Pirojektiin jallisii lafa hektaara 100 misoomsu osoo hojii hin eegaliin waggoota afur guute

Qoshee: “Misooma jallisii iddoo biraatti hawwaa turre carraan nu ga’ee qe’ee keenyatti ijaaramuusaatiif gammachuun gaafasii har’as fuula kiyya duraa hinbadu.

Iddoon nuti jiraannu kun waqtii bonaatti hoo’iifi bubbeensaa hedduu kan nama rakkisu waan ta’eef, lagni guddaan tokko ganna baatee akka waan qe’ee keenya dhufeetti  abdiidhaan simannee turre.

Ijaarsi pirojektii jallisii kanaa akkuma xumurameen garuu waadaan dur nuuf galame hir’achaa, abdiifi hamileen keenyas gadi bu’aa dhufe.  Akkuma ijaarsichi xumurameen hanga tiraanisfoormeriin galutti beenzila bitannee akka fayyadamnu taasifame.  Boodarratti gatiin beenzelaa olka’aa dhufuusaatiin humna qonnaan bulaa qoruu eegale.   Bulchiinsi aanichaas baajatasaatiin hamma tokko deeggarsa taasisu itti fufuu dadhabamee osoo kudurri adda addaa maasii gubbaa jiru bishaanichi adda cite,  sanyiin hedduus gubatee abdiin keennas karatti hafe”    kan jedhu Obbo Miftaa Ahmad  qonnaan Bulaa aanaa Maaraqoo (Godina Guraagee)ti.

Humni ibsaa akka isaaniif galuuf waggoota afuriin dura kanfaltii barbaachisu kanfalanis hanga har’aatti qaama nuuf birmatu dhabne kan jedhan qonnaan bulaan kun, mootummaan afaaniin misooma labsaa qabatamaan immoo misooma gufachiisuun kun hedduu kan isaan mufachiise ta’uu dubbatu.

Yeroo qonnaan bulaan hundi gammachuudhaan gara misoomaatti galetti pirojektiin abdii guddaan eeggachaa turan osoo waggaa tokko hin tajaajille adda cituusaatti hedduu kan isaan komachiise ta’uu kan himan immoo qonnaan bulaa Tophii Qalbooroo,  yeroo hedduu aanarraa ka’ee hanga bulchiinsa naannichaatti deemanis qaamni deebii isaaniif kenne kan hin jirre ta’uu ibsu.

Tiraanisfoormarri har’a, boru isiniif gala jedhanii afaan duwwaadhaan osoo isaan gowwoomsanii waggootni afur darbuusaaniifi, hanga ammaatti garuu gaaffii kanarraa duubatti kan hin deebine ta’uu ibsu.

Komiin qonnaan bultootni kaasan guutummatti sirrii ta’uu kan mirkaneessan Bakka Bu’aan Bulchaa Aanichaa Maasrashaa Asaffaa,  aanichis yeroo heddu gaaffii kanaaf dhama’aa turus deebii quubsaa argachuu kan hin dandeenye ta’uu ibsu.

Humni ibsaas tiraanisfoormara dhiheessuudhaaf kanfaltii waggoota afur dura raawwatamaniin hanga ammaatti dhiheessuu dadhabuunsaa rakkoon bulchiinsa gaarii dhaabbatichaa ammas kan hin furamne ta’uu kan agarsiisu ta’uus dubbataniiru.

Gaaffiin kun hanga deebii argatutti garuu nuffii tokko malee kan itti adeeman ta’uus himaniiru.

Pirojektichi lafa hektaara 100 jallisiidhaan kan misoomsu ture.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012

Recommended For You

One Comment to “Pirojektiin jallisii lafa hektaara 100 misoomsu osoo hojii hin eegaliin waggoota afur guute”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *