Finfinnee: Dirreen siyaasa Itoophiyaa dhaabbilee barnootaa olaanaa keessumaa ammoo yunivarsiitiiwwan mootummaa seenuun barattoota bitaafi mirgasaanii hinbeekne gidduutti walitti bu’iinsa eenyummaa uumuun hammaachuu erga eegalee waggoota sadii lakkoofsisuuf deema.
Yunivarsiitii Arsiitti barsiisaafi qorataan garaagarummaa ykn heddummina eenyummaa Doktar Roobsan Margoo akka ibsanitti, Itoophiyaatti walitti bu’iinsi eenyummaa keessumaa sabummaarratti xiyyeeffatee uumamaa jiru sadarkaa yaaddessaarra gaheera.
Barattootni siyaasa keessatti qooda tokkollee hinqabne lubbuusaanii dhabuun aarsaa hinmalle kaffalaa jiru. Kunimmoo yeroodhaa yerootti yunivarsiitiiwwan mootummaa keessatti daran babal’achuun sabootaafi sablammoota biyyattii gidduutti walamantaan akka hinjiraanne taasisaa jira jedhan.
Jireenya guyyuu lammiilee miidhuunis guddina hawaas dinagdee biyyattii quucarsaa akka jiru ibsan. Kanarraa kan ka’e siyaasni boca hinqabne yunivarsiitii seenuun maatii barattootaa, ogeessotaafi hoggantoota barnootaatti bowwoo ta’aa jira.
Akkuma addunyaattuu dhaabbilee barnoota olaanaa keessatti walitti bu’iinsi sabummaarratti xiyyeeffate ni uumama kan jedhan Doktar Roobsan, tooftaan biyyootni kanneen akka Ispeen, Ameerikaa (USA)fi Biraazilfaa itti furan garuu kan Itoophiyaarraa adda ta’uu himaniiru.
Biyyoota kanneenitti paartiileen siyaasaa yunivarsiitiiwwan keessatti walitti bu’iinsi eenyummaa akka uumamuuf harka lafa jalaatiin socho’uu kan hindandeenye yoo ta’u, Itoophiyaatti garuu kun calaqqisaa jiraachuu ibsu. Mootummaanis maqaa ‘dirree siyaasaa bal’isuu’ jedhuun tarkaanfii fudhachuurraa duubatti deebi’aa tureera jedhan.
Kunimmoo siyaasni cigaasisaan daangaasaa darbee hojii baruu barsiisuu dhaabbilee barnoota olaanaa gufachiisaa jira; lubbuu barattootaafi qabeenyas mancaasaa akka jiru addeessan.
Siyaasni cigaasisaan daangaa darbee yunivarsiitiiwwan mootummaa goolaa jiru kun yeroodhaan furamuu qaba kan jedhan Doktar Roobsan, mootummaan qaamolee yunivarsiitiiwwan keessatti walitti bu’iinsa sabummaa uumaa jiran qoratee adda baasuun tarkaanfii fudhachuu akka qabu gorsu. Ogeessotniifi hoggantootni barnootaas dhaabbileen barnootaa wiirtuu qo’annoofi qorannoo akka ta’aniif ciminaan hojjechuu qabu jedhan.
Akka ibsa Doktar Roobsanitti, siyaasni bocmaleessiifi cigaasisaan yunivarsiitiiwwan mudachaa jiru sababa humnoota olaantummaa siyaas-dinagdee barbaadan lameenirraa kan maddeedha. Kunis humnoota sirna federaalizimii leellisaniifi qaamolee sirna durii deebisuuf halkaniifi guyyaa warraaqan gidduutti falmii taasifamaa jiruudha jedhan.
Sosochiin gama leellistoota sirna duriitiin godhamaa jiru keessattuu eenyummaa sabootaafi sablammoota biyyattii lammata awwaaluuf kan kaayyeffate waan ta’eef balaa guddaa geessisaa akka jirus ibsaniiru. Yeroodhaa yerootti nagaafi tasgabbiin guutummaa biyyattiitti akka hinmirkanoofneef wixxirfachuurratti argamu jedhanii, callisuun furmaata akka hintaane hubachiisan.
Qaamoleen kunneenis Itoophiyaan biyya saba tokkoon ijaaramtee har’a geesse akka hintaane hubachuu qabu jedhanii, walqixxummaa ummattootaa mirkaneessuudhaan biyyattii ceesisuun murteessaadha. Kana gochuufis sirna bulchiinsa federaalizimii dhugaa qajeelchuufi lafa qabsiisuun hojii dursi kennamuufii qabudhas jedhan.
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Wallaggaa Doktar Hasan Yusuuf gamasaaniin akka jedhanitti, maddi walitti bu’iinsa yunivarsiitiiwwanii tuttuqaa siyaasaarraa kan madde waan ta’eef mootummaan qorannoodhaan adda baasee to’achuu qaba. Qaamoleen mooraa yunivarsiitiiwwaniitti jeequmsa uumuuf ajaja kennaa turaniifi jiranirrattis tarkaanfii madaalawaan akka fudhatamus gaafataniiru.
Walitti bu’iinsa yunivarsiitiiwwan mudachaa jiran furuufis barattoota naannoo irraa dhufanitti ramaduun furmaata waaraa akka hintaane himanii, hariiroo ummattootaa cimsuun murteessaa ta’uu yaadachiisan. Hundarra ammoo boca siyaasa Itoophiyaa qajeelchaa deemuun filatamaadha jedhan.
Pirezidaantiin Yunivarsiitii Gondar Doktar Asiraat Astadawayinis yaaduma hayyoota kanneenii kan cimsan yoo ta’u, keessumaa qaamoleen marsaalee hawaasaatiin walta’insa ummattootaa diigan gochasaaniirraa of qusachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Barattootnis kaayyoosaanii dagatanii meeshaa siyaasaa ta’uu akka hinqabne hubachuu qabu jedhan. Kutaaleen hawaasaa martis walitti bu’iinsa eenyummaarratti xiyyeeffatee mudachaa jiru ittisuuf gaheesaanii bahachuu akka qaban gaafatameera.
Takkaalliny Gabayyootiin
Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 13/2012
3 Comments to “Bocmaleessa siyaasa yunivarsiitii walta’insaan dhaabsifamuu qabu”