“Miirri Itoophiyaanummaa sobaa naa liqimfamuu didnaanin Oromummaatti deebi’e” -Artisti Lij Yaareed

Oromoon waadaa hinganu, imaanaa hin nyaatu aadaafi duudhaa safuu ganama ittiin guddate waan ta’eef saba ofiirra darbee  ormaaf abbaa harmaafi abbaa guddifachaa ta’ee dhalasaatiin qixa kunuunsee guddisa.

Oromoon saba guddaaf bal’aa jiraachuu Itoophiyaatiif bu’uura ta’e yoo ta’u, baroota dheeraaf Itoophiyaaf malee ofiif jiraatee hinbeeku.

Namoonni miira Itoophiyaanummaa sobaatiin deeman garuu lammii ajjeesaafi ajjeessisaa, biyya gurguraa, seenaa dhugaa dabsaa, gootummaansaanii osoo hinbeekamiin faacha gootaa uffachaa turaniiru.

Keessumaa bara weerara xaaliyaanii adda durummaan kabajamuu Itoophiyaaf aarsaaf wareegama qaalii kaffalan ilmaan Oromoo ta’anis maqaa kiristinnaa itti moggaasuun Oromummaa mulqaa Habashummaa haguugaa turaniiru.

Baruma sana waraanni Xaaliyaanii Giraaziyaaniidhaan durfamu hokkara Finfinnee keessatti kaaseen Itoophiyaanonni Itoophiyaanummaasaanii akka gananiifi Xaaliyaaniif akka gabroomaniif Abuna Pheexiroos ykn Magarsaa  Badhaasaa ajaja akka dabarsan dirqisiifamaa turaniiru.

Abune Pheexiroos Ajaja Giraaziyaanii kana fudhachuu diduurra darbanii ummanni Itoophiyaa marti Xaaliyaaniif akka hinjilbeeffanne wayita ajaja dabarsan rasaasaan reebamanii akka ajjeefaman murteen itti darbeera.

Ajjeechaa Waxabajji 21/1931 Abuna Pheexiroosirratti raawwatame Giraaziyaaniin haa ajaju malee sammuusaanii rasaasaan reebanii kanneen ajjeesan ilmaan of tuultotaa Itoophiyaaf nutu beeka jedhan Baandaawwan (jala deemtotaaf)  Xaaliyaaniin leenjiseefi biyyattii gara kaabaarraa dhufan akka ta’e Looreet Tsaggaayee Gabramadin Qawweessaa walaloosaa “Saqooqaawu Pheexiroos” jedhu keessatti katabeera. Oromoon ilmaan galtuufi gantuutiin maqaa Itoophiyaanummaa sobaan daldalaniin dhume kitilatti waan lakkaawamuuf seenaaf dhiisneerra.

Artisti Lij Yaareedis Itoophiyaanummaa sobaa akkanaan socho’uurra Oromummaa dhugaa wayya jedhee hojii aartii Oromootti kan bobbahe yoo ta’u, gaafdeebiin Gaazexaan Bariisaa isa waliin taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Artisti Lij Yaareed eenyu, haalli guddinasaafi maatiisaa maal fakkaata?

Lij Yaareed: Artisti Lij Yaareed ilma Oromoo, Magaalaa Finfinnee bakka Markaatoo jedhamutti dhalatee guddateefi yeroo dheeraaf Oromummaakoo dhaalamee hojii komedii Afaan Amaaraatin hojjechaa tureedha.

Hojii komedii hojjechuun nama jiruusaa hinbeekne bakka deemetti baacaa oolu godhanii kanneen ilaalan jiraatanis ani aartii komedii keessatti hojiikoo ijoo haalaanan bahachaa ture.

Wayita kana sosochiin ani taasisu miira Itoophiyaanummaa dhugaatiin ta’us irri jireessi namootaa Itoophiyaanummaa sobaa golgachuun sosocho’aa waan jiraniif akkan dammaquuf nagargaareera.

Itoophiyaanummaan sobaa nama ajjeessisuun alatti bu’aa inni namaaf buusu hinjiru. Kanaatu Oromummaa dhugaa akkan filadhu eenyummaa koottis akkan boonu walqixxummaa sabaafis akkan dhaabadhu na taasise. Gabaabaatti ani Artisti Lij Yaareed aartii, aadaa, uumamaafi naannawa bareecheen jaaladha; ittis na bohaara. Gaa’elas dhaabbadhee abbaa intala tokkooti.

Bariisaa: Oromummaafi Itoophiyaanummaa akkamiin madaaltaree?

Lij Yaareed: Itoophyaanummaan dhugaa walqixxummaa sabaafi sablammiirratti ijaarame deeggara. Kanaan alatti miira fakkeessummaatiin ilaalcha of tuultotaa durii leellisuurra Oromummaa koo ganamaatti boonuun saba biraas kabajee jiraachuun filannoo kooti.

Tokko tokko Itoophiyanummaa yoo ibsu biyya sirba iskistaa qofaan beekamtu ,biyya afaan tokko dubbattu qofa godhee ibsa. Inni kun nama burjaaja’aa, hindammaqiin jiruudha.

Itoophiyaan haadha ilmaan sabaafi sablammii 83 hammattee jirtu taatee isa kaan mootii isa kaanimmoo jalee gootee ilmaan gargar baaftee kan guddistu osoo hintaane wal qixa kan kunuunsitu ta’uutu irra jiraata. Itoophiyaanummaa dhugaan yoo sana mirkanaa’a.

Sabni Oromooo saba waadaa hin nyaanne imaanaa hindaganneefi gaafa xiiqiis saba addasaa laatu waan ta’eef ittan boona.Miirri kun nakeessa buluusaan amma hojii aartii Oromoottin deebi’ee jira.

Bariisaa: Oromummaa dhugaan siif maali?

Lij Yaareed: Oromummaa dhugaan naaf keessoo dhiigakooti. Kanas gaafan jedhu Oromoon dhala namaa mitii bineensa bosonaa, lageeniif, bosonaaf, gaarreewwaniif walumaagalatti saba uumama dacheerraa maraaf safuu waaqaafi lafaa qabuudha.

Safuu kana dhandhamee waanin guddadheef Itoophiyaanummaa sobaa ofirraa baaseen Oromummaa dhugaa aadaa hammachuu nabarsiise caalaatti cimsuun bineensa bosonaa madaqsee addunyaa haaraatti makeera.

Bariisaa: Itoophiyaanummaa dhugaa akkamiin ibsita?

Lij Yaareed: Itoophiyaanummaan dhugaa walqixxummaan sabafi sablammii kan keessummeessitu taatee wayita argamtu naaf dhugooma. Hojii aartii wayitan hojjedhutti kutaalee kibbaa Mursiifi Hamarfaa keessa seenee aadaafi duudhaasaanii dhandhamee argeera.

Aadaa boonsaa qabu ta’us saboota Itoophiyaan dagatte ta’uusaanii wayitan argutti nan gadda. Kanaaf Itoophiyaa saba tokkoof dhaabattu osoo hintaane kan saba bal’aaf dhaabatte hanga hinagarretti ilaalchi fakkeessanii buluu naaf ta’uu dideera.

Bariisaa:Itoophiyaan kabaja walqixaa ilmaansheef laatti jettee yaaddaa? Agarsiistuun kee maali ?

Lij Yaareed: Kkk… na kofalchiifte. Dura siif kaaseera bartee keessummaa kabajuun akkuma jirutti ta’ee Itoophiyaan ilmaanshiif  tajaajila walqixaa kennuu keessatti hanqina guddaa qabdi.

Hojii komedii cinaatti gara aartiitti akkuman darbeen haala hojii koof hudhaalee jiran tokko tokko akka naa furaniif gara waajjiraalee mootummaa federaalaatti diddeebi’aa wayitan turetti hooggantoonni bakka naaf laatan hinturre.

Irra deddeebi’een dhaqus dhimma koof furmaata waaraa namni naa kennu hinargamne. Wayituma ijaan na argan natti kolfu. Akka nama dhimmamaa hintaanee, guyyuu guutuu baacaa ooluutti na lakkaa’u.

Egaa aartiin waan baay’ee nama barsiisaatii waanan godhu dhabnaan faranjoota biyya alaarra daaw’annaaf dhufan qabadhee socho’uu wayitan jalqabutti, ‘nooraa maal isin gargaarra’ kan jedhu kumaatama ta’ee argame.

Itoophiyaanummaan sobaa ilmaansaaf kabaja hinlaanne akka ta’eefi faayidaa dhuunfaaf jecha ormaaf kan jilbeeffatu akka ta’e adda baafadheen gaaf sanaa kaasee ejjennoon koo gara Oromummaa dhugaatti akkan naanna’u nataasiseera.

Itoophiyaanummaan sobaa kun yoo ilaalte waan gaggaarii biyyaaf tolu osoo hintaane kan namoota muraasaaf tolu filata.

Kanaaf qeerroo bilisummaa dhugaa dhiigasaatiin fide akka humna jeequmsaatti lakkaa’uu, humnoota gabroomfataa sirna durii leellisanimmoo akka tarkaanfachiisoof seenessa dhugaatti kaasuu barbaaddi. Kun dogoggora golgaa Itoophiyaanummaa sobaa uffatamee deemamu waan ta’eef naa hinliqimfamu.

Bariisaa: Oromoon akkamiin sisimateree? Amma haalli hojii kee siif mijateeraa?

Lij Yaareed: Oromoon ilmaansaas kan ormaas hammatee kunuunsee ija tokkoon ilaalee saba jiraachisuudha. Sosochii hojii aartii koofis deeggarsi barbaachisaa naa taasifameera. Dheebuu aartiifi aadaa Itoophiyaanummaa sobaa keessatti roora’aan ture amma dhandhameera jechuu nan danda’a.

Bariisaa: Hojii akkamiitu si gammachiisa, kennaan kee hoo?

Lij Yaareed: Ani dur hojii komedii qofaanin beekama. Yaata’uutii uumamumaan hojii aartii muuziqaa, fakkii kaasuu, bineensa bosonaa madaqsuu, naannawa bareechuu, biqiltuu dhaabuufi leenjii aartii kennuu, qeerroo ormi balaaleffatu  waliin hojjechuu gonfadheera.

Bariisaa: Hojii komediin alatti aartii maal maalfaa hojjetteetta?

Lij Yaareed: Biyya keessaafi alatti fakkiiwwan ajaa’ibsiisoo gara garaa kaasee itti badhaafameera. Kun ta’us fudhatamummaa aartistiin biyya keessaa mootummaa biratti qabu gadi bu’aa ta’us biyya alaatti badhaafameera.

Akka biyyaatti paarkii ‘Andinnat’ Masaraa Mootummaa keessatti ijaarame kan hojjete artistoota alaati. Artistiin kanaaf gahumsa qabu Itoophiyaa keessa hindhibne garuu ilaalcha Itoophiyaanonni waliif qaban ammallee hir’uu ta’uu kan  agarsiisuudha.

Kun ta’us akkuma “Ergamaan biyyasaatti kabaja hinqabu” jedhamu Itoophiyaa keessatti dagatamus gahumsa aartii ganama horadheen biyya Ameerikaa Jaaksan Misisippiirratti fakkii daandiifi naannawa miidhagsuu haalaan hojjedheen badhaasaafi waraqaa ragaa furadheera.

Miidiyaaleen gara garaa hojii koo kana arganis gaaffiifi deebii naa taasisaniiru. Uwwisni miidiyaa naa kenname beekamtii koo daran cimseera jechuu osoo hintaane hojii boonsaa hojjedheen ragaa kan naa ta’uudha.

Gabaabatti Itoophiyaan guddina aartii biyya keessaa tarkaanfachiisuufi ogummaa fakkii babal’isuu keessatti ammallee biyya duubatti harkifataa jirtu waan taateef ilmaanshee caalaa biyya alagaaf gurra laattuudha.

Hayyoonni hedduu biyyattii biyya keessatti kabajaaf fudhatamummaa dhabuusaaniin biyyaa bahanii ogummaawwan gara garaatiin biyya hambaa ijaaraa, jireenyasaanii gaggeessaa kan jiran waan ta’eef fuulduratti xiyyeeffannoo argachuun isaanirra jiraata.

Bariisaa: Hojii aartii amma itti jirtu kanaaf haalli mijataa sii uumame jiraa laata?

Lij Yaareed: Yeroo ammaatti sosochii mootummaan naannoo Oromiyaafi bulchiinsa magaalaa Buraayyuu gama kanaan naa taasisaniin bakka hojii argadheera. Bakka hojii kana keessattis bineensa bosonaa madaqsuu, fakkiiwwan gootota Oromoo seena qabeessa ta’an kaasuu, addunyaa aartii dhugaa babal’isuuttan jira.

Bariisaa: Bineensota akkamii madaqsaa jirta? Maaliifis madaqsaa jirta?

Lij Yaareed: Bineensota bosonaa kanneen akka jaldeessaa, waraabessaa, jawweefaa madaqseen jira.

Kanamalees jaldeessiifi jawwee ani leenjii kenneefii hojiilee aartii fiilmiifi kiliippii sirbootaa keessatti qooda akka fudhatan taasisuu danda’eera.

Fiilmiiwwan ‘Faaraawu’ jedhamu kanaan dura bineensota kana waliin hojjetameen hojii jajjabeessaan galmaa’ee jira. Keessumattuu jaldeessi ‘Faaraawu’ jedhamu kiliippii sirba irreechaarratti qooda fudhataa ta’uun miidhagina kiliippichaa daran akka dabalullee taasisee jira.

Kun hunduu aadaa hammachuu, kunuunsuu, guddisuu, namoomsuu Oromoon itti dhalateefi itti guddate waan ta’eef milkaa’ina bareedaa qabaateera.

Kana malees afaanota Oromoo, Ingiliffaafi Amaariffaan jechoota tokko tokko barsiiseen jira. Sosochii gama kanaan taasisaa tureen bu’aa jajjabeessaa galmeessiseera. Daaw’attoonni biyya keessaa hedduunis dhufanii hojiikoo kana ilaalaa jiru.

Irra caalaa galiif osoo hintaane duudhaafi aadaa Oromoo barsiisuuf waanan hojjedhuuf bu’aan argames argamuu baates itti quufinsikoo duubdeebii jajjabeessaa maamilootakoorraa argachaa jiruudha.

Aadaan aartii bineensota madaqsuufi aartii shaakalsiisuu Itoophiyaa keessatti kan hinbaramne waan ta’eef damee bal’inaafi gadi fageenyaan irratti hojjetamuufi fuulduratti bu’aan irraa argamu waan ta’eef mootummaanillee xiyyeeffannoo kennuufii qaba.

Bariisaa: Gama fakkiinoo hojiiwwan akkam akkamii hojjetteetta?

Lij Yaareed: Akkuman dura sii kaase biyya alaatti iddoowwan gara garaatti hojii fakkiitiin badhaasa argadheera. Biyya keessattimmoo qeerroo waliin ta’uun daandii Boolee, naannawa Edinaamool ofumaa bareecheen jira.

Ammaan tanammoo fakkii gootota Oromoo kanneen akka Abeebee  Tufaa, Abbaa Gadaa, Haadha Siinqeefi kanneen biroo kaaseera. Hojii koo kanas Mootummaa Naannoo Oromiyaatti agarsiiseen deeggarsa barbaachisaa naa taasisaniiru. Kanaafis hedduun isaan galateeffadha.

Bariisaa: Fakkiin goototaafi hayyoota Oromoo akka kaastu wanni sitaasise maali?

Lij Yaareed: Goonni seenaa cululuqaa hojjete yoommiyyuu yaadatamuu qaba. Itoophiyaan hayyoota seenaa hojjetan hundaaf siidaa yaadannoo dhaabuu osoo qabduu fakkeessitootaaf dhaabdee warreen dhiigan dhangalaasani isiin ishee gahan dagatteetti. Anas aarii santu na kakaase.

Goonni Oromoo seenaa hindabarre Itoophiyaaf hojjete siidaan dhaabachuufii osoo maluu Oromummaansaanii dagatamuun na gaddisiisa.

Bariisaa: Qeerroo wajjinis hojjechaa akka jirtu eerteetta qeerroon siif maali, akkamiin ibsita?

Lij Yaareed: Qeerroon akka ormi jedhu osoo hintaane humna jijjiiramaa sammuu qulqulluun yaaduufi gabrummaaf hinjilbeeffanneedha.

Jijjiirama har’a hunduu harka itti kaa’ee natu fide jedhu kana dhiiga isaatiin kan argamsiise, har’as borus bu’aa injifannoosaa kanaaf humna waardiyyaa dhaabbatuudha malee humna jeequmsaa godhanii olola afarsuun sirrii miti.

Bariisaa: Qeerroon bu’aa injifannoosaa kana dhandhameera jettee yaaddaa?

Lij Yaareed: Itti dhiigee aarsaa lubbuu kaffalee jijjiirama kana fidus xiyyeeffannoo qeerroon gama mootummaatiin argachaa jiru gadi aanaadha.

Qaanqee jijjiirama kanaa ta’ee osoo jiruu qaamolee tokko tokkoon akka humna jeequmsaatti lakkaawamuun gaarii waan hintaaneef humna gama dinagdeen, hwaasummaan, siyaasaan deeggaramuu qabuudha.

Bariisaa: Jecha Qeerroo jedhu wayita dhagahanitti kanneen nahan ykn nyaara butan hedduudha, kun maaliifi laata?

Lij Yaareed: Qeerroon humna harqoota gabrummaa cabsu, humna bilisummaa labsu, humna biyyaaf waardiyyaa dhaabbatuudha malee humna olola kijibaatiin fagootti balaaleffatamuu qabu miti.

Ani isaan waliinan oola. Sammuu qulqulluun socho’u. Gabrummaa balaaleffatu. Cunqursaaf nyaara hinlaatan. Walqixxummaa sabaafi sablammiitti amanu. Hattuufi saamtuu hindeeggaran. Kanarraa kan ka’e warri kaleessa akka fedhan saaman; hatan, hiraarsaa qaqqabsiisaniifi lammmiilee ajjeesaa turan karaan waan itti cufameef nyaara butuu danda’u.

Humna kana duubatti dhiibuuf yaaluurra osoo ofitti qabanii, ilaalcha madaalawaa osoo diriirsanii eenyummaasaatti gammaduu danda’u.

Qeerroon anaaf hiriyyaa kooti, hiriyyaa qabsoo kooti, humna biyya ijaarudha. Kanaaf ija hattuufi saamtuun jibbamus waanti dhufu hinjiru.

Bariisaa: Itoophiyaanummaan dhugaa akka dhufu maqaa Itoophiyaanummaan daldaluun akka hafuuf sabaafi sablammiileerraa maaltu eegama jetta?

Lij Yaareed:Jalqaba walqixxummaa sabaafi sablammiitti amanuu, walkabajuu, olaantummaa seeraaf buluu, miira wadandahuu gabbifachuudha.

Agarsiistuun Itoophiyaanummaa olaantummaa aadaa, afaan, duudhaa  saba tokkoon dhugooma jedhanii yaaduun dogoggora cimaafi hammaa waan ta’eef ilaalcha akkasii keessaa bahuun dirqama.

Hedduminni miidhagina, humna, utubaadha, wabiidha malee abaarsa godhanii ilaaluun sabaafi sablammii dhabamsiisuun Itoophiyaan ijaaramtu hinjirtu.

Itoophiyaa dhugaa kana ijaaruuf hunduu miira walqixxummaasaa mirkaneeffachuufi waliin tarkaanfachuu kan qabu yoo ta’u, Itoophiyaanummaan sirba iskistaatiin alaabaa Itoophiyaa durii marxifachuun of agarsiisuun kan dhugoomuudha jedhanii yaaduun burjaaja’uudha.

Addunyaa kam waliinuu jiraachuuf miirri madaalawaa qaamota lamaan gidduutti kan barbaachisu yoo ta’u, tokko ol tokkommoo gadi qabanii biyyi tokkummaan ijaaramtu hinjiraattu.

Kanaaf Oromoon nama miti bineensa bosonaayyuu madaqsee miira waldanda’uuf waliin jiraachuu kan danda’u waan ta’eef anis bineensota bosonaa ormi fagootti dheessu madaqsaan jira.

Bariisaa: Artist Lij Yaareed sosochiin kee kun itti fufiinsaafi milkaa’ina akka qabaatuuf mootummaarraa maal eegda?

Lij Yaareed: Mootummaan Naannoo Oromiyaa sosochii koo jajjabeessuu keessatti shoora olaanaa taphateera. Kun ta’us dhalootni barnoota aartii fakkiin horatamanii jiran muraasa waan ta’eef damicha cimsuuf barnoota ammayyaa babal’isuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Turtii nu  waliin taasisteef maqaa Kutaa Qophii Gaazexaa Bariisaatiin si galateeffanna.

Lij Yaareed: Isinis iyyaafattanii, bakka hojii kootti argamtanii hojiin koo ummata biraan gahuuf keessaniif guddaan isin galateeffadha.

Waasihun Takileetiin

Suurri Tsahaay Niguseetiin

Gaazexaa Bariisaa Sadaasa 6/2012

Recommended For You

438 Comments to ““Miirri Itoophiyaanummaa sobaa naa liqimfamuu didnaanin Oromummaatti deebi’e” -Artisti Lij Yaareed”

  1. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharm1st.com/#]buying prescription drugs in mexico online[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  2. indian pharmacies safe [url=https://indianpharm1st.com/#]cheapest online pharmacy india[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  3. natural remedies for ed [url=http://drugs1st.store/#]male erectile dysfunction[/url] medication drugs

  4. pin up zerkalo [url=http://pinupzerkalo.fun/#]Пин Ап Казино Официальный Сайт в России[/url] pin up zerkalo

  5. пин ап казино онлайн [url=http://biznes-fabrika.kz/#]Пин Ап Казахстан[/url] пины

  6. Официальный Сайт [url=http://pinupzerkalo.fun/#]бонусы пин ап[/url] pinco

  7. online shopping pharmacy india [url=http://indianpharm24.pro/#]India pharmacy international[/url] buy medicines online in india

  8. ed drug comparison [url=http://pharm24.pro/#]cheap drugs online[/url] prescription drugs canada buy online

  9. denemebonusuverensiteler.top [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler mycbet.com[/url] deneme bonusu veren yeni siteler

  10. deneme bonusu veren siteler 2024 [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler mycbet.com[/url] deneme bonusu veren siteler yeni

  11. ultrabet tr online [url=https://ultrabet-tr.online/#]ultrabet yeni giris 1125[/url] ultrabet yeni giris 1125

  12. denemebonusuverensiteler.top [url=http://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler denemebonusu2026.com[/url] deneme bonusu veren yeni siteler

  13. mexican border pharmacies shipping to usa [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexican pharmacy online medications[/url] mexican online pharmacies prescription drugs

  14. mexican rx online [url=https://mexicanpharmgate.com/#]MexicanPharmGate[/url] mexican mail order pharmacies

  15. purple pharmacy mexico price list [url=https://mexicanpharmgate.com/#]mexicanpharmgate.com[/url] buying prescription drugs in mexico

  16. prednisone 5 mg cheapest [url=http://prednisoneraypharm.com/#]order Prednisone[/url] prednisone 20 mg purchase

  17. where can i get cheap clomid pill [url=https://clomidrexpharm.com/#]buy clomid[/url] cheap clomid now

  18. ivermectin 80 mg [url=http://iverfast.com/#]generic Stromectol[/url] buy ivermectin for humans uk

  19. prescription medicine lisinopril [url=http://lisinopril1st.com/#]buy Lisinopril online[/url] lisinopril1st

  20. вавада казино онлайн [url=http://vavada-kazi.ru/#]вавада казино[/url] vavada kazi

  21. пин ап казино [url=https://pinup-kazi.kz/#]пин ап кз[/url] пин ап казино

  22. top ed drugs [url=https://canadianpharm1st.com/#]canadian pharm[/url] google viagra dosage recommendations

  23. mexican online pharmacies prescription drugs [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]mexican pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  24. mexican border pharmacies shipping to usa [url=http://mexicanpharmeasy.com/#]mexicanpharmeasy.com[/url] best online pharmacies in mexico

  25. medication from mexico pharmacy [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]Mexican Pharm[/url] buying prescription drugs in mexico

  26. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharmeasy.com/#]Pharm Easy[/url] buying from online mexican pharmacy

  27. Ivermectin Pharm [url=https://ivermectinpharm.store/#]ivermectin 6 mg tablets[/url] Ivermectin Pharm Store

  28. Pingback: visit the site
  29. how to get cheap clomid online [url=https://clomid.store/#]how to get generic clomid tablets[/url] can i purchase generic clomid without dr prescription

  30. where buy cheap clomid without rx [url=http://clomid.store/#]can i buy cheap clomid without dr prescription[/url] how to get generic clomid no prescription

  31. buy cipro online without prescription [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]ciprofloxacin over the counter[/url] buy generic ciprofloxacin

  32. buy cytotec [url=http://cytotec.top/#]cytotec pills buy online[/url] buy misoprostol over the counter

  33. buy cipro no rx [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro online without prescription[/url] cipro for sale

  34. purchase cipro [url=http://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro[/url] buy cipro online canada

  35. zithromax cost australia [url=http://azithromycinus.com/#]zithromax cost[/url] can you buy zithromax online

  36. buy cytotec in usa [url=https://cytotec.top/#]cytotec buy online usa[/url] buy cytotec pills online cheap

  37. buy cipro online [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]ciprofloxacin mail online[/url] buy cipro online without prescription

  38. cytotec abortion pill [url=https://cytotec.top/#]buy cytotec over the counter[/url] Cytotec 200mcg price

  39. buy cipro cheap [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro cheap[/url] ciprofloxacin over the counter

  40. where can i buy cipro online [url=https://ciprofloxacin.cheap/#]buy cipro without rx[/url] cipro for sale

  41. cheap semaglutide pills [url=http://semaglutidetablets.store/#]semaglutide tablets store[/url] cheap semaglutide pills

  42. пин ап казино зеркало [url=http://pinup2025.com/#]пинап казино[/url] пин ап зеркало

  43. en cok kazand?ran slot oyunlar? [url=https://slottr.top/#]en cok kazand?ran slot oyunlar?[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  44. en saДџlam bahis siteleri [url=https://casinositeleri2025.pro/#]son bahis giriЕџ[/url] yasal kumar oyunlarД±

  45. пин ап зеркало [url=http://pinup2025.com/#]пин ап вход[/url] пинап казино

  46. pharmacies in mexico that ship to usa [url=https://mexicanpharmi.com/#]Online Mexican pharmacy[/url] medicine in mexico pharmacies

  47. buy medication online [url=https://canadianpharmi.com/#]Canada pharmacy online[/url] vacuum therapy for ed

  48. mexico drug stores pharmacies [url=https://mexicanpharmi.com/#]Best online Mexican pharmacy[/url] mexican drugstore online

  49. top 10 pharmacies in india [url=https://indiapharmi.com/#]India pharmacy delivery[/url] pharmacy website india

  50. india pharmacy [url=https://indiapharmi.com/#]India online pharmacy international shipping[/url] world pharmacy india

  51. Online medicine home delivery [url=http://indiapharmi.com/#]India pharmacy international[/url] п»їlegitimate online pharmacies india

  52. cheap medications online [url=http://canadianpharmi.com/#]Cheapest drug prices Canada[/url] natural ed cures

  53. can i get clomid online [url=http://clomidonpharm.com/#]can you get cheap clomid without a prescription[/url] can you buy clomid now

  54. buy ciprofloxacin [url=http://cipharmdelivery.com/#]ciprofloxacin generic price[/url] cipro online no prescription in the usa

  55. medicine prednisone 10mg [url=https://prednibest.com/#]how to purchase prednisone online[/url] 50 mg prednisone from canada

  56. antibiotics cipro [url=http://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] buy ciprofloxacin over the counter

  57. where to buy amoxicillin [url=https://amoxstar.com/#]AmoxStar[/url] amoxicillin without rx

  58. can i buy amoxicillin online [url=https://amoxstar.com/#]amoxicillin tablet 500mg[/url] amoxicillin 500mg cost

  59. buy cipro online canada [url=https://cipharmdelivery.com/#]CiPharmDelivery[/url] ciprofloxacin mail online

  60. where can i get cheap clomid without dr prescription [url=http://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] how can i get clomid tablets

  61. where can i buy amoxicillin over the counter [url=http://amoxstar.com/#]amoxicillin 500mg[/url] buy amoxicillin

  62. cheap clomid [url=http://clomidonpharm.com/#]clomidonpharm[/url] cost of cheap clomid pill

  63. where can i buy cipro online [url=http://cipharmdelivery.com/#]ci pharm delivery[/url] ciprofloxacin mail online

  64. amoxicillin 50 mg tablets [url=https://amoxstar.com/#]amoxil pharmacy[/url] amoxicillin generic brand

  65. пин ап казино официальный сайт [url=http://gramster.ru/#]Gramster[/url] pinup 2025

  66. пин ап зеркало [url=https://gramster.ru/#]Gramster[/url] пин ап казино зеркало

  67. пин ап [url=https://gramster.ru/#]Gramster[/url] пин ап казино зеркало

  68. пин ап зеркало [url=http://gramster.ru/#]Gramster[/url] пин ап вход

  69. canada online pharmacy [url=https://canadianpharmacy.win/#]best canadian online pharmacy[/url] canadian drug

  70. www canadianonlinepharmacy [url=https://canadianpharmacy.win/#]is canadian pharmacy legit[/url] legal to buy prescription drugs from canada

  71. mexican rx online [url=https://mexicanpharmacy.store/#]best online pharmacies in mexico[/url] medication from mexico pharmacy

  72. buy medicines online in india [url=https://indianpharmacy.win/#]india pharmacy[/url] top online pharmacy india

  73. indian pharmacy online [url=https://indianpharmacy.win/#]india pharmacy mail order[/url] india pharmacy

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *