Shawaa Kaabaatti warshaaleen simintoo, jibsamiifi burcuqqoo hojii malee dhaabataniiru

Muka Xuurii: Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaaa Kaabaa, Aanaa Waacaaleetti warshaaleen simintoo, jibsamiifi burcuqqoo qarshii miliyoonni 300 ol ittibahe hojii malee dhaachuunsaanii ibsame.Abbootiin qabeenyaa eeyyama fudhataniin hojjechuurra filmaatawwan biroo barbaaduu eegaluunsaanii eerameera.

Ittigaafatamaan Waajjira Aanaa Waacaalee Obbo Dirribaa Nagee Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaiif akka ibsanitti, warshaaleen kunniin waggoota dheeraa kan lakkoofsisan ta’us haala karoorfameen hojiisaanii raawwachuu hindandeenye.

Carraan hojii isaan uumanis gadaanaadha jechuun qeeqaniiru. Keessumaa warshaaleen simintoo, burcuqqoofi jibsamii Magaalaa Muka Xuuriitti argaman  haala yaadameen hojjechaa akka hinjirre  ibsaniiru. Sababuma kanaan hojjettootasaanii kan bittimsan yoo ta’u, ammaan tana omisha dhaabuusaaniis beeksisaniiru.

Akka ibsa ittigaafatamtichaatti, warshaaleen kunniin jiddugalaan umrii waggaa 10 hanga 15 kan qaban yoo ta’u, qarshii miliyoona 300 oltu itti bahe. Biyyaafis faayidaa malu argamsiisaa hinjiran. Rakkoosaanii furatanii hojiitti akka seenaniif yoo deggarsi taasifameefillee mikaa’oo miti.

Bulchaan Aanaa Waacaalee Obbo Waldayohaannsi Abarraa gamasaaniitiin, ijaaramuun warshaalee kanneenii ummata gammachiisee akka ture eeranii, ta’us hojii malee waggootaaf dhaabachuusaanii beeksisaniiru. Kanaanis warshaaleen kunniin ibsama rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uun ummataan komiin irratti dhiyaachaafi aanicharrattis dhiibbaa uumaa jiraachuu ibsaniiru.

Ittigaafatamtuun Waajjira Invasimantii Godina Shawaa Kaabaa Aadde Asteer Zawudee akka jedhanitti, warshaaleen kunniin hojiitti akka seenaniif aanaadhaa hanga naannootti deggarsi taasifamus milkaa’uu hindandeenye. Kana booda warshaalee hojiitti hinseenneef obsi hinjiraatu.

Waardiyyoonni warshaalee kanneenii gamasaaniin abbootii qabeenyaa warshaalee kanneenii sirnaan akka  hinbeekneefi yeroowwan adda addaatti namoonni gara garaa mul’atanii akka deeman beeksisaniiru.

Daballiin mindaas ta’e faayidaaleen biroo kan isaaniif hintaasifamneefi hineegamne ta’uus eeranii, mindaansaanii akkaawuntiisaaniirratti galuufi malee eenyu akka kanfaluuf akka hinbeekne ibsaniiru. Qabeenyi warshaalee kanneen keessatti armanis roobaafi aduudhaan manca’aa jira jedhaniiru.

Kiflayohaannis Anbarbir Gaazexaa Addis Zamanirraa

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

2 Comments to “Shawaa Kaabaatti warshaaleen simintoo, jibsamiifi burcuqqoo hojii malee dhaabataniiru”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *