyaa bulchaa kan ture ODPdha. Otoo paartiin kun hinhundaa’iinis ta’e eddii hundaa’ee booda ummanni Oromoo ni jira, nijiraatas. Ummata durii kaasee Oromummaasaa eegee kan jiraate waan dhaaba siyaasaa qabuuf miti. Sabni biraas akkasuma.
Kanaaf har’a paartiin tokko hundaa’ee boru diigamuu danda’a. Garuu Oromummaa ykn ammoo saba biraas yoo ta’e eenyummaasaa eenyumtuu irraa mulquu hindanda’u. Afaan, aadaafi duudhaansaa kan eenyumtuu irraa fudhatu ykn kennuuf miti. Oromoos ta’e saboonni biroo tokko ta’anii jabaachuunsaanii sodaa ykn shakkiin uumamu hinjiru. Garuu shakkiin yoo jiraate mariidhaan walamananii iftoomina uumaa irratti hojjechuu barbaachisa.
Bariisaa: Waa’ee yaadiddama IDA’MUU kitaabaanis qophaa’e ummataaf dhiyaateerratii kanarratti maal jettu?
Amb. Daggifee: Kitaaba IDA’AMUU Doktar Abiyyi Ahmadiin qophaa’e dubbiseera. Duraanis qabiyyeesaa nan beeka. Hunda dura kan ta’uu akeekaafi ergaa kitaabichaa sirriitti hubachuudha. Kitaabichi waantota hedduu of keessatti qabateera. Kanaaf faayidaan inni biyyaaf qabu maalinni? Saboota hammam fayyada, yaadota jedhan sirriitti hubachuu barbaachisa. Kan kitaabichi biyyattii hinfayyadu jedhu yoo jiraate waan kan caalaafi ni fayyada jedhee fiduu barbaachisa.
Kitaabni IDA’AMUU gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiin darbees dameelee birootiin waantota faayidaa qabeeyyii danuu qabateera. Kitaabichi cinaacha gaarii akka biyyaatti wan fooyya’ina qabu fiduuf ammoo kallattii eeruun kan qophaa’eedha. Kanaafuu waan kitaabichi of keessatti qabatee otoo sirnaan hinhubatiin qeequun rakkoo natti fakkaata.
Bariisaa: Dhaabbata qaamolee haqaa leenjisu hoggantuutii dhimma olaantummaa seeraarratti maal jettu? Qooda hojii inistitiyutichaa otoo nuu ibsitanii? Tokko tokko ofumaa seera cabsaa oggaa olaantummaa seeraa jedhu dhagahamaatii olaantummaan seeraa akkamiin mirkanaa’a?
Amb. Daggifee: Gaheen hojii Inistiitiyuutii Leenjii Qaamolee Haqaa keessaa tokko qaawwa dhimmoota seeraafi haqaarratti mul’atu addaan baasuun qo’annoofi qorannoo adeemsisuudha. Qaamolee haqaatiif leenjiis ni kenna. Riiformii qaamolee haqaa keessatti taasifamuuf deggarsa ogummaa ni kenna. Yunivarsiiiwwan 27 barumsaa Seera barsiisaniif kaarikulamii ni qopheessa.
Odeeffannoowwan qaamolee haqaa inistiitiyuticha jalatti walitti qabamu. Kunis ta’ee otoo jiruu biyyanatti gama olaantummaa seeraa eegsisuutiin rakkoo guddaatu jira. Olaantummaa seeraa kabachiisuun qooda hojii qaamolee haqaafi seeraati. Nuti gama keenyaan qaamolee kanneeniif leenjiilee adda addaa kennaafii jirra. Ogummaatti leenjiin naamusaafi ilaalcharratti xiyyeeffate ni kennama. Olaantummaan seeraa kabajamuu baannaan waa’ee nageenyaafi misoomaa yaaduun hindanda’amu. Kanaaf kanarratti xiyyeeffannee hojjetaa jirra. Olaantummaa seeraa kabachiisuuf leenjii maddiitti kutattummaan barbaachisaadha. Hawaasni sochii olaantummaa seeraa kabachiisuuf taasifamu utubuu qaba.
Bariisaa: Bilisummaan abbaa seerummaa har’a akkamiin ibsama?
Amb. Daggifee: Gama bilisummaa abbaa seerummaatiin kanaan dura rakkooleen adda addaa turaniiru. Keessumaa qaamni siyaasaa damee kanatti akka barbaadetti ittifayyadamaa ture. Akkanatti murteessi jechuun ajajni kennamaa tureera. Kun ammaan tana fooyya’eera. Garuu abbaan seeraa waan bilisummaa qabuuf haqni karaa sirriidhaan kennamaa jira jechuun hindanda’amu.
Fakkeenyaaf matta’aan kennuus ta’e fudhachuun, firummaafi walbeekumsaan hojjechuun hafee murtiin haqaa akkaataa seerri ajajuufi sammuunsaa ajajuun qofa kennamuu qaba. Tajaajilli haqaafi nageenyaa ittigaafatamummaan raawwatamuu qaba. Kana dhugoomsuufis karaa waltajjii qaamolee haqaatiin hojjetamaa jira.
Bariisaa: Ambaasaaddarummaadhaan eessa tajaajiltan? Muuxannoo akkamiis nuu qooddu?
Amb. Daggifee: Ugaandaa taa’ee Ruwaandaa, Burundiifi Rippablikii Dimokraatik Koongoottis hojjechaan ture. Kanneen keessaa Ruwaandaa akka fakkeenyaatti yoo ilaalle biyyattiin gocha sukanneessaa duguguuggaa sanyiitiin maqaanshii irra deddeebiin ka’a. Duguuggaa sanyii (genocide) waggoota 25 dura ummata Hutisiifi Huttuu jedhamanirratti raawwatameen biyyattiin daran miidhamteetti.
Waa’ee eenyummaa ykn sanyummaarratti namni Ruwaandaa dhaqee ilaale waan akkanaa tasumaa yaaduu hindanda’u; isa dhugaa dubbachuuf. Ummatoota waggoota dheeraaf wajjummaan jiraataa turantu dogoggora raadiyoon ‘FM’ tokko raawwateen walfixe. Kunis walitti bu’iinsa uumuu keessatti miidiyaan humna akkamii akka qabu hubachuun ni danda’ama. Kanaafis waan karaa miidiyaatiin darburratti of eeggannaa guddaa gochuun akka barbaachisa namatti agarsiisa.
Golambaa biyyattiin lammiileeshii gocha sukanneessaa kanaan galaafataman yaadachuuf qopheessite waan sammuu namaa jeeqamuuf daqiiqaa tokkoofillee ilaaluun tasumaa hindanda’amu. Maatiin namoota baay’ee dhumaniiru.
Namni walshakka. Kanaaf duguuggaa sanyii achitti uumame biyya keenya dabalatee addunyaa maraaf fakkeenya guddaa kan ta’uudha. Gocha hamaa Ruwaandaatti raawwatame ibsuun nama rakkisa. Guyyaa gochichi raawwatame waggaa waggaadhaan yaadatu.
Oggaa kana namoonni baay’een waan dhimmichi sammuusaaniiti dhufuuf gochicha yaadatanii namoonni hanga 200 ta’an ni kufu. Kanaaf kanarraa waa barachuun daran murteessaadha. Waan tibba darbe yeroo darbe biyya keenyatti raawwatameef maqaatu hinbaane malee gocha salphaa miti. Kanaaf Ruwaandaarraa waan guddaa barachuun ni danda’ama. Nama akka namaatti ilaaluun dhimma murteessaadha. Ummanni keenya walkabajuun, mirga walii eeguufi xiyyeeffannaa waliikennuu qaba.
Ruwaandaan gama biraatiin muuxannoo gaarii tokko qabdi. Keessumaa qulqullinni magaalaa guddooshii, Kigaaliin daran kan nama ajaa’ibuufi namatti toluudha. Magaalattiin pilaaniidhaan hundoofte. Haalota adda addaatiinis miidhagsaniiru. Lafumtisaallee waan dhiqame fakkaata. Kunis bu’aa miidiyaan argamsiiseedha. Televizhiniin biyyattii daqiiqaawwan 20, 20n waa’ee qulqullina magaalattii tamsaasa. Namni muuzii nyaatee qunceesaa bakkeetti gatu, iddoo hinmalletti fincaa’ufaa agarsiisa.
Pirezidaantiin biyyattiis ji’atti al tokko bahanii ummata wajjin magaalaasaanii qulqulleessu. Adeemsi kun addaan hincitu. Kanarraa ka’uun waa’een qulqullina magaalattii aadaa ta’eera. Jiraattonni magaalattis gareelee adda addaatiin waan ijaaramaniif karaa sanaan malee lafumaa ka’anii akkuma barbaadanitti magaalaan qulqulleessa jedhamii bahuun hinjiru.
Dargaggoonni, dubartoonni, guguddoonni, hojjetaan mootummaa, qofa qofaatti ijaaramaniiru. Oggaa magaalaa qulqulleessan egaa gurmuudhuma kanaan bahu. Kanatti dabalee hunduu qulqullina naannawasaa ittigaafatamummaan eega. Baadiyyaattis ummanni walgurmeessee jira. Gaaddisa mukaa jala taa’ee mari’ata, hojiisaas qorata. Kunniin eegaa muuxannoo gaariidha.
Kanarraa ka’uunis namoonni muuxannoo qooddachuuf ni deemu. Ta’us deemu malee fidanii hojiidhaan agarsiisuu dhabuun nama gaddisiisa. Warrumti biyyasiillee dhimma kanarratti komii akka qaban dubbatu. “Muuxannoo fudhachuuf dhuftu malee hojiirra oolchaa hinjirtan. Yoo muuxannoo fudhattan hojiirra oolchuun isin rakkise nama isinii kennina” jechaa jiru.
Bariisaa: Akka ogeessa waliigalaa tokkootti keessumaa muuxannoo hamaa Ruwaandaarraa ka’uun miidiyaaleedhaaf maal dhaamtu?
Amb. Daggifee: Miidiyaan kamuu otoo waan tokko hinbarreessiin ykn qilleensarra hinoolchiin dura waanti inni qabatee ka’e sun maal akka hordofsiisu xiinxaluufi yaaduu qaba. Yoo akkuma dhufetti dabarsa ta’e rakkoo guddaa uumuu danda’a. Kanaaf miidiyaan of eeggannoodhaan hojiisaa miira ittigaafatamunmmaatiin, qulqullinaafi sirnaan raawwachuu qaba. Miidiyaa ummataafi nageenyaa ta’uus qaba.
Bariisaa: Fedhiifi gaaffiilee adda addaa ummatoota biraa ka’aa jiran akkamitti deebisuun danda’ama jettumee?
Amb. Daggifee: Fedhiin namaa dhuma hinqabu. Ummanni biyyattii marti misoomuufi guddachuu barbaada. Fedhiin ijaarsa daandiifi yunivarsitiifaa dhiyaachaa jiraniif haala komii hinuumneen ummatuma wajjin ifatti mari’achaa dura duuba (sadarkaa) kennuu barbaachisa.
Pirojektota hojiinsaanii jalqabamee addaan citeef ykn harkifateefis xiyyeeffannaan otoo kennamee gaariidha. Karoora qabamanirrattis iftoomina uumuun barbaachisaadha. Ummannis rakkoo mootummaa hubachuu qaba. Akkuma Mootummaan ADWUI saanduqa maallaqaa duwwaa Dargii harkaa fudhate hoggansi Doktar Abiyyis harkuma duwwaa, maallaqa tokko malee aangootti dhufe. Kan liqiidhaan gales dhumeera.
Bariisaa: Yaadrimee ida’amuus ta’e walitti makamuu ummata hubachiisuuf haala kamiin ittideemamuu qaba jettu?
Amb. Daggafee: Gama yaadrimee ida’amuutiin kitaabni qophaa’ee hunda bira akka ga’u taasifameera. Yaadicha ummata biraan ga’uuf duraan dursee miseensonni paartii biyya bulchaa jiruu sirriitti hubachuufi beekuu qabu. Dhaabbileen mootummaa marti akkuma amala hojiisaatti fudhatee qaama karoorasaa taasifachuun irratti hojjechuu qaba. Waltajjiin waa’ee kanarratti irratti mari’atamus mijaa’uu qaba. Kanaaf ammoo haalli siyaasaa tasgabbaa’aan jiraachuu mala.
Charinnat Hundeessaatiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
4 Comments to ““Biyya kanatti wajjummaan jiraachuuf kan barbaachisu paartii walitti makameedha” -Ambaasaaddar Daggifee Bulaa”