Teeknoolojiiwwan qonnaa dafanii qonnaan bulaa bira gahaa hinjiran

Roobee: Jiruufi jireenya qonnaan bulaa fooyyeessuufis ta’e omishaafi  omishtummaa qonnaa dabaluuf teeknoolojiin qonnaa haaraa qorannoon baasuun murteessaadha.

Sanyiiwwan midhaanii fooyya’aafi omisha gaarii kennuu danda’an akkasumas dhibee dandamatan qorannoodhaan baasee dhiheessuuf  ergama guddaa kan qabu Inistitiyuutiin Qorannoo Qonna Oromiyaa, teeknoolojiiwwan haaraa inistitiyuutichaan bahan dafanii qonnaan bulaa biraan gahuu irratti qaawwi guddaan kan jiru ta’uu ibsa.

Damee qonnaa fooyyessuufis ta’ee jiruufi jireenya qonnaan bulaa geeddaruuf teknoolojii haaraa baasuun qofti  gahaa miti kan jedhan Gorsaan Daariktera Olaanoo inistitiyuutichaa Doktar Abarraa Dheereessaa, teeknoolojiiwwan qorannoodhaan bahan  yeroodhaan baay’isanii qonnaan bulaa biraan gahuu irratti rakkoo guddaan jiraachuu dubbatu. Sababa kanaanis qorannoowwan qonnaa hanga ammaatti bahaa turan sadarkaa barbaadamuun  jiruuf jireenya qonnaan bulaa geeddaruu kan hin dandeenye ta’uus ni ibsu.

Akka ibsa Doktar Abarraatti,  sharafni biyya alaa yeroo ammaa dhibbantaa 80 ol kan argamu damee qonnaa irraa yoo ta’u, jiruufi jireenyi ummata biyyattii dhibbantaa 80 ol ta’us kan hundaa’e qonnarratti. Bakka wanti hundi damee qonnaatiin ala hin sochoonetti immoo sochiin dinagdee biyyattii eessallee gahuu hin danda’u. Dameen qonnaa wiirtuu dinagdee biyyattii ta’e fooyyeessuudhaaf qorannoon damee qonnaa irratti geggeeffamu gahee bakka bu’ummaa hin qabne bahachuu danda’a.

Rakkoon amma mul’achaa jiru garuu, qorannoowwan qonnaa dadhabbiifi baasii olaanaan hojjataman yeroodhaan baay’atanii qonnaan bulaa bira gahuu dhabuun furmaata hatattamaa kan barbaadu ta’uu kan himan Doktar Abarraan, xiyyeeffannoo mootummaan inistitiyuutii ergama guddaa qabu kanaaf kennes baay’ee xiqqaadha.  Gama humna namaatiin, baajataafi  dhimmoota birootiin xiyyeeffannoon ergamasaatiin wal gitu kennamuufii akka qabus gaafataniiru.

Afaaniin qofa waltajjii hundarratti qonni bu’uura dinagdee biyyaa ta’uu lallabuu qofa osoo hintaane, hojiin qabatamaafi qindoominni qaamota seektara qonnaa barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Inistitiyuutiin Qorannoo Qonnaa Oromiyaa torban darbe sanyiin qamadii Giddugala Qorannoo Qonnaa Sinaanaatiin bahanii maasii qonnaan bulaa irra jiru qaamota adda addaa daawwachiiseera.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012

Recommended For You

5 Comments to “Teeknoolojiiwwan qonnaa dafanii qonnaan bulaa bira gahaa hinjiran”

  1. Pingback: Dan Helmer
  2. Pingback: sex gay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *