Finfinnee: Riifoormiin dinagdee biyya keessaamootummaan hojiirra oolchaa jiru imala badhaadhinaa Itoophiyaa milkeessuun biyyoota Afrikaa dinagdee guddaa qaban keessatti akka ramadamtu kan taasisuufi jiruufi jireenya ummata biyyattii kan jijjiiru ta’uu Ministeerri Maallaqaa beeksise
Ministir de’eetaan ministeerichaa, Doktar Iyyoob Takkaalliny ibsa Roobii darbe gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, mootummaan sagantaa fooyyessa dinagdee biyya keessaa qopheessee hojiirra oolchaa jira. Sagantichi ijifannoowwan waggoota darban gama dinagdeetiin galmaa’an bu’uura godhachuudhaan kan qophaa’e yoo ta’u, rakkoolee turan furuudhaan guddinni dinagdee ittifufiinsa qabuufi fayyadamummaa ummataa mirkaneessu akka jiraatu kan taasisuudha. Saganticha hojiirra oolchuun bajata guddaa waan gaafatuuf hojiin galiiwalitti qabuus sirnaan adeemsifamaa jiraachuu himaniiru.
Guddinni dinagdee itti fufiinsa qabu akka jiraatuuf sirna faayinaansii cimaa ijaaruufi rakkoolee qaala’ina gatii, hanqina sharafa alaa, kuufama idaa furaa deemuun barbaachisaa ta’uu kan himan Doktar Iyyoob, gama sirna faayinaansii ammayyeessuutiin Baankiin Biyyaalessaa hojiilee fooyyessaa hedduu raawwataa tureera. Baankichi rakkoolee sirna faayinaansii keessatti mul’atan furuufi imaammata maallaqaa ammayyessuuf hojiilee garagaraa raawwachaa turuus dubbataniiru.
Dinagdeen maaykiroo sagantaa fooyyessa dinagdee biyya keessaa kanaan xiyyeeffannaa guddaa argateera kan jedhan ministir de’eetichi, ministeerichiifi baankichi dhimmoota maaykiroorratti waliin hojjechaa jiru. Hojiin galii walitti qabuus akkaataa karoorfameen adeemsifamaa jira jedhaniiru. Hojmaata galii walitti qabuu hammayyeessuufis hojiilee hedduun raawwatamuusaanii himaniiru.
Kuufama idaa hir’isuuf dhaabbileen misoomaa mootummaa hojiilee filataman qofaafi jalqaban xumuruurratti akka xiyyeeffatan ta’eera kan jedhan Doktar Iyyoob, dhaabbileen misoomaa rakkoo qaban hedduunis akka of fooyyessan ta’uu ibsaniiru.
Yeroo dhiyoo as riifoormii dinagdee biyyattii utubuuf deggertoonni misoomaa keenya yeroo kaffaltii idaa dheeressuusaaniis himaniiru.
Hojiileen gama riifoormii tarsiimoo sirna loojistiksii, humnaafi telekomiitiin raawwataman dinagdee biyyattii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu himanii, omisha qonnaa biyyattii ammayyeessuufis meeshaaleen qonnaa ashuura malee akka galan ta’eera. Haaluma kanaan yeroo ammaa tiraaktaroonniifi kombaayinaroonni hedduun ashuura malee gara biyyaatti gala jiraachuu himaniiru.
Dameeleen manufaakchariingii, tuurizimiifi albuudaa guddina dinagdee biyyattii si’eessuu keessatti gahee irraa eegamu akka bahataniif rakkoolee gama kanaan mul’atan furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu kan himan Doktar Iyyoob, fooyyessi dinagdee qarshii guddaa waan gaafatuuf deggartoota misoomaa biyyoolessaa gara garaa waliin hojjechaa turreerra jedhan. Maallaqni kun harki caalu Baankii Addunyaafi Dhaabbata Maallaqa Addunyaarraa kan argamu ta’uu eeraniiru.
Deggartoonni misoomaa biroonis deggarsa maallaqaa waggaa dheeraadhaan kaffalamu taasisuudhaan riifoormii guddina dinagdee biyyattii kan deggeran ta’uu himanii, fooyyessi dinagdee biyyattii akkaataa karoorfameen kallattiisaa eegee adeemaa jiraachuu ibsaniiru. Fooyyessi dinagdee biyya keessaa kun karoora waggaa 10 mootummaan baasee hojiirra oolchaa jiru ta’uus himaniiru.
Sanadi karoorichaa baatii Amajjii dhufurraa eegalee ummatni akka irratti mari’atu ni taasifama kan jedhan Doktar Iyyoob, karoorichi biyyattiin imala badhaadhinaa qabattee biyyoota Afrikaa dinagdee guguddaa qaban keessatti akka ramadamtu kan taasisuufi jiruufi jireenya ummata biyyattii kan fooyyessuudha jedhaniiru.
Qaala’ina gatii gad buusuun, omishtummaa guddisuufi dhiyeessitii mirkaneessuun hojiilee ijoo gara fuulduraatti xiyyeeffannaan irratti hojjetaman ta’uus himanii, omishaalee zayitiifi qamadii biyya alaatii bitamanii gala jiran biyya keessatti bal’inaan omishuunis hojii xiyyeeffannaan irratti hojjetamu ta’uu dubbataniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Mudde 4/2012
3 Comments to “Riifoormiin dinagdee biyya keessaa imala badhaadhina Itoophiyaa kan milkeessuudha”