Muka Xuurii: Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Waacaalee, Magaalaa Muka Xuuriitti ummata kuma 275fi 232 akka tajaajiluuf kan ijaarame Hospitaalli Muka Xuurii waldhabdee kontiraaktaraafi qaama hojjechiise jidduutti uumameen walharkaa fuudhiinsi waan hinuumamneef kenniinsa tajaajilaarratti dhiibbaa uumuun ibsame. Haalli ijaarsasaas mudaa qabaachuun himameera. Kontiraaktarri garuu hojii koo sirnaa bahadheera jedha.
Adeemsisaan hospitaalichaa Obbo Laaschaalawu Hayimaanot akka jedhanitti, ijaarsi hospitaalichaa bara 2005 eegalamee waggoota lama keessatti akka xumuramuuf waliigalame bara 2011 xumurame. Kanaanis walharkaa fuudhiinsi sadarkaa jalqabaas raawwatame. Walharkaa fuudhiinsa dhumaa raawwachuuf hojiileen hafan waan jiraniif kontiraaktarichi akka sirreessuuf irra deddeebiin itti himamus hinmilkoofne.
Kunis hojiirratti rakkoo uumuu eeranii, bakki bishaan itti kuufamu sirnaan waan hinhojjetamneef garri bishaanichi itti galu hinbeekamu, kanaanis hojjetoonni rakkachaa jiru, bishaan ga’aas argachaa hinjirru jedhan.
Bakka hanqinni bishaani jirutti ji’a ji’aan lakkooftuu bishaaniitiif qarshiin kuma jahaa hanga kuma sagalii kanfalamaa jiraachuuus eeraniiru. Yeroo roobaatti karaa qinaaxxii waan dhim’isuuf kunis kenniinsa tajaajilaarratti rakkoo uumaa jiraachuu dubbataniiru.
Addaan ciccituun humna elektirikiis rakkoo biraa ta’uu kan eeran adeemsisaan hojii kun, kanas kontiraaktarichaafi qaamolee sadarkaa naannootti jiraniif gabaasanis furmaata kan hinarganne ta’uu beeksisaniiru.
Bulchaan Aanaa Waacaalee Obbo Waldayohaannis Abarraa gamasaaniitiin ijaarsi hospitaalichaa yeroo karoorfameefii ol fudhachuu eeranii, walharkaa fuudhiinsi kan hinraawwatamne ta’uu himaniiru.
Ammaan tana ammoo rakkoon sarara bishaaniifi elektirikii jiraachuu ibsanii, kunis jiraattotaafi hojjettootatti komii uumaa jira jedhan. Rakkooleen kunniin akka furamaniif tattaaffiin taasifamus waan hinmilkoofneef walharkaa fuudhiinsi hospitaalichaa kan hinraawwatamen ta’uu dubbataniiru.
Akka ibsa bulchichaatti, Naannoo Oromiyaatti hospitaalonni 26 yeroo walfakkaataa keessatti ijaaramanii kan eebbifaman yoo ta’u, kan Hospitaala Muka Xuurii garuu kanaaf hincarroomne. Yeroofis ta’u hospitaalichi tajaajila kennaa jira.
Biiroo Fayyaa Oromiyaatti daarektarri Pirojektiifi Suphaa Obbo Moosisaa Asaffaa ammoo ijaarsi hospitaalichaa haala ijaarsawwan biroorraa adda ta’een kan hinarifanne jedhan.
Rakkoon sarara bishaaniif elektiriis furamuu eeranii, hanqinoota jiran sirreessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan. Kontiraaktarichi hojiisaa waan hinxumurreef kafaltiin qarshii miliyoonni afurii kan hinraawwatamne ta’uus himaniiru.
Adeemsistuun hojii kontiraaktara hospitaalicha ijaaree Aadde Hillinaa Mallasa gamasaaniitiin dhaabbannisaanii haaluma waliigalteetiin hojiisaa raawwachuufi walharkaa fuudhiinsa jalqabaa adeemsisuusaa ibsaniiru. Rakkoon sarara elektirikii wajjin walabatee uumameef dhaabbannisaanii kan hingaafatamne ta’uus eeraniiru.
Rakkoolee uumaman jedhamanis sirreessuusaanii ibsanii, dhaabbannisaanii waliigalteedhaan ala deemee hojiilee danuu raawwachuusaallee dubbatu. Kanaaf kontiraaktarichi dhimma isa hinilaalleen komatamuu akka hinqabnellee hubachiisan.
Hospitaalli Muka Xuurii lafa iskuweer kiiloo meetira kuma 48fi 400 irratti qarshii miliyoona 31 kan ijaarame yoo ta’u, lammiilee kuma 275fi 232f tajaajila kenna.
Kiflayohaannis Anbarbir, Gaazexaa Addis Zamanirraa
Suurri Daanyee Abarraatiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012
2 Comments to “Sababa waldhabdeetiin walharkaa fuudhiinsi Hospitaala Muka Xuurii hinraawwatamne”