Ittifayyadamaa dawaa wallaaluun namoonni kuma 700 ol waggaa waggaan du’u

  • Itoophiyaattimmoo guyyaan du’aatii namoota  85f sababadha  jedhameera.

Xiinxallii Oduu

Dhibeewwan ilmaan namaa huban maqsuuf tajaajilli kenniinsa dawaalee ammayyaa waggota 80 dura jalqabus itti fayyadamasaarratti hojiin hubannoo uumuu laafaa ta’uusaan akka addnuyaatti namoonni kuma 700 ol waggaa waggaan akka du’an bu’aan qorannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa nimul’isa.

Dhumaatiin kun irri jireessisaa biyyoottan Eeshiyaa fi Afrikaa keessatti kan heddummaatu ta’uu ragaan qorannoo kun ibsus keessumattuu Afrikaan daran hubamaa jiraachuus nimul’isa.

Dhimmi kun yeroorraa yerootti yaaddoo biyyoottan guddinarra jiranii ta’aa dhufuusaan hojiin hubannoo uumuu akka addunyaatti kennamaa kan jiru yoo ta’u Itoophiyaanis dhimma kanarratti hojjetaa jirti.

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaas dhimmichi yaaddessaa ta’aaa dhufuusaa itti fayyadama dawaaleerratti  hojii hubannoo  uumuu akka addunyaatti kabajamaa jiru sababa godhachuun sadaasa 8-12 qaamota dhimmisaa ilaallatu waliin finfinneetti gaggeessaa jira.

Marii kanarrattis hojiin hubannoo uumuu itti fufiinsaan kennamuu baannaan egeree lammiileef yaaddoo guddaa ta’uu ka’eera.

Abbaa Taayitaa Nyaataaf Qorichaa Itoophiyaatti Gorsaa kan ta’an Obbo Wandee Alamuu itti fayyadama dawaalee Itoophiyaa keessatti hojiirra oolaa jiru ilaalchisuun dubbii dubbataniin namoonni hedduu osoo hin sakatta’amiin dawaa fedhan gabaarraa bitatanii fayyadamaa jiraachuu kaasu.

Dhibamaan madda rakkoosaa qorannoo fayyaan osoo hin bariin akka fedhe lafa barbaaderraa bitee fayyadamuunsaa du’aaf isa saaxilaa jira kan jedhan Obbo Wandeen inni gurgurus inni bitus gocha akkasiirraa of qusachuu akka qabu himaniiru.

Balaa itti fayyadama dawaa wallaaluun dhufu kanaaf ogeessi yaalaa,kan dawaa gurgurus ta’e kan bitee fayyadamu itti gaafatamummaa kan qaban ta’uu Obbo Waandeen kaasu.

Kun kan ta’efis ogeessi yaalaa adeemsa ogummaansaa hin eeyyamneen qorannoo gahaa ta’e osoo hin gaggeessiin dawaa itti fakkaate wayita ajaju lubbuu lammiilee miidhaa akka jiru hubachuu akka qabu Obbo Wandeen dubbatu.

Rakkoo gahumsaanis haata’u ilaalcha maal nadhibdeen gochaan hamaa akkanaa lubbuu lammiileerratti aggaamu sirrii akka hin taaane Gorsaan kun himaniiru.

Kanamalees ogeessi fayyaa dawaa gurguru ajaja mana yaalaan ala gurgurtaa qorichaa raawwachuun madda dhibee kanaa isa lammaaffaa akka ta’e kaasaniiru.

Bakka warqaan ajaja yaalaa hin jirretti dawaan akka midhaanii akka feeteen gurguramu balaa lubbuu akka ta’e kan himani Obbo Wandeen gochichi yakka itti gaafatamummaa jalaa nama hinbaasne ta’uu dubbataniiru.

Rakkoon itti fayyadama qorichaa wallaaluun dhufu rakkoo hawaasummaa,dinagdee fi siyaasaa qabatee kan deemu ta’uu Deetaan Ministira Fayyaa Dr Liyaa Taaddesee dubbatu.

Rakkoon kun lubbuu lammiilee dhabamsiisuun alatti hawaasa hafeef rakkoo hawaasummaaf dinagdee kan dabalu akka ta’e Dr Liyaan kaasaniiru.

Akka ibsa Dr.Liyaatti rakkoo dinagdee mudatuun hawaasni dhibeelee sasalphaa yaalamee fayyuu dandahu kan ittiin of yaalu dhabuun fi rakkoo nyaataa dabalataan dhufuun duuti qaqqabuu dandaha.

Itti fayyadama dawaalee wallaaluun dhibee daddabalamaa dhufu kana jalaa lammiilee baraaruuf ogeeyyonni fayyaa waadaa ogummichaa eeguu akka qaban Dr Liyaan dubbatu.

Kun kan ta’eefis ogeeyyonni fayyaa rakkoo naamusaa qaban jiraachuu kan himani Dr.Liyaan qoricha yeroon itti darbee fi ogeessa yaalaa seera qabeessaan  hin ajajamne gurguruurraa of qusachuu qabu jedhaniiru.

Dafanii fayyuuf jecha akaksumas ajaja walalluun qoricha humnaa ol fudhatamuun lammiileen du’aa jiran hedduu ta’uu Dr Liyaan yoo kaasan dhimmichi ammallee yaaddessaa ta’uu dubbatu.

Akka ibsa Dr Liyaatti qorichi namaaf beeladaallee osoo addaan hinbaane tajaajila kennuu qabuun alatti ooluusaarraa kan ka’e lakkoofsi namoota du’anii yeroorraa yerootti akka dabaluuf sababa ta’eera.

Kanaafuu ajaja ogeessa fayyaa hordofuufii dawaa seera qabeessaa yeroon itti hindabarre bitachuun of baraaruu ta’uu dhaamaniiru.

Itti fayyadama dawaaleerratti hubannoo hawaasni qabu daran laafaa waan ta’eef hojiin dadammaqinsaa itti fufiinsaan laatamuu qaba kan jedhan immoo Daariktara Ol’aanaa Abbaa Taaytaa Nyaataaf Qorichaa Itoophiyaa Aadde Heeraan Garbaati.

Akka ibsa Aadde Heeraanitti Itoophiyaan gama kanaan daran hubamaa kan jirtu yoo ta’u xiyyeeffannoon dhimmichaaf kennamuu qabu hin kennamiin jira.

Kunimmoo duuti  akka malee akka baay’atu taasisaa jira kan jedhan Aadde Heeraan sosochiin hubannoo uumuu amma jalqabame kun hanga sadarkaa gandaatti gadi akka bu’uu qabu dubbatu.

Sosochiin kun bu’a qabeessa akka ta’uuf dhaabbileen miidiyaa,ogeeyyiin fayyaa,hawaasnii fi qaamoleen dhimmisaa ilaallatu qindoominaan yoo socho’uu baatan egeree Itoophiyaanotaaf balaa akka ta’e Daarektarittiin kaasaniiru.

Akka bu’aan qorannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa ibsutti duuti itti fayyadama qorichaa wallaaluun akka addunyaatti qaqqabaa jiru xiyyeeffannoo argachuu baannaan kan dabalu ta’uu mul’isa.

Akka raaga bu’aa qorannichaatti bara 2050tti lakkoofsi namoota itti fayyadama dawaa wallaaluun qaqqabuu kuma 700rraa gara miliyoona 10tti kan guddatu ta’uu eereera.

Duuti kunis irra jireessaan biyyoota guddinarra jiran Itoophiyaa dabalatee gaaga’ama lubbuu,hawaasummaa,dinagdee fi siyaasaa qaqqabsiisuu waa danda’uuf gamanumaa irratti hojjetamuu akka qabu akeekkachiisa.

Qaamonni dhimmisaa ilaallatuu fi miidiyaaleen duula dadammaqinsaa kana finiinsuun aantummaa lammiif qabu agarsiisuun lammii oomishaaf nagaa qabu horachuuf tumsuu akka qaban qorannichi mul’isa.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012

Recommended For You

2 Comments to “Ittifayyadamaa dawaa wallaaluun namoonni kuma 700 ol waggaa waggaan du’u”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *