Finfinnee Naannolee Oromiyaafi Amaaraa keessatti walitti bu’insa eenyummaarratti xiyyeeffatee mudachaa ture haala waaraa ta’een furuuf kallattii mootummaan kaa’e fudhatee koreen abbootii qabeenyaa Oromaaraa ji’uma kana keessa hundaa’eera. Jalqabbiin jirus dargaggoota Oromoofi Amaaraa gidduutti waliigaltee uumaa waan jiruuf abdii qabeessa ta’uu korichi beeksiseera.
Walittiqabduun korichaa Aadde Firee’alam Shibaabbaawu Kibxata darbe Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, koreen abbootii qabeenyaa ‘Oromaaraa’ nageenya waaraa buusuuf waamicha mootummaan taasiseef fudhachuun hojii keessa seeneera. Kanaanis dursee abbootiin qabeenyaa bebbeekamoo ummattoota lameenii dhimmootaa biyyattiirratti bal’inaan mari’achuutiin dhimma nageenyaarratti qoodasaanii bahachuuf waliigalteerra gahameeraa jedhan.
Koreen abbootii qabeenyaa miseensota 40 of keessaa qabu kun keessumaa dargaggootni ummata Oromoofi Amaaraa gaaffilee misoomaa, dimokiraasiifi seenaarratti qaban hunda walitti bu’iinsa tokko malee karaa nagaatiin akka dhiyeeffataniif kaayyeffatee hojjechuuf jalqabbiirra kan jiru ta’uusaa ibsaniiru. Hanga ammaattis abbootii qabeenyaa, dargaggootaafi ogeessota miidiyaalee ummattoota lameenii gidduutti waltajjiiwwan marii sadii qopheessuun danda’ameera jedhan.
Waltajjiiwwan sadeen kanarrattis korichi wayita walitti bu’insi uumamu dargaggootni karaa nagaatiin qofa akka furaniif, miidiyaaleen ammoo madda rakkoolee nageenyaa sirnaan erga hubatanii booda haala madaalawaatiin akka gabaasaniif, akkasumas odeeffannoowwan sobaa ittisuurratti walta’insaan akka hojjetaniif hubannoon uumamuusaas himaniiru. Hariiroon dheeraa ummattoota lameenii cimsuun murteessaa ta’uusaas hubachiisuun danda’ameera jedhan.
Naannolee lameen keessattis qabeenyi mootummaafi abbootii qabeenyaas yeroodhaa yerootti barbadaa’uurra darbee lubbuun lammiilees darbaa waan jiruuf walta’insaan ittisuun dirqama ta’uusaarrattis waliigalteen uumamuusaa ibsaniiru. Rakkoolee nageenyaa yunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti uumamaa jiran dhaabsisuufillee keessumaa dargaggootni qoodasaanii akka bahataniif waamichis dhiyaateera; tumsaan hojjechuufis waliigalameeraa jedhan.
Walittiqabaa Ittaanaan korichaa Obbo Bulbulaa Tolees gamasaaniin akka ibsanitti, walitti bu’iinsa eenyummaarratti xiyyeeffatee uumamaa jiru furuuf mootummaan abbootii qabeenyaa ummattoota Oromoofi Amaaraaf waamicha taasiseera. Kanaanis kallattiidhuma Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad kaa’aniin koreen tokko hundeeffamee hojii guguddaas hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Waltajjii dargaggoota ummattoota lameeniif qophaa’erratti gaaffileen hedduu kan ka’an yoo ta’u, keessumaa seenaan Itoophiyaa sirnoota darban keessa ture sabootaafi sablammoota biyyattii mara bakka bu’uu akka hindandeenye hubachuun danda’ameeraa jedhan.
Qoqqoodinsa qabeenyaafi taayitaa mootummaarrattis walshakkiin jiraachuusaa gaaffilee ka’anirraa hubatameera jedhanii, rakkoon kun mariin furamuu osoo qabu walitti bu’iinsi uumamaa ture dogoggora guddaa ta’uusaas beekameera.
Hojii dhabdummaan dargaggootaas bal’inaan jiraaachuunsaa rakkooleen nageenyaa akka uumamaniif sababa ijoo ta’uunsaas kan himame yoo ta’u , abbootiin qabeenyaa Oromaaraa furuu akka qabaniifis gaaffiin dhiyaachuusaa eeraniiru. Koreen abbootii qabeenyaa kunis keessumaa dargaggootaaf carraan hojii akka banamuuf kan hojjetu ta’uusaa waadaan seenamuu ibsaniiru.
Itoophiyaa haaraa ummattoota maraaf haadha taate uumuuf gaheen dargaggootaa olaanaa waan ta’eef, korichi itti fufiinsaan isaan waliin hojjetee biyyattii kan baraaru ta’uus ibsameera. Lammiileen martis waldhaggeeffatanii walta’insaan akka hojjetaniifis waamichi dhiyaateera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 20/2012
6 Comments to “Nageenya waaraa buusuuf jalqabbii koree abbootii qabeenyaa ‘Oromaaraa’”