Boqojjii: Arsiin akkuma hayyootaafi qabsaa’ota hedduu qabdu midhaan nyaataa akaakuuwwan addaddaa omishuutiinis beekamtuudha. Atileetota bebbeekamoo Oromiyaa bakka bu’uurra darbanii alaabaa biyyattii addababayii addunyaatti mirmirsanis horachaa kan turteefi jirtuudha.
Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa, Obbo Dhaabaa Dabaleetiin durfame Kibxata darbe Godina Arsii aanaalee Loodee Heexosaafi Daawaa Bursaatti argamuun sassaabbii omisha qonnaan bultootaa daaw’ateera. Qonnaan bultootni aanaalee lameeniis karuma nagayaan omishasaanii sassaabbachaa jiru.
Obbo Dhugumaa Guutaa Aanaa Heexosaatti jiraataa Ganda Seeruu yoo ta’an, miseensa waldaa hojii gamtaa qonnaan bultoota Heexosaati. Kanaan dura dhuunfaa isaaniitiin hojjechaa turaniyyuu omisha callaa haala quufsaadhaan argachaa hinturre. Waggoota sadii as garuu waldaa hojii gamtaa keessatti waan gurmaa’aniif omisha qonnaarraa bu’aa barbaadamu argachaan jira jedhu.
Akka kilaastarasaaniittis hektaara tokkorraa omisha midhaanii hanga kuntaala 45 argachaa kan turan yoo ta’u, barana ammoo kuntaala 60 ni argama jedhanii abdiin sassaabbachaa akka jiran himaniiru. Haalli nageenya Aanaa Heexosaas sassaabbii midhaaniif mijaawaa ta’uu dubbataniiru.
Dargaggoo Hundee Tashoomaa ammoo Aanaa Daawaa Bursaatti jiraataa Ganda Leemmuufi Bilbiloo yoo ta’u, kilaastara waldaa hojii gamtaa qonnaan bultootaa keessatti gurmaa’uun akaakuuwwan midhaanii kanneen akka qamadii, baaqelaafi garbuu omishaa akka jiran dubbata.
Erga maatiisaa waliin kilaastara waldaa hojii gamtaa aanichaa keessatti gurmaa’uun hojjechuu jalqabanii kaasees jireenyi keenya daran fooyya’eera jedha. Omishni baranaallee kan baroota darbaniirra ija gaarii godhachuun waan gaheef walta’insaan sassaabbachaa akka jiran dubbateera.
Haalli nageenya gandaasaaniis ta’e aanichaa sadarkaa gaariirra jiraachuun sassaabbiin omisha midhaanii yeroodhaan akka xumuramuuf isaan gargaaraa akka jiru himeera. Qonnaan bultootni godinaalee Oromiyaa martis akkumasaanii yeroodhaan omishaasaanii sassaabbachuu akka qaban dhaameera.
Jibriil Kadir ogeessa qonnaa Aanaa Heexosaa yoo ta’u, qonnaan bultoota waldaa hojii gamtaa keessatti gurmaa’aniif deggarsa ogummaa taasisaa kan tureefi jiraachuusaa dubbata. Kanaanis haala itti fayyadama sanyii filatamaa, xaa’oofi teknolojiirratti qonnaan bultootaaf hubannoo gahaa kennaa turuu ibseera.
Haalli naagenyi aanichaa kanneen aanaalee godinichaarra fooyyee waan qabuuf omisha midhaan baranaa nagayaan sassaabamaa akka jirus dubbateera. Jiraattotnis qabsoo karaa nagaa waliin misoomarratti duulaa jiru jedha.
Hogganaan Biiroo Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee yaada kennaniin Arsiin karaa nagayaan omishasaa yeroon sassaabbachaa jiraachuusaattis guddaa gammaduusaanii ibsanii, kunis godinaalee Oromiyaa birootiif fakkeenya ta’uu kan qabuudha jedhan.
Qonnaan bultootni godinaalee Arsiifi Arsii Lixaa waldaalee hojii gamtaa keessatti sirnaan gurmaa’anii hojii qonnaa hojjechaa waan turaniif jireenyasaanii fooyyeffachaa akka jiran ibsaniiru. Kunimmoo dinagdee biyyattii utubaa waan jiruuf, caalaatti teknoloojiitiin deggaruuf biiroonsaanii mootummaa federaalaafi dhaabbilee deggartootaa waliin hojjechaa akka jirus himaniiru.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012
9 Comments to “Arsiin omishasaa nagayaan sassaabbachaa jira”